Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 70 ol qabu tokko Caamsaa 14, 2022 ALA, barreeffama fi suuraa mata dureen isaa, “miseensonni raayyaa ittisa federaalaa hedduun Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tti makamuu isaanii dhageenyeerra.” jedhu maxxansee ture.

Hanga barreeffamni kun maxxanfamutti maxxansichi deebii 200 ol kan argate yoo ta’u yeroo 20 ol qoodameera.

Haa ta’u malee, HaqCheek suuraa barrefama kana deeggaruuf itti fayyadaman qorachuun Soba ta’u isaa mirkaneessera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaa federaalaa Itoophiyaatiin ABO-Shane jedhamee waamamu, qaama waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (WBO) keessaa tokko kan ture yoo ta’u, boodarra Caamsaa 1, 2021ALA, of danda’ee irraa adda ba’eera.

Gaafa Ebla 9, 2022 ALA,  Kongireessiin Federaalawaa Oromoo ibsa baaseen, mootummaan Federaalaa waldhabdee hidhannoo ABO-Shanee waliin jiru karaa nagaa furuun garee hidhatee jiru gara iddoo siyaasaatti akka fidu gaafateera. Paartichis akkuma Tigraayitti godhe mootummaan harka nagaa ABO-Shaneetti diriirsuuf waamicha dhiyeessee ture.

Oromiyaa kessatti torban darban Gabaasoonni hedduun ajjeechaa fi miidhaan namoota nagayaa haleellaa qilleensarraan gahe jira jechun bahaa tureera.  Humnoonni mootummaa Lammiilee nagaa irratti xiyyeeffannoo gochuu isaa itti fufeera.

Dilbata 02 Ebla, Qindeessaan Ajaja Kibba ENDF kan ta’an Koloneel Girmaa Ayele, raayyaan ittisaa garee kana irratti tarkaanfii murteessaan fudhatameera jedhan. Akka Koloneel kun jedhanitti, sochii qindoominaan humnoota federaalaa fi naannootiin garee kana irratti gaggeeffame miseensonni OLA to’annoo jala ooluu fi meeshaa waraanaa fi rasaasa adda addaa akkasumas meeshaalee yaalaa boji’aniruu.

Miseensonni raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa, fi waardiyyoota rippabilikaanotaa toora sabaatti qoodamanii OLAtti makamaa jiru jechuun barreeffamoonni adda addaa mul’achaa turaniiru.

 Eegdoota Rippabilikaanotaa gara OLAtti baqatan Link

Waraanni Itoophiyaa garee sabumaa irraa adda bahee jira. Link

Barreeffamni Feesbuukii, akkataa haala kana irratti fayyadamuun maxxansa isaa mirkaneessuuf maxxanseera.

HaqCheek suuraa barreeffama kana keessatti fayyadame ilaalee suuraan kun kanaan dura Onkoloolessa 31, 2021 ALA, fuula Feesbuukii hordoftoota kuma 140 ol qabu irratti akka oduu haaraattii, “Humni ittisaa Abiy Ahimad guutummaatti barbadaa’eera.Loltoonni Dasse irraa baraaraman meeshaa waraanaa isaanii Kemiseetti dabarsanii kennaa jiru, geejiba gara giddu galeessa Itiyoophiyaatti geessu argachuus danda’aniiru.” jedhu waliin maxxanfamee ture.

Even though there are several claims that government forces are defecting to OLA, the image used by the Facebook page to support the claim is wrong.

Odduun humnoonni mootummaa gara WBOtti deebi’aa jiru kan jedhaman hedduun jiraatus, suuraan fuula Feesbuukii odduu kana deeggaruuf itti fayyadame dogoggora.Kanaafuu, HaqCheek suura kana sakatta’ee Soba ta’uu isaa agarsiiseera.

Similar Posts