Fuulli feesbuukii hordoftoota qabu gafa Gurraandhala 7, 2023 suuraa fayyadamun akka manni amantaa gubatteti qoderra. Gubbachuun mana Amantaa kun kan ta’ee akka wal-waraansa mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisaa Baasa Tigiraayii jidduutti ta’etti qoderra. Gubbachuu mana Amantaa Tigiraayii kanaa immoo kan qaqqabsiise wal-ta’insa mana Amantaa Itoophiyaa fi mana Amantaa ortodoksii Eritiryaattin akka godhamme hubachisa.

Haata’u iyyuu malee, Suuraan gadhiifame kun kan ture fi kan dhugaa hin agarsiisine dha. Gubbachuu mana Amantaa Tigraayii jedhamuu hin agarsiisu. Akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun soba dha.

Waraanii mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisaa Baasa Tigiraayii jidduutti kan jalqabame gafa sadaasa 3,2020tti dha Yeroo Adda Bilisaa Baasa rayyaa itisa itoophiya irrattii tarkaanfii fudhatee dha.

Gafa sadaasa 17, 2020, miidiyaa mootummaa kan ta’ee Itoophiya Niiwis Ejensii akka gabaasetti manni amantaa ortodoksii itoophiya Waraana mootummaan feederaalaa Itoophiya gageessu akka deggertuu ibse ture.

Akka gabaasaleen miidiyaa jedhanitti maneen Amantaa Waraana deema turen akka gubbatanii fi balaan irra gahe ibsaanii jiru.

Adeemsa Waraana kanaan lubboon mana amantaa ortodoksii naannoo Tigraayitti argaman akka hariiroo isaanii isaa finfinnee jiru faana addaan kutaan ibsanii turan.

Gafa Amajji 22, 2023 Abuuna Saawuroos, Phaaphasii kibba lixaa shawaa kan ta’an namoota digdamii ja’aa akka Phaaphasii ta’aniiti muddanirru.Muddama geggeeffame kan irratti beekamtii warra siyiinoodosii irran alaa kan ta’ee dha. Muddama kanaa booda Phaaphasoon Muddaman kudha torbaa naannoo Oromiyaati bakka ramadamaanitti akka imalan beeksisanirru.

Manni Amantaa ortodoksii Itoophiyaa Phaaphasumma Abuuna Saawuroos fi kaneen biro irra mulqaanirru.

Guyyoota muraasa booda gareen Abuuna Saawuroosiin hogganammu, phaaphasumma namoota kudha lama irra mulqaanirru.  

Wal-dhabdeen Phaaphasoota kanaan ka’e,kutaa biyyaatti keessatti rakkoon Uumameera. Akka gabaasa VOAtti  magaalaa shaashamanneeti rakkoo mana amantaatti ummamettin namoonnii sadii ajjeefamanirru.

Haala kanaan wal-qabattee manni amantaa ortodoksii itoophiya hordoftoota ishee akka uffata gurraachaa uffatanii adeemsaa Abba Saawuroos fi harkaa keessa galfanaa mootummaa akka moormaan hubachiisanirru.

Adeemsaa kanaan kan poostiin feesbuukii gafa Gurraandhala 6, 2023, akka manni amantaa ortodoksii naannoo Tigraayitti argamuu akka gubbatetti kan gabaase. Kun immoo adeemsaa Waraana Adda bilisaa baasa Tigiraayii fi Mootummaa feederaalaa jidduutti yeroo ta’u kan ummame dha.

Haata’u iyyuu malee, Suuraan maxxanfame kun kan ture fi poostii manni amantaa gubbachuu agarsiisa jedhu faana kan hin deeminee dha.

Suuraan gadhiifame kun kan agarsiisu gubbachuu mana amantaa biyyaa Eritiryaa, adii keyhtti ummame dha. Suuraan gubbachuu mana amantaa kanaa immoo kan fudhatamee waraana Itoophiyaa fi Eritiryaa jidduutti Adeemsifame irra kan fudhamee dha. Suuraan fudhatamee kun immoo Viidiyoo miidiyaa Rooyitersiin gafa ebla 1999 maxxanfame irra dha. 

Boodarra, poostiin kun ergaa iditii ta’e fi suuroota sadiin bakka buufame dha. Garuu HaqCheck Suuroon sadii kun waanta jedhamuu agarsiisu fi agarsiisu dhiisu isaanii hin mirkaneessine.

Kanaafu, HaqCheck poostii kun soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Similar Posts