Is Ethiopia’s economy bigger than its neighbors combined?

Muummicha ministera Itiyoophiyaa Dr Abiy Ahmed diinagdeen Itiyoophiyaa waggoota shan dura Afrikaa Bahaa keessatti sadarkaa lammaffarra kan turte yoo ta’u, amma kan biyyoota ollaa ishee walitti qabamanii caaleraa jedhan.

Dr Abiy mormii bal’aa hordofuun Ebla bara 2011 aangoo kan qabatani yoo ta’u, badhaadhina fi dimokraatawaa guddisuuf haaromsa diinagdee fi siyaasaa waadaa seenanii ture.

Mootummaan Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaatin durfamu, haaromsi kun biyyattii haalaan fooyyesse jechuun falma.

Itiyoophiyaan daandii diinagdee sirrii irra akka jirtuu fi diinagdeen guddachaa akka jirtu muummicha ministera irra deddeebiin mirkaneessaa turaniiru.

Dhiyoo kanas waggoota shanan darban keessatti GDPn Itiyoophiyaa dachaa lama ta’uu isa himatani turan.

Muummicha ministers Dr Abiy Ahmed haasawa dhiyoo kana Inistiitiyuutii Artificial Intelligence keessatti barattoota gannaaf taasisaniin Itoophiyaan guddachaa akka jirtu barattootaaf ibsaniiru.

Diinagdeen Itiyoophiyaa biyyoota ollaa ishee waliin wal bira qabuun falmii Itoophiyaa fi diinagdeen ishee guddachaa jira jedhu deggeruuf itti fayyadamaniruu.

Akkuma Dr Abiy jedhanitti diinagdeen Itiyoophiyaa, GDP maqaatiin madaalamu, Afrikaa Bahaa keessatti kan Keeniyaa waggoota shan duraa booda sadarkaa lammaffaa irra ture.

Bara 2011tti GDP maqaa Itiyoophiyaa akka Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Doolaara Ameerikaa biiliyoona 84.4, akkasumas GDP maqaa Keeniyaa akka Baankii Giddugaleessa Keeniyaatti Doolaara biiliyoona 91.2 ture.

Waggaa shan booda, bara 2015tti, GDP maqaa Itiyoophiyaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 126.8 yoo ta’u, GDP maqaa Keeniyaa ammoo Doolaara biiliyoona 119.5 ture.

Haala kanaan, GDP maqaatiin yoo madaalamu, diinagdeen Itiyoophiyaa Baha Afrikaa keessaa isa guddaadha.

Haa ta’u malee, diinagdeen Itiyoophiyaa kan biyyoota ollaa ishee walitti qabamanii caala jechuun muummicha ministera Dr Abiy Ahmed dubbatan kun soba dha.

Itiyoophiyaan biyyoota sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban jaha: Somaaliyaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Sudaan, Eertiraa, fi Jibuutii, akkasumas mootummaa abbaa biyyummaa qabatamaan qabdu tokko, Somaalilaandiin daangeffamti.

Akka Baankiin Addunyaa gabaasetti, Sudaan bara 2015tti GDP maqaan qabdu Doolaara Ameerikaa biiliyoona 51.7 ture.

Haaluma kanaan, GDP maqaa Keeniyaa fi Sudaan yoo walitti qabnu, kan Itiyoophiyaa caalaa baay’ee guddaadha (171.2 billion – 126.8 billion).

Daataan yeroo dhiyoo GDP maqaa Sudaan, Sudaan Kibbaa, Eertiraa, Jibuutii, Somaali land, fi Somaaliyaa karaa baankii giddugaleessaa ykn dhaabbilee istaatistiksii isaanii toora interneetii irratti hin argamu.

Kanaafuu, kaayyoo keenyaaf ragaa dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa biroo kan akka IMF irraa argamu irratti hirkatuu qabna.

Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) lakkoofsa Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa (GDP) maqaa biyyoota Gaanfa Afrikaa hedduu bara 2015 gabaaseera.

Lakkoofsi kun akka armaan gadiitti: GDP Itiyoophiyaa Doolaara biiliyoona 120.37, Keeniyaa Doolaara biiliyoona 113.7, Sudaan Doolaara biiliyoona 33.75, Somaaliyaa Doolaara biiliyoona 10.42, Sudaan Kibbaa Doolaara biiliyoona 8.54, Jibuutii Doolaara biiliyoona 3.66 ta’eera.

Daataan IMF odeeffannoo waa’ee ertiraa fi Somaaliland bara murtaa’eef kan hin hammanne ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Kanaaf, waliigalatti GDPn maqaa biyyoota ollaa Itiyoophiyaa shanan (ertiraa fi Somaalilaandii osoo hin dabalatin) bara 2015 Doolaara Ameerikaa biiliyoona 170 yoo ta’u, Doolaara Ameerikaa biiliyoona 120.37 tin caaleera.

Walumaagalatti, Itiyoophiyaan Baha Afrikaa keessatti GDP maqaa guddaa qabaattus, muummicha ministera Dr Abiy Ahmed diinagdeen Itiyoophiyaa ollaa ishee walitti qabame caalaa guddaadha jechuun isaanii ragaa dinagdee bara 2015 irratti hundaa’uun soba ta’ee argamera.

Similar Posts