Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Caamsaa 26, 2022 ALA  fuula tiwiitaraa irratti suuraan barrefama, “Reeffa lammiilee nagaa Amaaraa Gojjam keessatti humnoota mootummaatiin ajjeefaman.” jedhu waliin maxxanfamee ture.

Barreeffamni kun  hanga maxxanfamutti maxxansi kun yeroo 40  ol qoodamee deebii 47 argateera.

Haa ta’u malee, HaqCheek suuraa kana qorachuun reeffa lammiilee nagaa Amaaraa Goojaam keessatti dhiheenya kana Mootummaan ajjeefaman akka hin agarsiifne mirkaneesse.

Naannoo Amaaraatti ji’oota muraasa darban keessa waldhabdeen milishaa Faanoo fi mootummaa federaalaa jiddutti ka’aa ture. Torban darbe humnoonni addaa naannichaa hoggantoota milishaa Faanoo to’annoo jala oolchuuf ykn hidhannoo hiikkachiisuuf yeroo yaalanitti waldhabdeen olka’ee walitti bu’iinsi hedduu akka uumame gabaafameera.

Tarkaanfiin ‘ethno-nationalist Amhara’ irratti, miseensota sochii biyyoolessaa teessoo qaban kan paartii Amaaraa (NAMA) dabalatee, gaazexeessitoota, fi namoota dhuunfaa naannoo Amaaraa guutuu irratti fudhatama jiru ‘Amhara ethno nationalist’ fi  Paartii Badhaadhina Amaaraa giddutti waldhabdee uumaa jira. Akka ilaalcha mootummaa federaalaatti milishoonni Faanoo caasaa ajaja mootummaa federaalaatiin alatti kan socho’an waan ta’eef nageenya Itoophiyaaf balaa ta’u danda’u jedhaniiru.

Abbotiin aango naannoo Amaaraa labsii “meeshaan waraanaa hundi hanga dhuma torbee kanaatti akka galmaa’u”  jedhani labsanii booda jeequmsi eegale ture. Akka mootummaan naannichaa jedhutti, taateewwan kontirobaandii, dhukaasa, murtii mana murtii gidduu seenuun yeroo dhiyoo asitti baay’inaan mul’achaa ture ilaalchisee, naannoo Amaaraaf “hojii seera kabachiisuu” barbaachisaadha jedheera.

Akka qaama hojii kanaatti namoonni 4500 ol to’annoo jala oolaniiru. Mootummaan naannichaa hojiin kun milishoota Faanoo irratti osoo hin taane “yakkamtoota” maqaa Faanootiin socho’an irratti akka ta’e irra deebi’ee mirkaneesse ture. Haa ta’u malee, namoota baay’ee naannichaa biratti, labsiin kuni fi gochi mootummaan akka tarkaanfii ‘Amhara Ethno-nationalist’ irratti fudhatameetti hubatameera.

Maxxansi kun haala kana fayyadamuun kan maxxanfame yoo ta’u, HaqCheek suuraan barreeffama kana keessatti fayyadame gabaasa bara 2015 websaayitii tokko  irratti mata duree “Duguuggaa Sabaa fi Duguuggaa Sanyii Itiyoophiyaa(Ethnic Based Massacre & Genocide Of Ethiopia) (2003 – 2018)” jedhuun maxxanfame irraa akka ta’e argateera.

Kanaafuu, HaqCheek suuraan barrefama kana deeggaruuf itti fayyadaman dulloomaa ta’uu isaa fi oduu maxxansichi gabaase waliin kan wal hin qabanne ta’uu isaa mirkaneessee, SOBA jedhee ramadeera.

Similar Posts