Gafa Guraandhala 23, 2023, akkowuntiin tiwiiterrii tokkoo suuroota maxxanse ture akka hongeen naannoo boroonaatti ka’e sawwaan horsiise bulaa du’aa jiranitti. Suurooti maxxanfaman kun lafee sawwaan dhumaan agarsiisa.

Poostiin tiwiiterrii kun kuma ol ilaalamerra akkasuumas yeroo shantamaa ol qodamerra.

Haata’u malee iyyuu, Qoorannoo HaqCheck akka mirkanneessutti, Suuraawwan qodamaan hongee Boraanaa, Oromiyaatti jedhamuu hin Agarsiisu. Kanaafu, Poostiin kun soba ta’u isaa mirkanneesserra sababa suuraawwan dogoggora fayyadamu irraa kan ka’een.

Akka gabaasa miidiyaaleetti bakka baayyee kutaalee Oromiyaa fi Suummaalee keessatti balaan hongeettin qaqqabaa jira. Hongeen kun bakkeewwanii naannoo kanaatti mulachuu kan jalqabee waggaa shan duraa ture. Waggoota shanaan keessatti irraa deddeebi’ee mumul’atan ture. Keessuma bakkeewwanii heedduu boraanaa keessatti balaa guddaa qaqqabsiise jira. 

Kutaalee Oromiyaa baha fi kibbaa balaa hongee kanaan baayyee midhamanii jiru. Keessuma waggoota shanaan kanaa wal-itti fufinsaan midhan guddaa irra gaheeraa. Waggaa darbee ijjoolee, durbatoon fi manguddoota irra rakkoo fayyaan irraa gaheeraa. Keessuma, loon hedduuttu du’erra balaa hongee kun geessisen.

Hongee kanaa kan qaqqabsiise manxamma qilleensaa irraa kan ka’een. Rakkoo roobni roobuu dhiisun isaa irra kan ka’een, margaa loon dhabamuu geessise irra maddaa. Kun immoo du’atti loon hedduu irra geesiserra.

Balaa hongee kanaa irraa kan ka’een namooti garaa kuma dhibbaa sadetti degersa nyaataa ariifachiisaa isaan barbaachisa.

Namoonnii baha itoophiyaa jirataan kan akka boraanaa horsiisuun kan jireenya isaanii gaggeessaaniidha. Jiruuf jireenyi isaanii guyyaa guyyaan halaa jiruf jireenya kanaa irratti kan hunda’ee dha. Rakkoon roobaa fi margii dhedhammu dhabamuun immoo jiruuf jireenya isaanii balaa irraa buusa.

Haala kanaan keessatti, poostiin tiwiiterrii akka hongeen Oromiyaa, Boraanaa keessatti geesisaa jiruuf Suuraawwan loon du’aan agarsiisun kan qode. Lafeewwan kaneen loon balaa hongeen qaqqabsiisen du’aan akka agarsiisu kan qodammeedha.

Haata’u iyyuu malee, suuraan raabsame kun kan ture fi balaa hongeen geessisa jiru kan hin agarsiisnee dha. Suuraan jalqabee dirree feesbuukii irratti kan gadhiifame gafa Bitootessa 18, 2022, akka balaan hongee baalee fi Boraanaa keessatti geessise agarsiisuf.

Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti suuraawwan raabsaman kun soba jechuun mirkanneesserra. Suuraawwan fayyadamaan balaa hongeen qaqqabsiise kan amma hin agarsiisu.

Similar Posts