Fuulli Feesbuukii tokko suuraa daa’imni tokko yeroo ayyaana Daamaraatti uffata halluu magariisa, keelloo fi diimaa qabu uffatte jirtuu warra ishee irraa butamtee poolisoota federaalaatiin to’annoo jala oolte jechuudhan qoodeera.

Barreeffamni kun miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan kan qoodame yoo ta’u, HaqCheck karaa telegram bot isaatiin himannaa kana wajjin odeffanoo wal fakkaatu argateera.

Haa ta’u malee HaqCheck suuraan kun yeroon isa kan darbee ta’uu isa fi kanaan dura qoodamee akka ture mirkanessera.

Suuraan kun daa’imni tokko ayyaana Daamaraa irratti uffata magariisa, keelloo fi diimaa uffate jirtuu warra ishee irraa butamte hin agarsiisu.

 Halaa kanan Haqcheck himannaa kana Soba taasiseera.

Heerri FDRE bara 1995 alaabaa kana sarara qajeelaa sadii magariisa, keelloo fi diimaa kan qabu yoo ta’u, pentagiraamiin keelloo wal-xaxaa ta’ee fi gaachana halluu cuquulisa irratti ifa kan ibsuu hundeesse.

Alaabaan Itoophiyaa madda falmii, walii galtee dhabuu, fi wal dhabdee keessattuu itti fayyadama asxaa urjii irratti ka’aa tureera.

Namoonni tokko tokko alaabaa halluu magariisa, keelloo fi diimaa asxaa urjii hin qabne barbaaduu, kaan immoo isumaa asxaa urjii qabu barbaadu.

Gama biraatiin Warri asxaa urjii kana hin barbaanne yeroo baay’ee, akka waan faallaa mirga hiree murteeffannaa gareewwanii fi ummatoota Itoophiyaa addaatti ilaalamuu.

Yeroo Ayyaana Daamaraatti nagaa fi tasgabbii eeguuf mootummaan, fi Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa alaabaa ykn mallattoo beekamtii hin qabne kamiyyuu akka hin fidne ykn akka hin uffannee, alaabaa Magariisa-keelloo-diimaa mallattoo Mana Kiristaanaa qabu irraa kan hafe, akeekkachiisanii turan.

Adoolessa 27, 2023 Komishiniin Poolisii Federaalaa sagantichaa irratti namooni dambii fi qajeelfama mootummaan baase kabajuu akka qaban kan beeksise yoo ta’u, kunis alaabaa ykn mallattoo ayyaana Daamaraa ykn Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa waliin wal hin qabanne kamiyyuu fiduu dhiisuu kan dabalatudha.

Haala kanaan, fuulli Feesbuukii tokko suuraa miidiyaa hawaasaa irratti, daa’imni tokko yeroo ayyaana Daamaraatti uffata halluu Magariisaa, keelloo fi diimaa qabu uffatte jirtuu warra ishee irraa butamtee poolisoota federaalaatiin to’annoo jala oolte jedhe qoodera.

Haa ta’uu malee, HaqCheck maxxansa kana qoratee suuraan kun kan yeroon isa turee ta’uu fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’uu isa mirkanessera.

Suuraan maxxansa kana keessatti fayyadame kun fulbana 2022 kan maxxanfame yoo ta’u, barreeffamni kun sochii #NoMore jedhu kan ibsu akka ta’ee fi, yeroo waraana mootummaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF)  gidduutti biyyoonni alaa dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu isaanii itti dhaga’ameef deebii ta’ee mul’atera.

Kanaafuu, HaqCheck maxxansa feesbuukii kana suuraa sirri hin taane waan fayyadameef maxxansa kana Soba jedhee jira.

HaqCheck odeeffannoo dabalataa argachuf jedhe nama maxxansa kana maxxanse qunnamuf yaali godhe turee, haa ta’uu malee namni sun hanga barreeffamnii kun maxxanfameetti deebii hin kennine.

Similar Posts