Akkawuntin X (Twitter) hordoftoota kuma 14 ol qabu tokko viidiyoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa dhihoo kana naannoo Amaaraa kessatti lammiilee nagaa reebaa jiran jechuun qoodeera.

Barreffamni X (Twitter) kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee yoo ta’u,yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti dawwattota kuma 12 ol argateera. Yeroo 400 oli immo irra deebi’amee kan maxxanfame yoo ta’u, deebii jalachuus 329 oli argateera.

Haa ta’u malee, HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’uu isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Naannoon Amaaraa Itiyoophiyaa waldhabdee hidhannoo humnoota mootummaa fi gareewwan milishaa Faanoo gidduutti uumame keessa jiru turan.

Waldhabdeen kun kan jalqabe yeroo mootummaan humnoonni waraanaa gartokkee naannichaa hidhannoo hiikkatanii humnoota nageenyaa birootti akka makaman waan ajajef ture.

Sababa kanaan gareewwan milishaa kutaalee naannichaa to’achuun mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa labsii yeroo muddamaa akka labsu taasiseera.

Mootummaan haleellaa faallaa erga raawwateen booda magaalota gurguddoo hidhattoota Faanoo jalaa deebisee qabachuu danda’eera.

Haa ta’u malee, naannichatti walitti bu’iinsi hidhannoo fi waldhabdeen itti fufee akka ture gabaasni ni mul’isa.

Ebla 11, 2023 walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti deemaa jiru kanaan namoonni dhibbaan lakkaa’aman akka ajjeefaman gabaasaaleen fi maxxansaalee miidiyaa hawaasaa ni mul’isu.

Haala kanaan waraani Itiyoophiyaa naannichatti namotaa nagaa reebaa fi rakkisaa jiru jechuun viidiyoo qooduun maxxansi X (Twitter) irratti mul’ateera.

HaqCheck himannaa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa darbe akka ta’e fi himannaa kana kan hin deeggaru ta’uu isaa mirkannesera.

Haa ta’u malee, HaqCheck viidiyoo kanaa kanaan dura Caamsaa 13, 2021 X(Twitter) irratti maxxanfame argamerra.

Viidiyoon kun jalqaba irratti yeroo waldhabdee hidhannoo mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota Adda Bilisummaa ummata Tigraay (TPLF) gidduutti waraanni Itiyoophiyaa namoota nagaa Tigraay reebaa fi shororkeessaa akka turan ibsa waliin qoodamee ture.

Kanaafuu, HaqCheck maxxansa X (Twitter) kana viidiyoo sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama kana Soba jedhe jira.

HaqCheck odeeffannoo dabalataa argachuuf jedhe nama maxxansa kana maxxanse qunnamuf yaali gedhe turee, haa ta’uu malee namni sun hanga barreeffamnii kun maxxanfameetti deebii hin kennine.

Similar Posts