Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraa Itiyoophiyaa ji’oota darban keessa cimee itti fufe jira. Sababni battalaa walitti bu’iinsa kanaa mootummaan Itoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee diiguuf murteessuu isaati.

Ergasii naannoon Amaaraa walitti bu’iinsaa fi hookkaraan kan liqimfame yoo ta’u, humnoota mootummaa fi milishoota Faanoo gidduutti walitti bu’iinsi uumame jirra.

Waldhabdeen kun lubbuu namoota nagaa hedduu kan galaafate yoo ta’u, dhiittaa mirga namoomaas gabaafamaa tureera.

Ji’a Hagayyaa keessa milishoonni Faano magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa hedduu, Gondar fi Debre Tabor dabalatee yeroo gabaabaaf to’annoo jala oolchanii turan.

Mootummaan naannoo Amaaraa gargaarsa mootummaa federaalaa waamicha dhiyeessudhan, waraanni Itoophiyaa duula faallaa eegale. Boodarra Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa(HPR) labsii yeroo muddamaa naannichatti labse.

Humni mootummaa jalqaba irratti milkaa’ina kan argate yoo ta’u, magaalota badan tokko tokko deebisee qabachuu danda’an. Haa ta’u malee, waldhabdeen kun furmaata kan hin arganne waan ta’eef balaan walitti bu’iinsaa fi jeequmsi dabalataa uumamuu danda’a.

Gabaasa Hidhamtoota Saba Amaaraa

Mootummaan Itoophiyaa Hagayya 4, 2023 naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa erga labsee boda namoota siyaasaa, gaazexeessitoota, fi namoota ummataa (public figures) dabalatee namoota saba Amaaraa hedduu to’annaa jala oolcheera.

Namoota hidhaman keessaa Yohaannis Buayalew, qondaala olaanaa naannoo Amaaraa duraanii, miseensa Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru, miseensa paarlaamaa naannoo Amaaraa (mana maree naannoo); fi Kiristaan ​​Taadellee miseensa hojii raawwachiiftuu paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa fi miseensa Paarlaamaa Itiyoophiyaa (HPR) ni waamamu.

Miidiyaaleen mootummaa waliin hidhata qaban akka ibsanitti, mootummaan Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti namoota finciltoota hidhannoo hidhatanii deeggaran jedhamanii shakkaman 764 to’annaa jala oolcheera.

Haa ta’u malee, gabaasni miidiyaa hawaasaa hin mirkanoofne akka maxxansettii manneen kuusaa magaalaa guddoo Addis Ababaatti argaman dabalatee, guutuu biyyattii keessatti lammiileen saba Amaaraa hedduun bakka tursiisaa keessatti hidhamaniiru, akkasumas mootummaan saba Amaaraa eenyummaa isaanii qofaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu isa maxxansera.

Gabaasaaleen kunnii suuraawwan saba Amaaraa qulqulluu ta’an mootummaan hidhaa jalaa akka isaan olchaa jiru agarsiisuuf kan qinda’ee dha.

Fakkeenyaaf, barreeffamni Feesbuukii (screenshot armaan gadi) Adoolessa 13, 2023 maxxanfame, namoonni suuraawwan irratti mul’atan Tulu dimtu, qarqara addis ababati mootummaan saba Amaaraa hidhaa jalaa ukkaamuu isaa kan ibsu suuraa afur qoodeera. 

Haala kanan kaampii sana keessatti dhukkuboota daddarbootiin rakkachaa fi du’aa akka jiranis maxxansichi ibseera.

[barreeffama fakkicha ibsuu: Kunniin saba Amaaraa Tulu Dimtu keessatti hidhamanii, kaampii keessatti dhukkuba daddarbootiin dhukkubsata fi du’aa jiranidha.] 

Barreeffamni kun kan bayye faffaca’ee ta’ee waltajjii miidiyaa hawaasaa irratti harkifannaa argateera. HaqCheck barreeffamni sun dhugaa yookan soba ta’uu isaa mirkaneessuu hin dandeenye. Himata kana deeggaruuf suuraawwan dhiyaatan ka’umsaa fi dhugummaa isaanii mirkaneessuu hin dandeenye.

Barreeffamoota durii gulaaluu

Gama biraatiin, akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa mootummaa deggeran tokko tokko maxxansa Feesbuukii fi screenshotii suuraa kan qoodan yoo ta’u, suuraan kun waggaa tokko dura Feesbuukii irratti kan maxxanfamee fi himannaa kanaan kan wal hin qabanne ta’usa agarsiisa.

Kunis mootummaan saba Amaaraa ukkaamsaa jira kan jedhu fi suuraan himannaa kana deeggaruuf itti fayyadaman soba ta’uu isaa  akka hin mirkanoofnee ragaa ta’ee dhiyaateera.

[Hiikkaa: Barreeffamoonni kun odeeffannoo sobaa babal’isuuf suuraa sobaa fi durii fayyadamera.]

Screenshotiin armaan gadii maxxansa feesbuukii durii kan suuraawwan falmisiisaa ta’an kana jalqaba maxxanseera jedha.

[Hiikaa: Bulchiinsi Magaalaa Addis Ababa namoota mana hin qabnef (harka qalleyyiif) 100 oliif tajaajila yaalaa kenna.]

HaqCheck suuraawwan fi barreeffamoota Feesbuukii kana qoratee waggaa tokko dura (waxabajjii 29, 2022) maxxansa biraa irratti maxxanfamuu isaanii fi barreeffama Amaariffan kan maxxanfame ta’u isa argatera.

Seenaa gulaallii maxxansa Feesbuukii

HaqCheck barreeffama feesbuukii durii kun dhiyoo kana gulaalamee akka ture fi booda kan itti dabalamee ta’u isa argatera. 

Barreeffamni Feesbuukii kun waxabajjii 29, 2022 yeroo maxxanfamu, jalqaba irratti barreeffama Afaan Oromo dhan kan namoota “guddaa” shan ajjeefaman: John F. Kennedy, Martin Luther King Jr., Abraham Lincoln, Malcolm X, fi Hacaaluu Hundessa wal bira qabuu ture.

Barreeffamni jalqaba Hacaaluu Hundeessaa, muuziqeessaa Afaan Oromoo beekamaa ta’e kan du’aan boqote, waxabajjii 29, 2020 rasaasan ajjeefame, lakkoofsa afran biroo wajjin wal bira qaba.

Barreeffamni durii kun jalqaba suuraa tokko kan of keessaa qaba, surrii kaan garuu haqamee kanneen birootiin waan bakka bu’eef HaqCheck arguu hin dandeenye.

[Screenshot: Barreeffama Feesbuukii Afaan Oromoo isa jalqabaa.]

Haa ta’u malee, maxxansi Feesbuukii Adoolessa 13, 2023 gulaalame. Barreeffamni Afaan Oromoo barreeffama Amaariffaa adda ta’een bakka buufamera, suuraan jalqabaa suuraa haaraa shaniin bakka buufameera.

Barreeffamni gulaalame kun amma bulchiinsi Magaalaa Addis Ababa namoota dhibbaa ol daandiirra jiraataniif (namoota mana hin qabneef) tajaajila yaalaa kennaa akka ture hima.

[Mata dureen gulaalamee suuraan haaraa shan (5)  Adoolessa 13, 2023 dabalameera.]

HaqCheck barreeffama Feesbuukii kana Soba ta’u isa mirkanessera.  Barreeffamni kun odeeffannoo soba ta’e namoota dogoggorsuuf itti yadamee kan maxxansame dha.

HaqCheck fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa maxxansa gosa dogoggoraa akkasii irraa of eeggannoo akka godhan hin gorsa. 

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa guyyaa maxxansaa fi seenaa gulaaluu barreeffamoota miidiyaa hawaasaa, keessumaa maxxansa Feesbuukii erga waltajjiin kun bara 2013tti fayyadamtoonni maxxansa gulaaluu waan hayyameef akka ilalaan gorfama dha.

Similar Posts