Gafa Amajji 23, 2023, Fuulli feesbuukii hordoftoota kuma jaha ol qabu, akka manni Oromoota walloo wal-itti bu’insa godina adda Oromoo Naannoo Amaaraa sanaan ta’ee jedhun Viidiyoon deeggare dirree soshal miidiyaa kana irratti raabsee ture. Viidiyoon gadhiifame kun immoo akka gareen hidhatee socho’uu, Oromoo ajjeessa jirufi qabeenyi isaanii samamettii ibsa.

Poostii feesbuukii kun dirree feesbuukii irrattii kan raabsame fi yaada namoota hedduu kan hawwatee dha.

Akka Haqcheck mirkanneessetti garuu Suuraan gadhiifame kun kan ture fi yaada gadhiifame faana gargarii dha. Kanaafu, Poostiin kun soba ta’unsaa mirkanaaweera.

Wal-itti bu’insa kun irra deddeebisee kan mula’atuu godina adda Oromoo Naannoo Amaaraatti fi zoonii kaaba shawa naannoo Amaaraati.

Yeroo dhiyoo asitti, akka miidiyaaleen gabaasanitti, wal-itti bu’insa bakkoota caqafaman lamanitti adeema jira.

Gafa Amajji 24, 2023, Adda Bilisaa Baasa Oromoo ibsa baasen, Haleellaan saba Oromoo walloo irratti motummaa naannoo Amaaraa deggerame irra gaha jiraachuun isaa ibse ture.

Ibsaa isaa kana irratti, Adda Bilisaa Baasa Oromoo akka ibseeti, qaamoota nageenya fi humnii Waraana, gafa Am ajji 21, 2023 namoota nagaa ajjeessu, mana gubbu fi qabeenya isaanii sammetti adeesa.

Akka gabaasa Adda Bilisaa Baasa Oromootti, namoonnii 65 ol ta’an akka ajjeefamanitti ibserra.

Haala kanaan kan poostiin feesbuukii gafa Amajji 24, 2023 Viidiyoo mana gubbachuu agarsiisu kan dirree feesbuukii irratti qode. Viidiyoon kun akka gubbachuu mana Oromoo-walloo naannoo Amaaraati akkeka.

Garuu Viidiyoon gadhiifame kun gubbachuu mana Oromoo-walloo jedhamuu hin Agarsiisu. Viidiyoon gadhiifame kun suuraa wal-itti qabun kan uumamee dha.

Suuraan Viidiyoo kana hojjachuuf fudhatamee kun poostii gafa mudde 23, 2020 maxxanfame irraa dha.

Suuraan oriijinalii kun kan maxxanfame ajjechaa Benishaangul Gumuzitti, godina maatakalitti ta’ee jedhameera fudhatamee dha.Kanaafu, poostiin kun soba ta’unsaa mirkanaaweera.

Similar Posts