Viidiyoon Kun Beela Tigraay Keessatti Mul'isaa?

Sadaasa 18, 2016 barreeffamni Feesbuukii tokko viidiyoo daa’ima Tigraayitti beela’aa jiru agarsiisa jedhu maxxanse ture.

Barreeffamni kun gara daawwattoota kuma 8 kan argate yoo ta’u, yeroo 121 ol qoodameera.

Himannaan walfakkaataan viidiyoo kana waliin kan dhiyaate maxxansa Feesbuukii biroo irrattis qoodameera.

Barreeffamni Feesbuukii biraa viidiyoo fi himannaa walfakkaatu agarsiisu daawwattoota kuma 5 kan argate yoo ta’u, yeroo 80 ol qoodameera.

Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gogiinsa hamaa fi rakkoon beela itti fufee jiraachuu isa gabaasni ni mul’isa.

Mootummaan naannoo Tigraay akka gabaasetti, waliigala lafa heektaara kuma 19 misoome keessaa, midhaan heektaara kuma 17, Gogiinsa aanaa Abergelle qofatti mudachuu isa ibseera.

Haalli kun kan hammaate Ejensii Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis (USAID) fi Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) UN’s himannaa hanna gargaarsaa qondaaltota mootummaa kaasuun gargaarsa dhaabsisan.

Sadaasa 3, 2016 Ejensii Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis (USAID) Itoophiyaatti raabsiin gargaarsa nyaataa ji’a jahaaf addaan citee ture Muddee keessa akka eegalu beeksiseera.

Onkoloolessa 21, 2016 Gabaasni OCHA akka tilmaametti, nannoo Amaaraa fi Tigraay keessatti haala gogiinsa fakkaatuun namoonni miliyoona 5 ol miidhamaniiru.

Dabalataanis Bulchiinsi naannoo Tigraay gogiinsaa fi beela aanaa Wejerat fi Atsbiitti adeemsifamaa jiru gabaasera.

Dhiyyoo kana miidiyaa hawaasaa irratti barreeffamoonni mootummaa naannoo Tigraay aanaa Abergelle keessatti beelli itti fufee jiraachuu isa himan.

Barreeffamoonni kunneenis namoota naannoo Tigraay keessa jiraniif maallaqa walitti qabuuf duula miidiyaa hawaasaa jalqabanii jiru.

Gabaasa beelaa fi duula maallaqa walitti qabuu gidduutti viidiyoon daa’ima beela’e agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamee ture.

Haa ta’u malee, viidiyoon duula kana keessatti fayyadame kun jalqaba 2016 sadaasa 2 TikTok irratti kan maxxanfame yoo ta’u, himannaan sobaa kun toora interneetii irratti mul’achuu isaa torban sadii dura maxxanfamee.

Viidiyoon kun jalqaba nama Kato Nicodem jedhamu TikTok akkaawuntii isarra maxxanfe ture.

Akkaawuntiin TikTok kun hordoftoota miiliyoona 1.8 kan qabu yoo ta’u deebii jalala miiliyoona 34.5 argatera.

Nikoodeem Yugaandaa keessatti dhaabbata bu’aa hin arganne kan daa’imman maatii hin qabnee gargaaru akka hoogganu himera.

Vidiyoo Kan himannaa sobaa kanaf fayyadame dabalatee viidiyoo walfakkaataa daa’imman kunuunsa argatan akkaawuntii isaa irratti yeroo baayyee ni qooda.

Viidiyoonni biroo daa’ima kana agarsiisanis akkaawuntii TikTokicharra maxxansamaniruu.

Barreeffama maallaqa walitti qabuu GoFundMe irratti barreesseen, Nicodem hundeessaa dhaabbata Yugaandaa keessatti daa’imman abbaa fi haadha hin qabne gargaaru “Save African Child 254 Ministry” fi hundeessaa dhaabbata daa’imman abbaa fi haadha hin qabne kan biraa “Kinderhilfezentrum” jedhamu ta’uu isa dubateera.

Akkasumas “nikolas Sebuufu” maqaa isaa isa dhugaa akka ta’ee himudhan “Kato Nicodem” maqaa masoo isaa ta’uu isaa ibseera.

Gabaasaaleen naannoo Tigraay keessatti gogiinsa fi rakkoon beela akka jiru kan agarsiisan yoo ta’u, viidiyoon kun garuu daa’ima beela’ee Tigraay keessatti argamu hin agarsiisu.

Kanaafuu HaqCheck maxxansa feeesbuukii kana viidiyoo sirri hin taane fayyadamuu isaatiin barreffama kana soba jedhe jira.

Similar Posts