Itiyoophiyaan lafaan hin marfamne qarqara galaanaa akka argattu seerri idil-addunyaa wabii ni kennaa?

Qondaaltonni mootummaa Itiyoophiyaa fi miidiyaaleen walitti hidhamiinsa qaban biyyattiin qarqara galaanaa akka barbaaddu ibsaniiru.

Muummicha ministera Dr Abiy Ahmed Itiyoophiyaan karaa Galaana Diimaa ykn Galaana Hindiitiin galaana seenuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru tura.

Dabalatan Mootummaan biyyoonni ollaa dhimma kanarratti akka mari’atan dhaamaniiru. 

Himata fi mata duree himannaawwanii

[maxxansa X: hidhaa]

[Viidiyoo YouTube: (link) hidhaa]

HaqCheck gabaasa miidiyaalee mootummaa waliin hidhata qabaniifi miidiyaalee hawaasaa hordofu irratti hundaa’uun, dhimmicha ilaalchisee himannaa mootummaan Itiyoophiyaa dhiyoo kana keessatti mata dureewwan gurguddoo afur adda baaseera

1.Qarqara galaanaa ykn galaana dhaqqabuu: Miidiyaaleen mootummaa (hidhaa) fi mootummaan Itiyoophiyaan qarqara galaanaa akka barbaaddu fi mirga kana seera idil-addunyaatiin mirkaneessuu akka dandeessu mirkaneessaniiru.

2.Itti fayyadama qabeenya galaanaa: HaqCheck seerri idil-addunyaa Itiyoophiyaan lafaan marfamte qabeenya galaanaa, kan akka qurxummii qabuu, biyyoota qarqara galaanaa jiran waliin walqixa akka itti fayyadamtu hayyama jedhus ilaaleera.

3.Mirga geejjibaa galtee fi al-ergii: Miidiyaaleen mootummaa fi qondaaltonni mootummaa seerri idil-addunyaa biyyoota lafaan hin marfamneef mirga geejjibaa galtee fi al-ergii akka mirkaneessu mirkaneessaniiru.

4.Bilisummaa doonii: Qondaaltonni mootummaa seera addunyaa kaasuun galaanni olka’aan kan eenyuyyu akka hin taanee fi Itiyoophiyaan mirga walabummaa doonii akka qabdu ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa waa’ee seera idil-addunyaa Itoophiyaan qarqara galaanaa akka mirkaneessu, geejjibni galtee fi al-ergii, bilisummaa doonii, fi itti fayyadama qabeenya irratti dubbatu adda durummaan Konveenshinii seera galaanaa (UNCLOS) kan bara 1975 ba’e irratti kan hundaa’edha.

Mootummaan Itiyoophiyaa, miidiyaaleen mootummaa, fi qondaaltonni Itoophiyaa seerri idil-addunyaa Itiyoophiyaan qarqara galaanaa akka argattu kan hayyamu ta’uu isa himan.

Seerri galaanaa maali?

Seerri galaanaa qaama seera idil-addunyaa dhimmoota galaanaa fi mirga geejjibaa galaanaa irratti, himannaa albuuda galaanaa, fi aangoo bishaan qarqara galaanaa wajjin walqabatan kan bulchudha.

Maddi seera galaanaa maali?

Maddoonni seera galaanaa, kan seera idil-addunyaa dhimmoota galaanaa kanneen akka galaana guddaa, mirga geejjibaa, himannaa albuuda galaanaa, fi aangoo bishaan qarqara galaanaa bulchu, adda durummaan aadaa fi waliigalteewwan idil-addunyaati.

Jijjiirama seera galaanaa

Kongiresii Viyeenaa bara 1808

Bara 1808tti Oostiriyaa, Biriteen, Raashiyaa, Pruushiyaa (Jarman), Faransaayii fi biyyoonni Awurooppaa biroo Waliigaltee Viyeenaa mallatteessaniru.

Waliigaltichi laggeen Awurooppaa keessattuu Raayinii fi Daanuub dooniidhaaf banaa ta’uu akka qaban ibsaa.

Kongireessiin Viyeenaa biyyoonni hundi lageen idil-addunyaa fi laga isaanii irratti wal qixa dooniin deemuu akka qaban hundeesse.

Qajeelfamni kun waliigalteewwan jaarraa kudha sagalffaa galaanaafi geejjibaa ilaalchisee godhaman hunda keessatti itti fayyadamaa ture.

Seera Mannheim bara 1861

Bara 1861tti biyyoonni Jarmanii ammaa Baaden, Baavaariyaa, Heesii fi Piruushiyaa, akkasumas Faransaayii fi Nezerlaand Waliigaltee Manhaayim mallatteessan. Waliigaltichi laga Raayiin biyyoonni hundi billisa akka doonii oofan taasiseera.

Konveenshinii fi Seera Bilisummaa Geejjibaa Baarseloonaa bara 1913

Waliigaltee Versa’illes hordofee kan bara 1913 Konveenshiniin Baarseloonaa biyyoonni lafaan hin marfamne meeshaalee naannoo biyyoota biroo keessa akka geejjiban hayyame.

Waliigaltichi mootummoonni kaffaltii geejjibaa baasii tajaajila geejjibaa hojjechuu ykn kennuu caalu akka hin kaffalle dhorkeera.

Konveenshiniiwwan Jenevaa Seera Galaanaa bara 1950

Bara 1950 Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii konfiraansii waamuun waliigaltee seera galaanaa irratti wixineessuuf murteesse.

Yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jalqabaa Seera Galaanaa Jenevaa Siwiizarlaanditti kan geggeeffame yoo ta’u, biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gidduutti waliigalteewwan idil-addunyaa afur akka ragga’an taasiseera:

1.Konveenshinii Galaana Naannoo fi Zoonii Walitti Aanaa

2.Konveenshinii Kontiinentaal Sheelfii

3.Konveenshinii Galaana Guddaa

4.Konveenshinii Qurxummii Qabuu fi Kunuunsa Qabeenya Lubbuu Galaana Ol’aanaa.

Konveenshinii Daldala Geejjibaa Biyyoota Lafa Hin Qabne bara 1957

Konveenshiniin kun biyyoonni lafaan hin marfamne meeshaalee naannoo biyyoota birootiin gara buufata galaanaa akka geejjibsiisan ni hayyama.

Konveenshinichi biyyoonni lafaan hin marfamne daldalanii dinagdee isaanii guddisuuf galaana argachuu akka qaban qajeelfama jedhu irratti kan hundaa’edha.

Konveenshinichi meeshaaleen biyyoota lafaan hin marfamne irraa galchuu fi erguun naannoo biyyoota biroo keessa darban qaraxa gumrukaa ykn kaffaltii geejjibaa garmalee kaffalamuu akka hin qabne ibsa.

 UNCLOS III

Bara 1975tti Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNCLOS III) mallattaa’e.

UNCLOS waliigaltee bal’aa kan ta’ee fi waliigalteewwan kanaan duraa afran hunda kan bakka bu’uudha.

Amma madda seera idil-addunyaa bishaan idil-addunyaa isa guddaa ta’eera.

Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNCLOS) biyyoonni 60 erga raggaasisanii booda bara 1987 hojiirra oole.

Haa ta’u malee, Ameerikaa, Eertiraa fi Turkii dabalatee biyyoonni hedduun ammallee UNCLOS raggaasisuu qabu.

Ameerikaan UNCLOS abbaa biyyummaa fi bilisummaa dantaa biyyaa mataa isheetiif socho’uu daangessuu akka danda’u falmiteetti.

Itiyoophiyaa fi UNCLOS.

Itoophiyaan bara 1975 waliigaltee seera galaanaa (UNCLOS) Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan mallatteessite yoo ta’u, hanga ammaatti waliigaltee kana waan hin raggaasifneef qaama waliigaltee kanaa ta’uu hin dandeenye.

Itiyoophiyaa fi  Galaana bira ga’uu danda’u

Itiyoophiyaan Galaana Diimaa waliin hariiroo walxaxaa fi guddaa qabdi.

Yeroo ammaa kana lafaan kan hin marfamne ta’us, walitti dhufeenyi seenaa biyyattii, hiikni ji’oopoolitikaa, fi fedhiin dinagdee galaanaan imaammata alaa fi biyya keessaa ishee keessatti qaama barbaachisaa taasiseera.

Impaayera Aksumayitti irraa eegalee, dhiibbaan Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irratti qabdu yeroo tokko guddaa ture, kutaalee qarqara galaanaa ijoo ta’an irratti ol’aantummaa qaba ture.

Yeroo seenaa adda addaa keessatti biyyattiin qaqqabummaa galaanaa kana daldalaa fi jijjiirama ji’oopoolitikaatiif fayyadamti turte.

Dhuma jaarraa 19ffaa keessa Xaaliyaan Eertiraa erga koloneeffattee booda, Itiyoophiyaan yeroodhaaf galaana Diimaa argachuu dhabde turte.

Haa ta’u malee, Eertiraan bara 1945 bulchiinsa Itiyoophiyaa taatee hammatamuun ishee qaqqabummaa kana deebiseera.

Bara Mootii Hayilasillaaseetti Itiyoophiyaan buufata doonii Eertiraa Massawaa fi Assab sochii galaanaa adda addaatiif itti fayyadamaa turte.

Buufatni doonii kunniin bara 1949tti Rakkoo Suweez booda fi Waraana Qorqorroo guutuu keessatti, Itiyoophiyaan humnoota warra dhihaa waliin waan hiriirtuuf, hiika guddaa fudhatan.

Xumurri Waraanni Walabummaa Eertiraa bara 1986 garuu Itiyoophiyaan akka lafaan hin marfamne gochuun hariiroo Galaana Diimaa waliin qabdu bu’uuraan jijjiire.

Bara 1984 fi jalqabbii waraanni daangaa Itiyoophiyaa fi Eertiraa bara 1991 gidduutti Itiyoophiyaan fedhii galtee fi al-ergii isheef buufata doonii Eertiraa irratti hirkattee itti fufteetti.

Yeroo ammaa kana Galaanni Diimaan daldala addunyaa keessumaa boba’aa fi gaazii uumamaaf karaa murteessaadha.

Itiyoophiyaan kallattiin dhaqqabummaa dhabdus ammallee tarsiimoo ji’oopoolitikaa ishee keessatti Galaana Diimaa akka dhagaa bu’uuraatti ilaalti.

Biyyoota Galaana Diimaa kan akka Eertiraa, Jibuutii, fi Yamanitti teessuma lafaatiin dhihoo ta’uun ishee siyaasni naannoo fi yaaddoon nageenyaa ishee dantaa ishee waliin gadi fageenyaan wal-xaxaa dha.

Kana malees, Itiyoophiyaan humnoota addunyaa kan akka Ameerikaa fi Chaayinaa waliin hariiroon dippilomaasii fi dinagdee qabdu ilaalcha Galaana Diimaa ishee irratti marsaa dabalataa dabalu.

Diinagdeen buufanni doonii kun naannoo Galaana Diimaatti tarsiimoo ta’uun isaa sochii daldalaa Itiyoophiyaaf akka hin hafne taasisa.

Yeroo ammaa kana Itiyoophiyaan geejjibaa galtee fi erguuf adda durummaan buufata doonii Jibuutii, Berberaa Somaali land, fi Sudaan irratti hirkattee jirti.

Keessattuu buufanni doonii Jibuutii murteessaa yoo ta’u, daldala idil-addunyaa Itiyoophiyaa parsantii 90 ol kan qabatudha.

Dhugaan Himannichii sakatta’ameera

1. UNCLOS Itiyoophiyaan qarqara galaanaa qabaachuuf carraaqqii taasiftu wabii ni kennaa?

Lakki, UNCLOS tumaalee biyyoonni lafaan hin marfamne mirga naannoo qarqara galaanaa qabaachuu isaanii mirkaneessan hin qabu.

Haa ta’u malee, UNCLOS biyyoota lafaan hin marfamneef mirga naannoo biyyoota biroo keessa darbee galaana irraa akka darban ni kenna.

Kana jechuun biyyoonni lafaan ala ta’an galaana bira ga’uu fi galtee fi al-ergii isaanii geejjibuuf jecha naannoo mootummoota biroo keessa darbuun mirga abbaa biyyummaa ykn dantaa biyyoota qaxxaamuraa osoo hin cabsin ni qaba.

Karaa biraatiin yoo ilaalle, biyyoonni lafaan hin marfamne naannoo mootummoota biroo akka daandii galaanaatti fayyadamuuf mirga qabu, haa ta’uu malee qarqara galaanaa mataa isaanii himachuuf mirga hin qaban.

UNCLOS keeyyata 125 fi keeyyatni 127 biyyoonni lafaan ala ta’an kaffaltii haqa qabeessa hin taane osoo hin kaffalamiin galtee fi al ergii isaanii naannoo biyyoota qaxxaamuraa keessa darbuu isaaniif mirga ni kennu.

Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNCLOS) keeyyatni 125 mirgi biyyoonni lafaan hin marfamne karaa biyyoota qarqara galaanaa galtee fi al-ergii dabarsuu qaban karaa kamiinuu abbaa biyyummaa biyyoota qaxxaamuraa cabsuu akka hin qabne ifa godha.

Akkasumas biyyoonni qaxxaamuraa mirga abbaa biyyummaa fi faayidaa isaanii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e hunda akka fudhatan ni hima.

2. Seerri idil-addunyaa itti fayyadama qabeenya galaanaa wabii ni kennaa?

Eeyyee, hamma tokko. UNCLOS biyyoota lafaan hin marfamneef mirga ‘qabeenya jireenyaa’ naannoo dinagdee addaa (EEZ) ollaa isaanii qarqara galaanaa jiran argachuu fi itti fayyadamuu ni hayyama.

Gama biraatiin, tumaan mirga biyyoonni lafaan hin marfamne qabeenya lubbuu qabu EEZ biyyoota qarqara galaanaa fayyadamuu danda’an daangaa murtaa’e qaba.

Tokkoffaa, mootummoonni lafaan hin marfamne qabeenya lubbuu qabu keessaa “kutaa sirrii” qofa fayyadamuuf mirga qabu. Lammaffaa, qabeenya “caalmaa” qofa fayyadamuu danda’u.

Sadaffaa, haala fayyadama irratti mootummoota ollaa qarqara galaanaa jiran waliin walii galuu qabu.

Mootummaan qarqara galaanaa qabeenya lubbuu qabu EEZ isaa keessatti qabachuu hayyamame irratti yaada dhumaa qaba.

Dabalataanis, waliigalteen kun biyyoonni lafaan hin marfamne EEZ biyyoota qarqara galaanaa ollaa keessatti qabeenya lubbuu hin qabne kan akka albuudaa fi boba’aa fayyadamuuf mirga hin kennu.

3. Seerri idil-addunyaa mirga qaxxaamuraa ni mirkaneessaa?

Eeyyee, UNCLOS biyyoota lafaan hin marfamneef mirga naannoo biyyoota biroo keessa darbee galaana irraa deebi’uu isaanii ni mirkaneessa.

Konveenshinichi akka jedhutti “Biyyoonni lafaan hin marfamne karaa geejjibaa hundaan naannoo Biyyoota qaxxaamuraa keessa darbuuf mirga ni qabaatu.’’

Mirgi geejjibaa mootummoonni lafaan hin marfamne meeshaalee fi namoota isaanii naannoo biyyoota qarqara galaanaa jiran keessaa gara galaanaatti akka geejjibaniifi galaana irraa akka geessan ni hayyama. 

Haa ta’u malee, mirgi qaxxaamuraa guutuu kan hin taanee fi haal-duree murtaa’e kan akka abbaa biyyummaa fi faayidaa biyyoota qaxxaamuraa kabajuu kan qabu dha.

4. Seerri idil-addunyaa fi bilisummaan doonii ni jiraa?

Eeyyee, UNCLOS naannolee qarqara galaanaa fi lafaan hin marfamne hundaaf mirga bilisummaa galaana guddaa irratti deemuuf wabii kenna.

5. Mirgi geejjibaa, itti fayyadama qabeenya galaanaa, fi bilisaan darbuu jechuun mirga qarqara galaanaa qabaachuu jechuudhaa?

Lakki. HaqCheck maxxansaalee miidiyaa hawaasaa irratti tumaalee waliigaltee UNCLOS kan mootummoonni mirga geejjibaa galtee-al-ergii karaa biyyoota geejjibaa, itti fayyadama qabeenya galaanaa, fi mirga galaana guddaa irratti bilisaan darbuu kennuun himannaa Itiyoophiyaan qabdu deeggaru ilaaleera.

Haa ta’u malee, walitti dhufeenyi mata dureewwan adda addaa kana gidduu jiru kun soba.

Mirgi geejjibaa, itti fayyadama qabeenya galaanaa, fi bilisaan darbuu hundi isaanii yaad-rimeewwan adda ta’an mirga irraa gara qarqara galaanaa tokkootti.

Mirgi geejjibaa mootummoonni lafaan hin marfamne meeshaalee fi namoota isaanii naannoo bulchiinsa naannoolee biroo keessa darbee galaana irraa akka geejjibsiisan ni hayyama.

Itti fayyadamni qabeenya galaanaa mootummoonni qabeenya uumamaa galaanaa kan akka qurxummii fi albuuda akka fayyadaman ni dandeessisa.

Dabarsi bilisaa mootummoonni hundi galaana guddaa irratti bilisaan akka deeman taasisa.

Mirgi qaxxaamuraa, itti fayyadama qabeenya galaanaa fi bilisaan darbuu mirga qarqara galaanaa qabaachuu kan agarsiisu miti.

Mirgi qarqara galaanaa gama biraatiin, himannaa naannoo kan mootummaa tokkoof lafa qarqara galaanaa jiru irratti abbaa biyyummaa kennudha.

UNCLOS mootummaa kamiifuu mirga qarqara galaanaa argachuuf wabii hin kennu.

Similar Posts