Mirkaneessuu Herrega Miidiyaa Hawaasaa fi Hiika isaa

Addunyaa digitala har’aa keessatti, waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa meeshaalee humna guddaa qaban haasaa ummataaf ta’uudhan namoota addunyaa guutuu walitti hidheraa. Haa ta’u malee, dhiibbaan isa guddachaa dhufuu isatin barbaachisummaan amanamummaa fi dhugummaa barbaachisaa ta’aa dhufeera.

Jijjiirama dijitaalaa kanaa wiirtuun adeemsi mirkaneessuu kan jiru yoo ta’u, kunis mala marsariitiiwwan miidiyaa hawaasaatiin seera qabeessummaa fi dhugummaa herrega fayyadamtootaa kan namoota beekamoo, dhaabbilee daldalaa fi qaamolee beekamoo ta’an hundeessuuf fayyadamudha.

Adeemsi mirkaneessuu kun mallattoo bifa cuqulisaatin kan hammatame yoo ta’u, kunis asxaa amanamummaa herrega tokkoo kan agarsiisudha.

Barreeffamni armaan gadii kun walxaxiinsa adeemsa mirkaneessuu waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa beekamoo ta’an tokko tokkoon qacaramanii ilaala.

Tarkaanfiiwwan eenyummaa namoota dhuunfaa fi dhaabbilee mirkaneessuuf fudhataman qoranna, qorannoo of eeggannoo isaan baajii bifa cuqulisaa hawwataa ta’e sana argachuuf godhan irratti ibsa kennina. Kanarratt garuu taatee guddachaa dhufes ni mudata: burjaajii fi shakkii baajii mirkaneessaa kana marsee jira.

Akkamitti Waltajjiiwwan kana irratti Mirkaneessuu argachuu Danda’ama?

X (duraan Twitter jedhamuun kan beekamu), waltajjii namoonni dhibba uuman fi kalaqoni qabiyyee hedduun itti fayyadaman, fayyadamtoota isaa mirkaneessuu irratti mala adda addaa lama keessa darbaa.

Jalqaba irratti X baajii halluu cuqulisaa hawwataa ta’e kana namoota beekamoo, namoota ummataa, maqaawwan daldalaa fi dhaabbilee sochi qabbanif piroofaayilii (profile)guutuu qabaniif kenna.

Guutummaankun suuraa piroofaayilii, maqaa agarsiisaa, lakkoofsa bilbilaa mirkanaa’ee fi galmee seeraa X’s eeguu kan dabalatuu dha.

Dabalataanis,herregawan kun namoota dhuunfaa gosoota addaa fi beekamoo taʼan kan akka qondaaltota mootummaa, gaazexeessitoota, aktiivistoota ykn namoota beekamoo wajjin walqabatan bakka buʼuu qabu turan.

Namoonni ulaagaalee kana guutan unka murtaa’e guutuudhaan mirkaneessuu gaafachuu danda’u.

Yeroo darbe X garee gamaaggamtootaa iyyannoowwan mirkaneessuu madaaluuf itti gaafatamummaa qaban qacaree ture.

Gaheen isaanii herreega ulaagaa guutuu isaa mirkaneessuu fi odeeffannoo kenname qorachuu ture.

Adeemsi of eeggannoo qabu kun herregni mirkanaa’e namoota dhuunfaa ykn dhaabbilee beekamoo ta’an dhugaadhaan akka bakka bu’an mirkaneessuuf kan qophaa’e ture.

Haa ta’u malee, hojimaatni kun sababa adda addaatiin qeeqa kan isaan mudate yoo ta’u, kunis iftoomina dhabuu, murtoo mataa ofii fi murto wal hin simne kenuu, lakkoofsa falmisiisaa ta’e guddisuu danda’u, herrega haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa irratti bobba’e mirkaneessuu, herregni maqaan isaa hin ibsamne jiraachuu fi daangeffamaa carra mirkaneessuu gaazexeessitootaa fi aktivistootaa.

Ulaagaalee Ulaagaa Haaraa Mallattoo cuqulisaa X irratti

Erga abbaan aksiyoonaa guddaan Teslaa fi Space (X) Elon Musk waltajjii kana bitee as jijjiiramni hedduun hojiirra ooleera, kunis jijjiirama maqaa isaa fi adeemsa mirkaneessuu herregaa dabalataa.

Yeroo ammaa kana fayyadamtoonni akkaawuntii isaanii mirkaneessuu danda’u.

X Premium (Hamma kaffaltii waliigalteef ykn baraarsaaf kaffalamu) (Twitter cuqulisaa), kan mallattoo halluu cuqulisaatin bakka bu’u, ji’atti doolaara 8 kan kafalamuu yoo ta’u, adda durummaan namoota dhuunfaaf kan qophaa’e yoo ta’u, maqaawwan daldalaas saganticha keessatti galmaa’uu danda’u.

Gama biraatiin, mirkaneessi dhaabbileef, mallattoo warqeetiin kan agarsiifamu, maqaawwan gurguddoo irratti xiyyeeffachuun beekamtii fi maqaa gaarii waltajjii keessatti isaanii mirkaneessuuf kan gargaarudha.

Sirna amma jiruun, namni kamiyyuu mirkaneessa herregaadhaaf iyyachuu kan danda’u yoo ta’u, argama beekamaa yoo qabaate, dhuguma isaa eegee, sochiirra turuu(online) fi seera X’s (twitter) yoo eege argachu danda’a.

Adeemsa kana jalqabuuf fayyadamtoonni unka onlaayinii guutuu fi sanada eenyummaa ulaagaa guutuu isaanii mirkaneessuuf dhiyeessu qabu.

Mirkaneessa Herrega Meetaa

Feesbuukii (Facebook)

Feesbuukiin waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa addunyaa irratti baay’ee jaallataman keessaa isa tokko dha. Feesbuukiin akkaawuntii/fuula mirkaneessuuf mala adda addaa lama keessa darba.

Feesbuukiin namoota beekamoo, namoota ummataa, maqaawwan daldalaa, dhaabbilee, fi namoota piroofaayilii guutuu qabaniifi ulaagaalee murtaa’an guutaniif baajii mirkaneessaa kenna.

Ulaagaaleen kunneenis suuraa piroofaayilii, maqaa namoonni adda baasuu danda’an, lakkoofsa bilbilaa mirkanaa’ee fi galmee seeraa Feesbuukii eeguu kan dabalatu dha.

Akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa tokko tokko namoota barbaachisoo kanneen akka qondaaltota mootummaa, gaazexeessitoota, aktivistoota, ykn namoota beekamoo qofaaf kan qabaman turan.

Namoonni dhuunfaa kun unka addaa guutuudhaan herrega isaanii akka mirkanaa’u gaafachuu danda’u turan.

Mirkaneessichi herrega dhugaa mirkaneessuu fi kan nama addaa isaan jedhan ta’uu isaanii mirkaneessuuf kan yaadamedha.

Kanan duraa Feesbuukiin garee gamaaggamtootaa iyyannoowwan mirkaneessuu madaaluuf itti gaafatamummaa qabanis qaba ture.

Namoonni adeemsa mirkaneessuu Feesbuukii irratti rakkoon isaan mudachaa ture.

Odeeffannoo mirkaneessuuf ulaagaa guutuuf barbaachisu yoo dhiyeessan illee, Feesbuukiin mallattoo mirkaneessaa isaan argachuu qaban isaaniif hin kennu ture. 

Ulaagaalee Ulaagaa Haaraa Mallattoo cuqulisaa feesbuukii (Facebook) irratti

Waxabajjii bara 2021 keessa Feesbuukii, WhatsApp, Instagramii fi waltajjiiwwan biroo shan walitti makamuun dhaabbata Meetaa jedhamu kan waltajjiiwwan kana qabu hundeessan.

Meetaan sirna kaffaltii Meta Verified Subscription jedhamu amaloota Feesbuukii fi waltajjiiwwan biroo irratti dabaleera.

Kunis fayyadamtoonni meeshaalee fi tajaajiloota karaa waltajjichaatiin bitachuu fi gurguruu akka danda’an taasisa.

Kun adeemsa mirkaneessaa duraanii irratti jijjiirama guddaa dha, amma fayyadamtoonni baajii mirkaneessaa bifa cuqulisaa qabu argachuuf iyyachuu qabu.

Meetaan amma fayyadamtoonni ulaagaalee ulaagaa guutuun alatti kaffaltii maallaqa ji’a ji’aan kaffaluun mirkanaa’uu akka qaban gaafatee jira. Ji’atti doolaara 11.99n namni kamiyyuu baajii mirkaneessaa bifa cuqqulisaa qabu akkaawuntii/peejii isaa irratti argachuu danda’a.

Mallattoo cuqulisaa Instagramii

Instagramii waltajjii Feesbuukii irraa adda ta’e sababni isaas kaayyoon isaa inni guddaan fayyadamtoonni suuraa ykn viidiyoo dhaggeeffattoota isaanii waliin akka qooddatan gochuudha. Bara 2012tti Feesbuukii (amma Meta Platforms Inc.)n bitame.

Jalqaba irratti Instagramiin namoota beekamoo, namoota ummataa, maqaawwan daldalaa, artistoota, dhaabbilee, fi namoota piroofaayilii guutuu qabaniifi murtaa’an waliin wal arganiif baajii mirkaneessaa kenna ture.

Ulaagaaleen kunneenis suuraa piroofaayilii, maqaa namoonni adda baasuu danda’an, lakkoofsa bilbilaa mirkanaa’ee fi galmee seera Instagramii’f bitamuu qabaachuu kan dabalatu ture.

Akkaawuntiiwwan ykn herregonii miidiyaa hawaasaa tokko tokko namoota barbaachisoo kanneen akka qondaaltota mootummaa, gaazexeessitoota, aktivistoota, ykn namoota beekamoo qofaaf kan qabaman turan.

Adeemsi mirkaneessuu sochii herregaa fi hirmaannaa fi odeeffannoo bu’uuraa kenname gamaaggamuu kan of keessatti hammate dha.

Ulaagaalee Ulaagaa Haaraa Mallattoo cuqulisaa Meetaa (Instagramii) irratti

Instagramiin amma fayyadamtoonni baajii mirkaneessaa bifa cuqulisaa qabu argachuuf iyyachuuf Meta Verified Subscription akka qabaatan gaafatee jira.

Waxabajjii 28, 2021 irraa eegalee fayyadamtoonni ulaagaa guutuu malees kaffaltii ji’aatii doolaara 11.99 kaffaluun dirqama ta’eera.

Eenyummaa isaanii mirkaneessuu fi kaffaltii maallaqa galchuu kaffaluun namni kamiyyuu akkaawuntii Instagramii isaa irratti baajii mirkaneessaa bifa cuqulisaa qabu qabaachuu danda’a.

Adeemsa Mirkaneessu Herrega TikTok

Waltajjiin miidiyaa hawaasaa guddaan viidiyoo gaggabaaboo qooduuf gargaaru TikTok adeemsa iyyannoo addaa mirkanaa’eef hin qabu.

Kana malee, TikTok baajii mirkaneessuu akka kennan warra kallaqan, maqaawwan daldalaa fi namoota bekkamo barbaada.

Waltajjiin kun mirkanaa’uuf akkaawuntii ykn herrega tokko dhugaa, guutuu, beekamaa fi nageenya kan qabu ta’uu kan barbaachisu yoo ta’u, yoo xiqqaate ji’a 6f socho’uu(actve) ta’u qaba. Dabalataanis, herregni qajeelfama hawaasaa fi haala tajaajilaa kabajuu qaba.

TikTok baajii mirkanaa’e kennuudhaaf kaffaltii hin gafatuu.

Adeemsa Mirkaneessu herrega Telegiraamii

Telegiraamiin namoota ummataa fi dhaabbilee mirkaneessuun fayyadamtoonni madda ofiisaa salphaatti adda baasuuf gargaara.

Telegram irratti mirkanaa’uuf, akkaawuntiiwwan ykn herregawwan yoo xiqqaate waltajjiiwwan armaan gadii keessaa lama irratti chaanaalii aangawaa, bot, ykn garee ummataa sochi qabu qabaachuu qabu: TikTok, Instagram, Facebook, YouTube, Twitter, VK, ykn Snapchat keessattii.

Telegramiin yeroo ammaa mala kana fayyadamuun tokkoon tokkoon isaanii mirkaneessa.

Haalli tajaajila waltajjii kanaa ulaagaa ulaagaa guutuu ifa ta’e hin ibsu.

Hubannoo akkaawuntii ykn herrega miidiyaa hawaasaa mirkana’ee qabaachuu

Akkaawuntii miidiyaa hawaasaa mirkanaa’e qabaachuun akkaawuntichi amanamaa fi dhugaa ta’uu isaa waan agarsiisuuf namoota birratti yaada gaarii ni ummaa.

Akkasumas aangoo abbaa herregaa, ogummaa, seera qabeessummaa fi dhugummaa isaa mirkaneessuuf gargaara.

Akkaawuntiiwwan ykn herregawwan mirkanaa’an akka madda odeeffannoo amanamaa fi beekumsa qabuutti kan ilaalaman yoo ta’u, fakkeessuu fi hanna eenyummaa ittisuuf gargaaruu danda’u.

Haa ta’u malee, amma waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa sababoota akka kaffaltii fi ulaagaalee biroo ifatti hin ibsamne irratti hundaa’uun mirkaneessuu kennuu danda’u.

Kana jechuun odeeffannoon herrega mirkanaa’een kennamu hundi sirrii ykn dhugaa ta’uu dhisu danda’a jechu dha.

Kanaafuu, odeeffannoo herrega mirkanaa’e irraa maddoota amanamoo biroo waliin mirkaneessuun barbaachisaa dha.

Mirkaneessuu fi Odeeffannoo Dogoggora/Soba

Akkaawuntii ykn herrega tokko waan mirkanaa’eef qofa odeeffannoon inni qoodu sirrii dha jechuu miti.

Mirkaneessuun eenyummaa abbaa herregaa mirkaneessuu malee sirrii ta’uu isa qabiyyee isaanii miti.

Akkaawuntiiwwan mirkanaa’an ammallee dogoggora hojjechuu ykn odeeffannoo sobaa facaasuu danda’u.

Akka hin dogoggorfamneef, odeeffannoon tora interneetii irratti naanna’aa jiru, yoo herrega mirkanaa’e irraa ta’ellee qeequun barbaachisaa dha.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa waan dubbisan kamiyyuu ija jaamsanii amanachuu hin qabamu.

Odeeffannoo maddoota amanamoo hedduu irraa argamu qaxxaamuranii sakatta’uu fi mirkaneessuun murteessaadha.

Odeeffannoo maddootaa fi ilaalcha adda addaa irraa argachuunis barbaachisaa dha.

Akkaawuntii tokko qofa ykn maddoota muraasa irratti hirkachuun namoota miidiyaa hawaasaa irratti ilaalcha daangeffamee fi tarii loogii fi ilaalcha sobaa kennuu danda’a.

HaqCheck fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa odeeffannoo akkaawuntii ykn herrega mirkanaa’e irraa argamu dabalatee odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman sirrii ta’uu isaanii madaaluuf gareewwan dhugaa sakatta’an akka fayyadaman gorsa.

Kunis fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa odeeffannoo sirrii fi amanamaa ta’e argachaa akka jiran mirkaneessuuf gargaaruu danda’a.

Mirkaneessuun amanamummaa odeeffannoo yeroo madaallu waan ilaalamuu qabu keessaa isa tokko qofa.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa qeequu fi of eeggannoo gochuu, akkasumas madda amanamaa barbaaduu filanno garii dha.

Kun hundi ogummaawwan barbaachisoo lafa dijitaalaa keessa deemuu fi tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittisuuf gargaaranidha.

Similar Posts