Fuulli feesbuukii hordoftoota kuma torbaa ol qabu gafa mudde 5, 2022, suuraa fayyadamun akka sabni Amaaraa yeroo dhiyoo kanaatti, Oromiyaa keessatti ajjeefamani poostii godherra.

Suuraan gadhiifame kun immoo akka duguuggaan sanyummaa saba Amaaraa Oromiyaa keessatti ta’a jiru himataa.

Yeroo barruun kun katabamuutti, maxxansii feesbuukii kanaa Yeroo 39 ol tamsa’erra.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti, suuraan raabsame kun akka waanta jedhamuu hin mirkaneessine hubatterra. Kanaafu, poostii kun soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Yeroo dhiyoo asitti wal-itti bu’insa saba naannoo Oromiyaa keessatti irraa deddeebi’ee umamaa ture, keessuma naannoo wallaggaatti. Waraanii mootuumaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisuummaa Oromoo jidduutti, kan mootuumaan feederaalaa itoophiya Shanee jedhe waamu jidduutti haala jabaa ta’en ta’a jira.

Namoonnii nagaa hedduu ajjeefamani jiru. Lammiiwwan nagaa Saba Amhaaraa fi Oromoo ta’an Adeemsa Waraana kanaan ajjeefamanirru. Akka gabaasalee garagaraatii akka sabni Amaaraa buqqa’ee fi Waraanaan addaatti baayyee miidhametti gabaafama.

Ajjechaa kanaa immoo mootuumaan feederaalaa itoophiya akka gartuu shanee jedhe yaamu akka raawwatetti himataa. Gareen Waraana Bilisuummaa Oromoo of jedhe waamu immoo akka mootuumaan itoophiya raawwatetti himataa.

Yeroo dhiyootti akka ajjechaan jumulaa fi rakkoo nageenya zoonii wallaggaa baha keessatti, wal-waraansa gartuule mit-mootuummaa laman jidduutti ummametti gabaafamerra.

Suuraan akka sabni Amaaraa ajjeeffametti poostii ta’ee kun haala kanaan wal-qabattee kan maddee dha.

Akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun dhugaa ta’us garuu kan ture fi kan gafa Hagayyaa 2020 kan maxxanfame dha.

Suuraan kum jalqabaa kan maxxanfame weeb-sayitti irrattii dha. Maxxansa kanaa irratti akka loltoonii Suummaalee lama ajjeefamanitti kan akkeku dha. Sababiin ajjechaa kanaa immoo gudeeda daa’ima dhiira waggaa kudhanii irran geessisaniin, taaten kun kan rawwatame magaalaa Ba’iyidoowwa, kibba lixaa Suummaaleetti dha. 

Marrasareettiin oduun kun akka himuuti  loltoota kanaa akka magaalaa keessatti agarsiisanii booda qawween ajjeefamani ni ibsa, qawwee dhukaasun ajjechaa kanaa immoo kan raawwate diiviziinii jattamaa Waraana mootuumaa Suummaalee dha.

Kanaafu, Suuraa dogoggora fayyadamuu isaa irraa kan ka’en, HaqCheck poostiin kun soba akka ta’ee mirkanneesserra.

Similar Posts