Fuulli tiwiiterrii hordoftoota hedduu qabu gafa Sadaasa 8 2022,Suuraa lama fi kartoonii tokko akka haleellaa qilleensaa magaalaa mandii-wallagga,Oromiyaatti raawwatametti qode ture.Barruun isaa kun immo namoota bayyeen tamsa’ee ture.

Haa ta’u iyyuu malee,akka haqCheck qoratteti suuraan fuula tiwiiterrii isaan raabsame soba ta’u isaa mirkana’erra,suuraan inni qode soba.Kanaafiyyuu, poostii inni godhe gar-tokken isaa soba dha.

Yeroo dhiyoo asitti,waraanii mootummaa Itoophiyaa fi Waraana bilisummaa Oromoo, kan mootummaan itoophiya “shanee” jedhu, jidduu Adeemsifama jira.

Akka gabaasa miidiyaatti,waraanii naannoo Oromiyaatti yeroo dhiyoo asitti  gaggeeffama jira.

Akka gabaasalee miidiyaatti,Haleellaa jabaa ta’e gafa sadaasa 9,2022,mootummaa Itoophiyaatti magaalaa mandii irrattii raawwateem ture.Haleellaa Qilleensa kanaan immoo namoota nagaa hedduuttu ajjeeffame.

Hariiroo kanaan,qodi tiwiiterrii gafa sadaasa 9,2022,suuraa lama fi kartoonii tokko walqabsiisun,akka magaalaa mandittii raawwatametti qode ture.

Haa ta’u malee,akka HaqCheck qorannaa godhetti,suuraan inni qode Haleellaa qilleensa irra hin agarsiisu.

Suuraan jalqabaa inni qode fuulaa fesiibookii gafa Amajjii  18,2022 poosti ta’e irra kan fudhatamee ta’un isaa mirkana’erra.Akka poostii kanaatti, shaakalii raayya ittisa biyya yuuzibeekistanii ta’u isaa ni mirkanneessa.

Garuu,HaqCheck, suuraan lamaffa akka haaraa yookaan immoo kan ture ta’u isaa hin mirkanessiine. Suuraan kun immoo kan fudhatamee Viidiyoo kiilipii yeroo dhiyootti tiwiiterrii irrattii deddeebi’aa ture irradha.Kanaafuu,HaqCheck poostii tiwiiterri kana gar-tokken soba akka ta’ee mirkanneesserra, sababaa Suuraa doggoggora kanaattin.

Similar Posts