Akkaawuntiin twitteraa hordoftoota 25,000 ol qabu tokko walxabajjii  02, 2022 ALA, suuraa Olusagoon Obasaanjoo fi Professar Mararaa Guddinaa mata duree “Olusagoon Obasaanjoon hayyuu siyaasaa Professar Mararaa Guddinaa waliinis waa’ee nagaa marii gaggeessaniiru!” jedhu maxxanse ture.

Hanga barreeffamni kun maxxanfamutti maxxansichi deebii 150 ol kan qabu yoo ta’u, yeroo 35 ol raabsemeera.

Haa ta’u malee HaqCheek suuraa kana ilaalee SOBA jedhee ramadeera.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa Adoolessa 2020 ALA,  irraa eegalee naannoo Tigraay keessatti humnoota wayyaanee waliin waldhabdee hidhannoo irratti bobba’ee ture.

Haata’u malee yeroo booda Mootummaan federaalaas araarra namoomaa labsee, ji’oota muraasa duras wayyaaneen raggaasifamee ture.

Hagayya 26 bara 2021ALA, Pirezidaantiin mootummaa Federaalaa Naayijeeriyaa duraanii Olusagoon Obasaanjoo biyyoota gaanfa Afrikaatti bakka bu’aa olaanaa nagaa fi tasgabbii  gaanfa Afrikaa ta’uun muudamaniru. 

Furmaata karaa nagaa barbaaduuf Kabajamoon Olusagoon Obasaanjoo hogganaa TPLF fi qondaaltota mootummaa waliin yeroo hedduu mari’ataniru. Bakka bu’aan kunis qaamoleen dhukaasa dhaabuu akka fudhatanii fi marii akka filatan amansiisuuf hojiin itti kennameera ture.

Caamsaa 31 ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa magaalaa guddittii naannoo Tigraay Maqalee keessatti hogganaa TLPF Dabretsion Gabramikaa’el waliin mari’ataniiru. Guyyaa lamaa booda, MM Abiy Ahimadiifi qondaaltota mootummaa waliin daawwannaa hojiif godina Baalee Roobee Oromiyaa deemaniiru.

Duubbee kana bu’uura godhachuun barreeffamni Tiwiitaraa kun Obasaanjoon hoogganaa mormituu Oromoo beekamaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa waliin waa’ee nageenyaa haasa’ee jedhe maxxanfame.

Haa ta’u malee suuraan kun maxxansa durii interneetii irratti argamu irraa kan fudhatamedha. Suuraan jalqabaa weebsaayitii Gamtaa Afrikaa irratti gaafa waxabajjii  21, 2021ALA, mata duree “Hogganaan ergama taajjabduu filannoo Gamtaa Afrikaa, Geggeessaa olaanaa kabajjamoo Olusagoon Obasaanjoon hogganaa Kongiresii Federaalawaa Oromoo Dr. Merera waliin mari’atan” jedhun maxxanfamee ture,.

Kanaafuu, HaqCheek suuraan mataduree kana deeggaruuf itti fayyadaman kan durii ta’uu isaa  mirkaneessee SOBA jedhee ramadeera.

Similar Posts