Dhiheenya kana akkaawuntii miidiyaa hawaasaa Abdurahman Buno jedhamun beekamu maxxansa falmii bal’aa kaase maxxanse ture. Barreeffamni kun suuraa iskiriinii fuula Feesbuukii Ministirri Muummee Abiy Ahmad irra fudhame jedhame kan kitaaba mata duree ‘HIN GAABBU’ jedhu kan Jawaar Mohaammad barreesse qabatanii agarsiisan kan of keessatti hammate yoo ta’u, akkasumas barreeffama “Reefu maxxansa addaa kitaaba “HIN GAABBU” argadheera. Kitaaba guddaadha, garuu natti hin tolle. hunduu akka dubbisu nan gorsa.Hafuura ispoortiitiin dubbisuuf qophaa’aa.” Seenaan siyaasaa walxaxaa Jawaar Mahaammad fi Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmad gidduu jiru fedhii ummataa yaada maxxansa kana irratti cimsee kan ture yoo ta’u, himannaan kunnis fuula Feesbuukii adda addaa irratti qoodamaa ture. yeroo maxxanfamuttiis deebii 10,000 ol fi sheerii 300tti dhiyaatu argate jirra.
Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa sana sakatta’ee soba ta’u isaa mirkanesera.
Suuraaleen iskiriinii barreeffamoota jedhaman irraa fudhataman kan Dec 19 fi Dec 22, 2024 qoodaman
Jawaar Mohaammad xiinxalaa siyaasaa fi aktivistii Itiyoophiyaa beekamaa ta’ee fi mormii Oromoo bara 2014 hanga 2016tti geggeeffame keessatti qooda fudhachuun kan beekamu yoo ta’u, siyaasa Itoophiyaa haalaan haaromse.Tattaaffiin inni godhes Muummichi Ministeeraa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany aangoo gadhiisuuf fi Abiy Ahmad bara 2018 aangootti akka ol ba’u taasiseera.Akkasumas Muummichi Ministeeraa Yeroo aangoo qabatu, haala siyaasaa hunda hammate, marii fi hirmaannaa gareewwan mormitootaa jajjabeessuuf akka hojjetutti leellisaa ture.
Obbo Jawaar adeemsa siyaasaa kana keessatti hirmaachuuf waamicha godhame fudhatee gara Itoophiyaatti deebi’ee utuu hin turin garuu mootummaa Abiy mormuu jalqabe. Adeemsa ce’umsaa ilaalchisee ifatti mootummaa qeeqeera.akkasumas Obbo jawar gamtaa paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo (OFC)tti makamuun filannoo waliigalaa dorgomuuf qophaa’aa ture.
Ajjeechaa weellisaa fi aktivistii Itoophiyaa Hacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 hordofuun, ajjeechaa poolisii irrati Giddugala Aadaa Oromoo Addis Ababa keessatti raawwatame dabalatee, taateewwan hookkara itti aanan keessatti hirmaaterra jechuun mootummaan isa himatee ture.waldhabdee sabaa fi amantii kakaasuuf carraaqqii godhaniruu jechuun Himannaan isaa fi namoota dhuunfaa biroo irratti baname ture.
Jawaar erga mana hidhaatii bahee booda gara Naayiroobii, Keeniyaatti kan deeme yoo ta’u, miidiyaa muraasa qofaatti mulachuun achitti hafe. Mudde 11, 2024 kitaaba isaa ‘HIN GAABBU’ jedhu kan ilaalcha siyaasaa fi hawaasummaa isaa irratti mari’atu maxxansuu beeksise. Kitaabni kun Afaan Oromoo fi Amaariffaan kan barreeffame yoo ta’u, mata dureen isaa HIN GAABBU yoo ta’u dhimmoota gurguddoo Itoophiyaa keessatti mul’atan, kan deeggartoonni issaa kabajanii fi mormitootnii immo qeeqan kaassun xiyyeeffannoo argateera.
Abdurahman Buno irraa maxxansicha ilaalchisee ibsaafi yaada dabalataa argachuuf yaaliin guddaa taasifamus deebii argachuun hin danda’amne. HaqCheck akkaawuntiin kun yeroo baayyee qabiyyee marii siyaasaa kakaasu akka qooduu fi wantoota akka falmisiisaatti ykn haala siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhiibbaa uumuu danda’anitti ilaalaman maxxansuu isaa ilaaleera.
HaqCheck qorannoo onlaayinii fi meeshaalee AI adda baasuu fayyadamuun suuraan Ministira Muummee Abiy Ahmad Alii kitaaba haaraa Jawar Mohammed dubbisaa jiru dhugaa moo soba ta’uu isaa adda baaseera. Xiinxalli kun fakkiin kun AI Stable Diffusion model fayyadamuun kan uumame ta’uu mirkaneesse. Moodeelli Stable Diffusion model GenAI kan teknooloojii tamsa’ina dhokataa fayyadamuun barreeffamoota, fakkiiwwanii fi galteewwan ariifachiisaa adda addaa irraa fakkiiwwan qulqullina olaanaa qaban uumuudha.
Meeshaan qorannoo toora onlaayinii irratti fayyadamne suuraawwan AIn uumaman adda baasuu danda’u akkasumas Moodeelota Stable Diffusion , DALL-E, fi Midjourney diffusion ilaalu danda’u dha. Meeshaan qorannoo kun mala machine learning ulfaataa ta’e fayyadamuun mul’ata namaan uumamee fi AIn uumame xiinxaluu fi adda baasuuf fayyadu dha.
Meeshaan kun fakkii himannaa keessatti argamu kanna akka AI-generated ta’etti adda baasuun qabxii %90 ol kennatti jirra.
Suuraan iskiriinii fakkiin kun akka AI-generated ta’uu hin oolle adda baasuun agarsiisa.
Akkasumas suuraan iskiriinii kun jenereetarii maxxansa sobaa ta’ee fayyadamaa kan uumame dha. Toora interneetii irratti jenereetaroota maxxansa sobaa kanneen pilaatformii akka Feesbuukii fi Inistaagiraamii irratti maxxansa miidiyaa hawaasaa qabatamaa fakkaatu dizaayinii uumuuf gargaaran jiru.
Yeroo tokko tokko, jenereetaroota maxxansa sobaa kun bashannana, qoosaa, fi barnootaaf akka oolu dubbatama. Haa taʼu malee, dhaggeeffattoota balʼaa taʼan gowwoomsuu dandaʼu.
Akka madaallii keenyaatti fuul-barruun Feesbuukii kun jalqaba suuraa kana AI fayyadamuun maddisiisuudhaan maqaa muummicha ministeeraa fi barreeffama isaa dhiyeessuudhaan jenereetarii maxxansa sobaa keessa galcheera.
maxxansa kaana Mirkaneessuuf waajjira Muummicha Ministeeraa karra torra email iyyaafanee deebii isaanii eeggachaa jirraa akkuma deebii isaani arganneen dubbistoota keenyaaf haaromsina.
HaqCheck meeshaalee AI adda baasuu fayyadamuun gadi fageenyaan xiinxaluu fi itti fayyadama tooftaalee jenereetaroota maxxansa sobaa adda baasuun booda, Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad kitaaba Jawar Mohammed ‘HIN GAABBU’ jedhu raggaasiseera jedhuu soba ta’uu isaa Mirkaneessera.