Fuulli TikTok hordoftoota kuma 12 ol qabu tokko Hagayya 9, 2023, viidiyoo miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an Kiristaan ​​Taadellee hidhaa keessaa gadhiifaman kan jedhu viidiyoo wajiin qoodeera.

Barreeffamni tiktokin kun waltajii kanarratti kan bayyee faffaca’ee fi dawwataa bayyee kan argate yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamu si’aa 3439 qoodamera.

Haa ta’u malee Haqcheck viidiyoo kana sakatta’ee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana akka hin deeggarre ta’u isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee hidhannoo hiikkachuuf murteessuu isaa beeksise.

Mootummaan humna waraanaa naannoo sanaa hiikkachuu kan jalqabe yoo ta’u, loltoonni kun dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka waraanaa, poolisii federaalaa, ykn humnoota poolisii naannootti akka makaman ajaje.

Murtee kana booda utuu hin turin tasgabbii dhabuun mootummaa naannoo Amaaraa weerare. Murtee mootummaan federaalaa humna poolisii addaa naannolee diiguuf dabarse mormuun mormiin ummataa bal’aan ture.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse erga gareen milishaa hidhatee naannoo naannichaa hedduu to’atanii booda.

Deebii kanaaf mootummaan naannoo Amaaraa mootummaa federala irraa gargaarsa gaafachuun paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa akka labsu taasiseera.

Akkuma labsiin yeroo muddamaa labsameen mootummaan namoota siyaasaa fi hoggantoota partii mormitootaa dabalatee namoota hidhe. Hoji gaggeessaa Sochi Biyyaalessaa Amaaraa (NaMA) fi miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an Kiristaan ​​Taadellee namoota hidhaman keessaa tokko dha.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Kiristaan ​​Tadellee Awaash Arbaatti hidhamuu isaa tibbana mirkaneessee jira.

Haala kana kessattii, viidiyoon TikTok tokko Kiristaan ​​Taadelle dhiheenya kana hidhaa keessaa bahaniruu jechuun waliin qoodera.Haa ta’u malee, HaqCheck himannaa kana qoratee viidiyoon kun himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneesse. Viidiyoon jalqaba kun kanaan dura Amajjii 9, 2020, chaanaalii YouTube Asrat Media irratti maxxanfamee argameera. Kiliippiin viidiyoo kun Kiristaan ​​Taadelle sagantaa marii ummataa irratti haasaa yeroo taasisan agarsiisa.

Kanaafuu, HaqCheck maxxansa tiktoki kana viidiyoo sirri hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama kana Soba jedhe jirra.

Similar Posts