Akkawoontii faseebuukii lama, west gojjam communications, kan hordoftoota kuma shatammi jaha Ol qabufi akkawoontii ShegerTimes-ሸገር ታይመስ, kan hordoftoota walakkaa miliyoona qabu gafaa sadaasa 28,2022,Ekeraa nama metiraa 25 dheeratuu kutaa biyyaa gojjamitti-itoophiyatti argamee jedhanii gabaasanirru.

Oddeeffannoo isaan gadhiisan kun immoo soshal mediyaa kanaa irratti tamsa’e ture. 

Haa ta’u iyyuu, akka HaqCheck qoratteti suuraan namticha metiraa 25 dheeratta jedhan kun ekeraa naannoo Amaaraa,Gojjamitti argamee jedhamuu hin agarsiisu. Kanaafu, suuraan jedhame kun soba ta’u isaa qoorannoon keenyi ni agarsiisa.

Seenaa-duraa dhalaa nama keessatti, lafee fi haftee nama qootisaan Itophiyaatti argamuu isaanii mirkanaa’a dha. Akka qo’annoo arkii’oloogistootatti haftee dhalaa nama umrii miliyoona 3.2 ta’u, bakkaa hadeer, Afaar keessatti bara 1974 argamera

Haalumma kanaan,dirree soshal miidiyaa irrattii ekeraa nama metiraa 25 dheeratuu nannoo gojjam, Amaaraatti argamee jechuun soshal miidiyaa kana irratti raabsamaa ture. Garuu HaqCheck poostii akkoowuntii lama ergaa ilaalee, poostii lamanuu suuraa wal-fakkaata ta’u isaa mirkanneesserra.

Akkaa HaqCheck qoratteti suuraan raabsame akka ekeraa metiraa 25 jedhame hin agarsiisine hubattera. Kanaa irraa ka’uun soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Suuraan raabsame kun immoo maxxansa gafa fulbanaa, bara 2013 irraa fudhatamee dha. Suuraan fudhatamee kun immoo ekeraa dhalaa nama bakkaa gammoojjii Saaraa, biyya niijerritti, sayiintisittii Pool Seeranoo jedhamuun argameedha.

Suuraan ekeraa kun dookumanatarii “Skeleton of the Sahara” jedhamuu iratti iyyuu kan fayyadamamedha. Dookumanatariin kun kan hojjatamee Televijiinii Nashinal ji’ogiraphiittin.

Kanaafu, HaqCheck akka soba ta’e mirkanneesserra.

Similar Posts