Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 5 ol qabu tokko Hagayya 28, 2023 viidiyoo Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF), Fiildii Maarshaal Birhanuu Juulaa akka jedhanitti hidhattoonni Faanoo meeshaa waraana ENDF fi taankii dabalatee to’annoo jala oolchaniiru kan jedhu qoodeera.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee kan ture yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti daawwattoota kuma 90 ol fi deebii jalachuu kuma 1.3tti dhihaatu argateera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’u isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla bara 2023 mootummaan Itoophiyaa humna addaa naannolee dhaabbilee nageenyaa birootti makamuuf karoorfachuu isaa beeksisee ture. Beeksisni kun naannoo Amaaraa keessatti mormii fi jeequmsa bal’a kaase.

Rakkoon nageenyaa kun kan hammaate, dhuma baatii Eblaa keessa qaamoleen hidhatee eenyummaan isaanii hin beekamne itti gaafatamaa Paartii Badhaadhina Amaaraa Girmaa Yeshitlaa erga ajjeesanii booda, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) qaamolee “garaa jabeeyyii” irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajee ture.

Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraatti hammaate Hagayya 2023 yeroo hidhattoonni Faano magaalota heddu to’atanii turan. Mootummaan Itiyoophiyaa deebii kenneen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) bobbaasuun magaalota deebisee dhuunfachiisee. naannoo tokko tokkotti garuu waldhabdeen kun itti fufe ture dha.

HaqCheck hidhattoonni Faanoo meesha waraana qabatanii loltoota ENDF karaa irraa maqsaa jiru jechuun miidiyaa hawaasaa irratti himannaa dhiyaate ilaaleera.

Haala kanaan fuula Feesbuukii tokko viidiyoo gabaabaa Fiildii Maarshaal Birhanuu Juulaa “lakkoofsa hin qabne Taankii fi meeshaa waraanaa keenya fudhatan” jechuun dhaga’ama.

maxxansa viidiyoo gabaabaan kun seeneffama ‘hogganaan waraanaa illee milishoonni Faanoo meeshaa ENDF qabachaa akka jiran mirkaneessaniiru’ jedhu mirkaneessuuf itti fayyadameera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa viidiyoo kana sirri hintane fi himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneessera. viidiyoon kun Televijinii Saatalaayitii Itoophiyaa (ESAT)n Onkoloolessa bara 2021 YouTube irratti maxxanfame irraa kan fudhatamedha.

Viidiyoon kun waa’ee waldhabdee hidhannoo Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa Itoophiyaa yeroo sanatti uumame ilaalchisee gaaffii fi deebii hogganaa hojjettootaa waliin taasifameedha. Viidiyoo kana irratti Fiildii Maarshaal Birhanuu Juulaa akka jedhanitti ‘’humni Wayyaanee taankii fi meeshaa waraanaa lakkoofsa hin qabne ENDF irraa fudhate’’.

Kanaafuu,  HaqCheck maxxansa Feesbuukii kana viidiyoo sirrii hin taane waan fayyadameef maxxansa kana Soba jedhee jirra.

Similar Posts