Suuraan Gubbachuu mana dirree feesbuukii irratti gadhiifame kan akka wal-itti bu’insa dhiyoo kana magaalaa Axxayyee, naannoo Amaaraa jechuun gadhiifame dha. Suuraan gadhiifame kun immoo namoota laman dabalatte kan poostii ta’ee dha gafa Amajji 24, 2023, Fuulla feesbuukii hordoftoota kuma jaha ol qabun.

Satii lama booda, suuraan kun dirree feesbuukii irratti kan maxxanfame dha. Gabaasa wal-fakkaatan akka magaalaa Axxayyee keessatti lolii deema jirutti.

Haata’u iyyuu malee, Akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun kan maxxanfame waggaa sadii duraa fi kan lolaa magaalaa Axxayyee keessatti jedhamuu kan hin agarsiisne dha. Kanaafu, gabaasni kun soba dha.

Wal-waraansi bakkoota laman, jechuun Kaaba Shawaa fi Godina Addaa Oromiyaa naannon Amaaraa, bara 2019 irra kaase irra deddeebi’ee mumul’atan jira.

Onkoloolessa 2019, wal-itti bu’insa namoota gara kuma sadii ol ajjeefamani gabaafamee ture. Waggaa lama booda bara 2021, wal-itti bu’insa jabaa ta’ee godina adda Oromoo Naannoo Amaaraatti, keessuma bakkaa Axxayyee jedhamuu keessatii ta’ee ture.

Wal-itti bu’insii kun ji’oota lama oliif kan ture fi namoonnii nagaa dhibbaan lakkawaman kan ajjeefamani fi mada’annii dha.Namoonnii kuma dhibbaa sadii ol ta’an mana jireenya isaanii irraa kan buqqifamanii dha. Maneen jireenya kuma sadii ol ta’an kan gubbatanii gafa Ebla fi Bitootessa 2021.

Magaalii Axxayyee sababa wal-itti bu’insa kanaan baayyee miidhamtee turte. Yeroo sanatti,mootumman naannoo Amaaraa birrii biliyoona 1.5 akka isaa barbachiisu ibse ture magaalitti deebisanii ijaaruuf.

Gafa Ebla 2022, wal-itti bu’insa kaaba shawaa fi godina adda Oromoo Naannoo Amaaraati ka’e ture. Waraana kan irratti namoonnii hedduu ajjeefamani jiru.

Torbe kanaa keessatti dirree soshal miidiyaa irratti akka wal-itti bu’insii bakkaa kaaba shawaa fi  godina adda Oromoo Naannoo Amaaraatti ka’etti gabaafamee ture. Keessuma magaalaa Axxayyee fi jeewhatti.

Haala kanaan wal-qabattee kan Suuraan dirree feesbuukii irratti tatamsa’uu kan jalqabee, akka wal-itti bu’insii magaalaa Axxayyee keessatti ummametti kan qoodamee. Suuraan gadhiifame kun gubbachuu qabeenya agarsiisa. Suuraan kun immoo akkawoontii feesbuukii laman gadhiifamerra, feesbuukii lameen suuraa kan gadhisanii hordoftoota kuma shanii ol qabu, hangaa gafa Amajji 24, 2023tti.

Qoorannoon HaqCheck akka mirkanneessutti suuraan gadhiifame kun kan ture dha. Akkasuumas gabaasa wal-itti bu’insa jedhamuu hin agarsiisu.

Suuraan kun jalqabaa kan maxxanfame waggaa sadii duraa dirree feesbuukii irrati gafa Ebla 2019tti dha. Maxxansa Suuraa kan jalaatti barruun barreeffame akka gubbachuu mana amantaa magaalaa Axxayyeetti ta’ee dha.Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti, suuraan raabsame kun soba dha.

Similar Posts