Gafa Amajji 9, 2023, fuulli tiwiiterrii akka qabeenyi naannoo Tigraay akka loltoota mootummaa Eritiriyaattin samametti suuraa fayyadamun poostii godhe ture.

Poostii tiwiiterrii kun immoo dirree soshal miidiyaa kana irratti yeroo 75 ol qodamerra. Akkasuumas, namoota kuma lama ol ta’aniin dirree soshal miidiyaa kana irratti ilaalamerra.

Haa ta’u iyyuu malee, HaqCheck akka qoratteti suuraan raabsame fi fayyadamamme soba fi kan ture ta’u isaa mirkanneesserra. Suuraan kun yeroo jalqabaaf kan feesbuukii irratti maxxanfame gafa Ebla 21, 2022.

Wal-dhabdee yeroo muraasa booda, mootummaa feederaalaa itoophiya fi Waraana Adda Bilisaa Baasa Tigraay jidduutti gafa sadaasa 4, 2022, waraanii jalqabee ture.

Humnii waloo, loltoota Eritiriyaa fi Waraana naannoo Amaaraa dabalatte, humna Adda Bilisaa Baasa Tigraay irratti duulaa baleesu adeemsisan turan.

Gareen Waraana gaggeessan laman, yeroo waraana waggaa lama keessatti ajjechaa lammiiwwan nagaa fi samichaa qabeenya gochuu isaanii gabaafamerra.

Wal-waraansii waggoota lamaf gaggeeffama ture kun walli galtee nagaa wallin malteessaniin nagaan golabamerra. Walli galteen kun gafaa sadaasa, 2022 kan rawwatame dha.

Ergaa walli galtee nagaa piritooriyaa, biyya Afriikaa kibbaatti ta’een, waraanii garee laman jidduu ture dhabaterraa.

Walli-galteen mootuumaa Itoophiyaa fi Waraana Adda Bilisaa Baasa Tigiraayii jidduutti ta’e akka akkekutti, hidhannoo hiiku Waraana gurgudda kan raawwatamuu yeroo loltoonii mootummaa Eritiriyaa fi kan Waraana rayyaa ittisaa itoophiya hin tanee naannoo Tigraay gadhiisanii yeroo bahanii dha jedha.

Dhumaa baatii kanaa irratti, Loltoonii Eritiriyaa akka Tigraay gadhiisanii baha jiranitti gabaafamaa jira.

Ammas, gutummaan guututti loltoonii Eritiryaa fi loltoota rayyaa ittisa Itoophiyaan alaa jiran guutummaan guutuutti bahu isaanii naannoo Tigraay irra waanti mirkanessuu hin jiruu.

Gafa Amajji 9, 2023, poostii tiwiiterrii akka loltoonii mootummaa Eritiriyaa qabeenya naannoo Tigiraayii irra akka samanitti gabaase ture. Suuraan samamuu Tigraay agarsiisuf fayyadamamme kun immoo akka konkolaataan meesha maal akka ta’e otto addan hin bahiin battanii deeman agarsiisa.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame fi samichaa jedhamuu kun soba dha.

Suuraan kun kan ture fi kan maxxanfame yeroo jalqabaaf gafa Ebla 21, 2022, dirree feesbuukii irrattii akka ta’e hubatamerra. Yeroo maxxanfame kanaatti akka qabeenyi naannoo humerraa irraa gara gondaarriti godhame akkeka.

Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun soba ta’u isaa mirkanneesserraa.

Similar Posts