Potential impact of explosive weapons on the Lalibela rock-hewn churches

Dhiyyoo kana miidiyaa hawaasaa irratti, keessumaa X (tiwitarii) irratti himannaan  hambaa addunyaa UNESCO (Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii) kan Itoophiyaa ta’an, waldoota dhagaan bocaman sadaasa 1, 2016 haleellaa qilleensaa raayyaa ittisa biyyaa itoophiyaatin gaggeeffamen miidhaman jechun maxxansera.

Himannaan kun kan ka’e waldhabdee hidhannoo naannoo Amaaraa keessatti hidhattoota Faanoo fi raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa gidduutti adeemsifamaa jiru walqabbateti.

Dhiyyoo kana magaalaa seena qabeettii Lalibelaa, naannoo manneen amantaa UNESCOtti galmaa’an keessatti walitti bu’iinsi mudateera.

Manneen kiristaanaa dhagaa irraa bocaman kan akka Lalibelaa, kan jaarraa 13ffaa keessa dhagaa jabaa irraa haala walxaxaa ta’een bocaman 11 kan of keessaa qaban yoo ta’u, Kiristaanota Ortodoksii Itoophiyaaf bakka imala murteessaa ta’anii dhaabbatu.

Manneen amantaa kunnii mallattoolee aadaa fi amantii Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa qaban keessaa tokko ta’uun kabajamuu.

Jaarraawwan darban keessa manneen amantaa Lalibelaa sababa dhiqannaa fi haala qilleensaatiin miidhaan irra gaheera.

Manneen amantaa tokko tokko sababa dhiqannaa lafaatiin balaadhaaf saaxilamu, kunis adda durummaan haala qilleensaa kan dhagaa irratti miidhaa geessisu irraa kan ka’edha.

Pirojektoonni kunuunsaa fi deebisanii dhaabuu dhiheenya kana bakka sanatti hojiirra oolaniiru.

Jalqaba jaarraa 20ffaa irraa eegalee duula deebisanii dhaabuu hedduun gaggeeffameera.

Kan hubatamuu qabu, duula sadii walitti aansuun bara 1913, 1947 fi 1959-61tti Saandiroo Anjeeliini, arkiteektii fi kunuunsaa Xaaliyaanii kan hojii kallattii deebisanii dhaabuu siidaa seenaatiin beekamu jalatti gaggeeffameera.

Haaromsi jalqabaa bara 1913 fi 1947 of eeggannoo saayinsii malee ariitiin kan raawwatame yoo ta’u, simintoo garmalee fayyadamuun haala waldootaa hammeessera. Anjeeliiniin deebisanii dhaabuu boodarra gama gadhee kana sirreessuu qabdi turte.

Tattaaffii deebisanii dhaabuu fi suphaa waldoota deeggaran keessaa kanneen UNESCO, US, fi Gamtaan Awurooppaa ni rammadamu.

Gamtaan Awurooppaa yeroo qorannoo fi sochiin kunuunsaa gaggeeffamaa jiruutti waldoota shan irratti gaaddisa yeroof akka ijaaramuu maallaqa kennudhan bara 2001tti waldoota shan yeroof gaaddisa ijarsisee.

Haa taʼu malee, gaaddisawwan sun raafamaafi sagalee waca kan qabuu fi, ulfaatinni isaaniis caasaa micciiramaa sana dhiphisuf sababa ta’era.

Gaaddisawwan kunneen ulfaatina, miidhaa qilleensaaf saaxilamuu fi hordoffii saayinsaawaa ta’uu dhabuun isaanii diigamuun manneen amantaa miidhuu danda’u sodaa uumuuf sababa ta’eera.

Kanaafuu, kunuunsa yeroo dheeraa waldootaaf eegumsa filannoo ta’e yaada dhiyeessuuf qorannoon kunuunsaa haaraan bara 2012 jalqabameera.

Bara 2012  ji’a Bitooteessa  pirezidaantiin Faransaay Maakroon Muummicha ministeera D/r  Abiy Ahmed waliin bakka waldoota Lalibelaa daawwatanii naannoo sana kunuunsuu, deebisanii dhaabuu, fi fooyyessuuf gargaarsa akka godhan waadaa galaniiru turan.

Pirojektiin haaromsaa fi deebisanii dhaabuu Imbaasii Faransaayiidhan eegalame kun bara 2012 fulbaana kan dhaabbate yeroo waraanni mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti gaggeeffamaa ture gara mootummaa naannoo Amaaraatti dhangala’ee ture.

Waldhabdeen mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti uumameen hiree waldoota Lalibelaa yaaddoo uumeera.

Wayyaaneen Hagayya 2014 Lalibelaa yommuu to’attu, mootummaan Itoophiyaa ammoo Muddee 2014 keessa deebi’ee to’ateera.

Bara 2015 onkoololeessa Faransaay Itoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 5 kan kennite yoo ta’u, manneen amantaa Laalibelaa kunuunsuu fi deebisanii dhaabuuf deeggarsa goote ture.

Deeggarsi kun kan kenname marsaa qophii sagantaa manneen amantaa kunuunsuu fi deebisanii dhaabuu irratti xiyyeeffate gaggeessuuf ture.

Naannoon Amaaraa Itoophiyaa mootummaan humna poolisii addaa naannolee diiguun poolisii idilee naannoo, poolisii federaalaa, fi waraana Itoophiyaa keessatti walitti makuun erga jalqabee, mootummaan Itoophiyaa fi hidhattoota Faanoo gidduutti waldhabdeen hidhannoo itti fufee jira.

Dhiyyoo kana naannoo Amaaraa naannoolee adda addaa fi, dabalatanis shawaa Kaabaa fi godina adda Oromoo keessatti Faanoo fi raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa gidduu waldhabdee uumamera.

Kana malees,Itoophiyaa keessa magaalaa seena qabeettii Lalibela waldhabdeen ummame, dhiheenya kana naannoo waldoota dhagaan bocaman Lalibelaatti milishaa Faanoo fi waraana Itoophiyaa giddutti waldhabdeen ka’eera.

Waldhabdeen hidhannoo kun nageenya waldoota Lalibela’s UNESCO Hambaalee Addunyaa irratti yaaddoo uumeera. 

Walitti bu’iinsi dhiheenya kana mudate sababa dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddaatiin lafa raafamuun nageenyaafi kunuunsa iddoo hambaa aadaa kanaa irratti mirkanaa’uu dhabuu dabaleera.

Magaalaa Lalibelaatti walitti bu’iinsi hidhannoo irra deddeebiin gareewwan milishaa Faanoo fi raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa gidduutti mudateera.

Lolli kun phu’agume 3, fulbaana 21 fi fulbaana 28 kan gabaafame yoo ta’u, hidhattoonni Faanoo fulbaana 28 sa’aatii dheeraaf magaalattii qabatanii fulbaana 29 Raayyaa Ittisa Itoophiyaatiin deebi’anii qabamaniiru.

Gabaasni miidiyaalee akka agarsiisutti yeroo walitti bu’iinsa irra deddeebi’amee mudatu kana keessatti meeshaaleen waraanaa ulfaatoo qacaramanii kan turan yoo ta’u, yeroo meeshaaleen waraanaa gadi lakkifaman lafa akka raafamu taasiseera.

Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kan mana lubummaa kaaba Wolloo fi kamisee nageenya manneen amantaa Lalibela irratti yaaddoo akka qaban ibsuun,Mana Lubummaa kaaba Wolloo kan ta’an Luba Abuuna Ermiyaas,sababa lola uumameen manneen amantaa lalibela balaa guddaa keessa akka jiran ibsaniiru.

Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Amaaraa yaaddoo uumameef deebii kenneen, yeroo lola kana manneen amantaa Lalibelaa miidhaan irra gahe jechuun himannaa miidiyaa hawaasaa irratti naanna’ee mormeera.

himnii kun kan ba’e yeroo walitti bu’iinsa loltoota raayya ittisa biyya Itoophiyaa fi hidhattoota Faanoo gidduutti Lalibelaatti uumameen waldhabdee manneen amantaa irra gahe jechuun gabaasa ba’e hordofuudhani.

Daarektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Qorannoo fi Eegumsa Hambaalee Aadaa Abebaw Ayalew akka ibsanitti, koreen namoota dhuunfaa torba of keessaa qabu manneen amantaa kunneen miidhaan irra ga’uu fi dhiisuu isaa madaaluuf Lalibela daawwateera.

Naannawa sanatti raafama lafa akka jiru hubachiisuudhan dallaa fi caasaa manneen amantaa irratti caccabni haaraan akka hin jirre mirkaneessera.

Abebaw akka ibsanitti waajjirri kun meeshaalee kallattii sadii (3D) fayyadamuun caccabni kanaan duraa akka bal’atu fi akka hammaatu taasiseeraa fi dhiisuu isaa qorachaa jiruu.

dabalanis koreen kun manneen amantaa meeshaa waraanaa fi ciccitaadhaan akka hin miidhamne mirkaneessera jechun mirkanessaniruu.

Taʼus, rasaasa haaraa dallaa muuziyeemichaa irratti kaaʼame tokko kan argan, Biite Medhane Alem, walda mana amantaa ortodoksii dhagaadhaan bocame Lalibela keessatti argamu.

Walgahii ummataa tibbana Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi naannoo Amaaraa magaalaa Lalibelaatti qopheesse irratti, waraanni waraana Itoophiyaa naannoo manneen amantaa irraa meeshaa waraanaa fi qawwee maashinii dhukaasuun, bu’aan isaa raafama lafaa akka uumame hirmaattonni gabaasan.

Meeshaan dhoo’aan gamoo fi caasaa akkamitti miidhaa?

Meeshaaleen waraanaa dhoo’an, akkuma Gabaasa dhaabbata ogeeyyii meeshaalee dhoo’an irratti adda duree ta’e,Giddugala Idil-addunyaa Albuuda Namoomaa Hiikkachuu Jenevaa, bara 2010tti karaa gurguddoo lamaatiin gamoo fi caasaa miidhuu danda’u: karaa bu’aa jalqabaa fi lammaffaa.

Bu’aan jalqabaa dhiibbaa dho’iinsa garmalee, ciccituu fi ho’a kan dabalatu yoo ta’u, bu’aan lammaffaa ammoo caccabaa ykn ciccituu sadarkaa lammaffaa, maqaa ibiddaa, rifachuu lafaa fi bolla (qaawa)  kan hammatudha.

Dhiibbaan sadarkaa lammaffaa kun naannoo meeshaan dhoo’aan sun itti dhoohu irratti hundaa’uun kan uumamudha.

Sadarkaan miidhaa kun wantoota hedduu irratti kan hundaa’u yoo ta’u, isaanis meeshaa dhoo’aa addaa itti fayyadame, fageenya bakka dho’e irraa gara caasaa sanaatti jiru, fi meeshaalee ijaarsa gamoo sanaa keessatti fayyadaman irratti hunda’aa.

Dhiibbaa dhoo’aa garmalee, ciccituu fi ho’a

Dhiibbaan garmalee dhohinsaa, bu’aan jalqabaa baay’ee miidhaa geessisu, kan uumamu yeroo anniisaan dho’iinsa keessatti saffisaan gadi lakkifamudha.

Dambaliin dhohinsaa cimaan, rifannaa dambali jedhamuun kan beekamu, saffisa sagalee ol ta’een qilleensa keessa kan deemu yoo ta’u, caasaa dhiyoo jiru irratti humna guddaa geessisa.

Humni kun gamoo miidhuu kan danda’u yoo ta’u, foddaa fi dallaa irratti dhiibbaa gochuun foddaan akka caccabu, dallaan akka qaxxaamuree fi caasaan akka jigu taasisa.

Caccabni meesha dhoo’aa kanarra argamu, keessumaa kanneen keesii sibiilaa mataa waraanaa irraa maddan, bakka dho’e irraa meetira kudhaniin hanga dhibba muraasa fagaatee deemuu danda’a.

Ciccituun, dhiibbaan guddaan kan biraa, pirojektiilee saffisa guddaa qaban meeshaalee keesii irraa facaasuun kan dabalatudha.

Ciccitoonni kun xixiqqoo irraa kaasee hanga ciccitaa gurguddootti garaagarummaa kan qaban yoo ta’u, gamoo fi caasaa irratti miidhaa geessisuu danda’u.

Akka dambalii dhohinsaa gamoodhaaf balaa kan hin qabne taʼus, ciccitoonni kun amma iyyuu balaa geessisuu dandaʼu.

Ho’i yeroo dho’u gadi lakkifamu bakka dhiyoo jirutti kan daangeffame yoo ta’u, yeroon isaas gabaabaa dha.

Ho’i kun kan uumamu walnyaatinsa keemikaalaa cimaa dho’iinsa dhoo’aa keessatti uumamu irratti dha.

Kunis Meeshaalee ijaarsaa miidhuu kan danda’u yoo ta’u, socho’uu isaanii hir’isa.

Balaan ho’aa inni guddaan yeroo baay’ee balaa dho’iinsaa fi ciccituu caalaa cimaa kan hin taane ta’us, ammallee meeshaalee ijaarsaa fi caasaa laaffisuun akka isaan socho’uu dhabanii fi suuta suutaan akka kufaniif gumaachuu danda’a.

Kana malees, hoʼi meeshaalee abidda qabsiisan kakaasuun ibidda dabalataa fiduu dandaʼa.

Caccabaa ykn ciccituu sadarkaa lammaffaa fi maqaa ibiddaa

Dhiibbaan sadarkaa lammaffaa kan uumamu yeroo dhohinsi naannoo isaa jiru waliin walqunnamudha.

Caccabni, ciccitaa meeshaalee ijaarsaa, biqiltoota ykn wantoota buqqaʼan kan biroo dabalatee, caasaa wajjin walitti buʼuudhaan miidhaa dabalataa geessisuu dandaʼa.

Ciccitoonni sadarkaa lammaffaa hamma ciccitaa jalqabaa fagoo ykn saffisaan deemuu baatus, amma iyyuu dallaa keessa seenuu, foddaa cabsuu fi miidhaa caasaa geessisuu dandaʼu.

Ibiddaa maqaa, kanneen meeshaalee gubatan ykn ciccitaa irraa ijaaraman, dhiyoo jiran qabsiisuu danda’u.

Haalli kun kan uumamuu danda’u meeshaan dhoo’aa tokko wantoota abidda qabsiisan kan akka mukaa, marga, konkolaataa fi boba’aa irratti dhihoo ta’ee yeroo dhoo’u ta’uu danda’a.

dhagaa boba’aa meeshaalee gubatan dhiyoo jiran qabsiisuudhaan gamoo fi caasaa balaadhaaf saaxiluu fi miidhaa akka dabalu gumaacha.

Rifannaa lafaa fi bolla (qaawa)

Rifannaa lafaa kan uumamu anniisaan rifanna dambalii irraa dhufu gara lafaatti yeroo dabarfamuun bu’uura gamoo raasee, qulqullina caasaa isaanii balaadhaaf saaxiluu fi balaa kufaatii yeroo ol kaasudha.

Bolla (qaawa), dhibba lammaffaa kan biraa, kan uumamu yeroo bakka dho’iinsaatti lafa keessatti gadi bu’iinsi uumamu, caasaa dhiyoo jiru miidhuu fi bu’uura tasgabbii dhabsiisuu danda’a.

Tibbana kana waldoota dhagaadhaan bocaman Lalibela irratti miidhaa qaqqabe himannaan dhiyaate ammallee kan hin mirkanoofne yoo ta’u, waldhabdeen naannoo waldoota saaxilamoo kanaa fi bobbaa meeshaa dhoo’aa midhaa dabalataa fiduu danda’a, kunis dhiibbaa dhohinsaa garmalee, ciccituu, ho’a, maqaa ibiddaa, rifanna lafaa fi bolla (qaawa), caccabaa (ciccituu sadarkaa lammaffaa) kan hammatudha.

Similar Posts