Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Fuuli Feesbuukii Caamsaa 15, 2022 ALA barreeffama walin suuraa shan maxxansee ture, Barreeffamni suuraa waliin maxxanfamees “suuraawwan kunneen jeettiiwwan C-130 Herkuules Itiyoophiyaan hidhattee jirtu agarsiisa” jedha.

Barreeffamni kun kan baay’ee fafaca’e yoo ta’u yeroo 44 ol kan qoodame fi deebii walakkaa kumaa ol argateera.

Haa ta’u malee HaqCheek suuraawwan kana qoratee barreefamni kun Gartokkoon Soba ta’uu isaa mirkaneesse.

Waraanni wayyaanee fi mootummaa federaalaa fi humnoota michuu isaa gidduutti yeroo dheeraaf adeemsifamaa ture furmaata hin arganne.

 Ji’oota muraasa dura araarri namoomaa mootummaa federaalaan labsamee, wayyaaneenis raggaasifamee ture. Kunis akka calaqqisa abdii fi karaa carraa marii nagaa fi waldhabdee hidhannoo karaa nagaa deebisanii dhaabuutti ilaalameera.

Dura taa’aa TPLF Dabreetsion Gabremikaa’el fi Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy waraanni erga labsamee booda kallattiin bilbilaan waliin haasa’uu isaaniis gabaasni hin mirkanoofne jira ture.

Akka Sagalee YouTube irratti gadhiifameen, hogganaan waraanaa olaanaa raayyaa waraanaa TPLF tokko kallattiin mariin akka jiru ibsuun, inniifi Taaddasaa Weredeen Moorisiyaatti hoogganaa ENDF kan ta’an Birhaanuu Juulaa waliin akka wal argan ibsaniiru.

Birhaanuu Juulaan gaafatamani, hoggantoota waraanaa olaanoo Wayyaanee waliin wal argine jechuun haalera.

TPLF karaan dippilomaasii waraana kana xumuruuf yoo fashalaa’e karaa waraanaa akka barbaaddu kan agarsiisu karaa biraatti akka gargaaramtu ibsaa turte. TPLF gargaarsi gara Tigraay akka hin seenne mootummaa federaalaa fi qaamota naannichaa  himachaa kan turte yoo ta’u, gargaarsi tibbana ga’e fedhii sanaa gadi ta’uu komattee jirti.

Torban tokko dura Ministirri Muummee Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa magaalaa Humeraatti argamu daawwataniiru.

Gama biraatiin Tigraay keessatti magaalota hedduu keessatti konfiraansiin ummataa gaggeeffameera. Dabretsion Gabremikaa’el, Fatlawaark Gabragziyaabiher, Geetaachaw Radda, fi Alam Gabrawaahd dabalatee hoggantoonni TPLF olaanoon waltajjiiwwan ummataa hoogganuun haasaa taasisanii turan.

Dabretsion Gabramikaa’el Caamsaa 10, 2022 ALA, magaalaa Maqalleetti walga’ii taasisaniin, karaan karaa nagaa waraana kana furuuf gargaaru duraanuu dhumee jiraachuu ibsuun, ummanni ‘waltajjii xumuraaf’ akka qophaa’u waamicha dhiyeessaniiru.

Gabaasni weerarallee dhiheenya kana kan mul’ate yoo ta’u, waraana guutuu ta’uun deebi’ee eegaluu mala jedhamee sodaan jira.

Dhiheenya kana mootummaan Itoophiyaa TPLF ‘shubbii waraanaa dha’aa jirti’ jechuun himachuun Gamtaan Awrooppaa akka ceepha’uu fi wayyaaneen waraana biraa gaggeessuu danda’u akka dhaabdu waamicha dhiyeessee ture.

Haaluma kanaan, jeettii Itiyoophiyaa C-130 Herkuules agarsiisan jedhu deeggaruuf barreeffamni Feesbuukii tokko suuraa shan qoodee ture.

Mootummaan Ameerikaa waxabajjii 6, 2018 ALA, Ityoophiyaaf xiyyaara C-130 Herkuules tokko biyyattiin hojii nagaa eegsisuuf akka itti gargaaremtuuf  kan kenne yoo ta’u, suuraan kun suuraawwan shanan maxxanfaman kana keessaa suuraan isaanii hammatameera.

Haa ta’u malee, suuraawwan shanan keessaa afur maxxansaalee durii biroo irraa kan fudhataman yoo ta’u, jeettiiwwan Itiyoophiyaa C-130 Herkuules hin agarsiisan.

Suuraa tokkoffaa

Suuraan kun viidiyoo bitootessa 1, 2014 chaanaalii YouTube irratti maxxanfame irraa kan fudhatame yoo ta’u, xiyyaara Airbus A400M agarsiisu.

Suuraa lamaffaa

Suuraan kun viidiyoo kilippii Ministeerri Ittisaa Ameerikaa Fulbaana 28, 2018 tiwiitara irratti gadhiise irraa kan fudhatame yoo ta’u, xiyyaara AC-130 Herkuules, maqaa masoo  ‘the Angel of Death’ jedhamuun moggaafame agarsiisu.

Suuraa sadaffaa

Suuraan kun viidiyoo Ministeerri Ittisaa Ameerikaa maxxanse irraa kan fudhatame yoo ta’u, hojjettoonni Ameerikaa xiyyaara C-130 Herkuules gaafa Waxabajjii 6, 2018 ALA, gara Itoophiyaatti geessite akkaamitti  itti fayyadamuu akka danda’an qondaaltota Itiyoophiyaa leenjisuu agarsiisa.

Suuraa afuuraffa

Suuraan kun viidiyoo gaafa Caamsaa 13, 2022 ALA, YouTube irratti maxxanfame irraa kan fudhatamedha.Viidiyoon mataan isaa chaanaalii kanarra jirus viidiyoo kana dura caamsa15, 2020 ALA, YouTube irratti maxxanfame kan xiyyaara Ameerikaa C-130 Herkuules agarsiisu irraa kan fudhatamedha.

Suuraa shanaffa

Akkuma suuraa isa afuraaffaa kunis viidiyoo Caamsaa 13, 2022 ALA, YouTube irratti maxxanfame irraa kan fudhatamedha.Viidiyoon chaanaalii kanarra jirus mataan isaa viidiyoo kana dura caamsaa 15, 2020 ALA, YouTube irratti maxxanfame kan biraa irraa kan fudhatame yoo ta’u, cimina xiyyaara Ameerikaa C-130 Herkuules ibsa.

Haala kanaan suuraawwan shanan barreeffama kana deeggaruuf maxxanfaman keessaa tokko qofti dhugaa akka ta’e hubatameera. Suuraaleen hafan afran soba waan turaniif xiyyaarota Itiyoophiyaa C-130 Herkuules hin agarsiisan.Kanaaf, HaqCheek barreeffamicha GARTOKKEEN SOBA jedhee ramadeera.

Similar Posts