Gafa mudde 14, 2022, HaqCheck poostii feesbuukii akka qaamanii nageenya bartoota irrattii miidha geesisetti gabaafamee argee ture. Gabaasa isaa kanaa irrattii suuraan akka reebichi godhamme agarsiisa jedhuun maxxanfame qoratte ture.

Poostii kun dirree soshal miidiyaa irrattii baayyee qoodame fi hariiroo ijoo fayydamtoota soshal miidiyaa kana irra ture.

Akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun reebamu bartoota qaama nageenyaan jedhamuu hin agarsiisu. Kanaafu, HaqCheck Suuraa jedhame kun soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Wal-itti bu’insa bartoota fi qaamoota nageenyaa jidduutti uummamuun gabaafamee ture. Akka odeeffanno gargaraa jedhanitti, Sababni wal-itti bu’insa kanaa immoo dirqamsiisu “bartoota akka alaaba Oromiyaa maneen barnoota magaalaa finfinnee keessatti faarfattan” jedhameera.

Akka maddeen Oduu biyyooleessaa Itoophiyaatti, kaantiba magaalaa finfinnee Adaanech Abeebe jetteeti qamoonii hookora magaalaa keessatti kakaasuuf hojjacha turan jechuun ibsitee ture.

Gafa mudde 8, 2022, koomishiinarii qaama nageenyaa magaalaa finfinnee gabaasetti yakkamtoota gara 97, bartoota fi barsiisotaa dabalatte tohannoon seeraa jaala jiru.

Akka poolisiin jedhetti, yakkamtoonii tohannoo jalaa olaan, bartoonii fi barsiisoonii yaalii jeequmsaa kasuuf yaalani turan. Akkasuumas, alabaa mootuumaa feederaalaa fi mootuumaa naannoo Oromiyaa lafaa irrattii gootatuun isanii ibsamerra.

Buulchiitu fi Hoggantuun magaalaa finfinnee dammee nageenyaa kan taate Liidiyaa Giirma, gafa mudde 12, 2022 akka qaamnii nageenyaa yakkamotoota 72 tohannoo seeraa jalaa olchee sababa jeequmsaa magaalaa keessatti kasuuf hojjetaniitti ibsitee turte.

HaqCheck Viidiyoo gafa mudde 12, 2022 maxxanfame irraa akka hubatteti qaamonni nageenyaa naannoo shiroo meedatti yeroo bartoota reebaniitti agarsiisa.

Akka gabaasaan odulee agarsiisan kanaatti, mootuumaan feederaalaa akka bartoonni dirqaman faaruu mootuumaa naannoo Oromiyaa hin sirbine fi alabaan akka mulachuu hin qabne ajajamaa dabarseerra.

Suuraan akka reebamu bartoota agarsiisuf fayyadamamme haala kanaan wal-qabattee kan inni yaada ijoo soshal miidiyaa irraa kan ture.

HaqCheck Suuraan gadhiifame kun soba fi dhugaa ta’u isaa mirkanneessuf yaaletti, Suuraan gadhiifame kun soba dha. Suuraan kun bara 2016 kan gadhiifame yoo ta’u, kan inni agarsiisu immoo reebicha bartoota irrattii qaama nageenyaan gahe, Oromiyaa keessatti ta’e agarsiisa. Suuraan kun dhabilee mirgaa faalma kan akka humaan rayyit waachii faa irrattii maxxanfame dha. Reebichii bartoota irrattii gahee kun fincila bartoota bara 2016 akka hin tamsannee gochuuuf.

Link

Akka qaamonni nageenyaa reebichaa gaggeessan magaalitti keessatti gabaafamee jira. Garuu Suuraan kun reebichaa bartoota magaalaa finfinnee keessatti jedhame hin agarsiisu.Kanaafu, HaqCheck Suuraan kun akka soba ta’ee mirkanneesserra.

Similar Posts