Fuulli feesbuukii hordoftoota kuma soddomii sadetti qabu, gafa sadaasa 18, 2022, Suuraa afur gadhiise ture, akka magaalii haaraa finfinnetti ijaarama jiru akeekke. Barruun isaa kun akkaa pirojeektiin Caakkaa lafaa naannoo Inxooxxoo irra jalqabee hanga Xaafootti haguuguu jedhun ibsaa.

Barruun namticha kun sadarkaa olaanaa ta’een dirree feesbuukii irratti tamsa’e ture.

Haa ta’u iyyuu, akkaa HaqCheck qoratteti,Suurooni namticha kanaan qodamman kun pirojeektii chaka hin agarsiisani. Sababaa kanaan Soba jennerra.

Ergaa muummichi Ministera Abiy Ahimad (PhD) garaa aangootti dhufaanii, pirojeektii hedduu magaaliittiti jalqabsiisaniirru.

Pirojeektoota kanneen keessa kan akka  inxooxxoo paark, Fiirendiship paark, yuunittii paark, Addababayyii maasqaalla, laggeewwan shaggar bareechu, muuziyyemii saayinsiiffa keessatti argamuu. Pirojeektii Shaggar bareechun alaa hunduu dawwannaaf ifaa ta’aniirru.

Akkaa ripoortoonii agarsiisaniiti, waajirri mummicha ministera ijaarsaa magaalaa sataalayyiti jalqabsiisanirru, pirojeektiin kun maasaraa haaraa ijaaramuu kun off keessatti hammate dha.

Pirojeektiin kun lafaa heektara kummataaman lakkaa’amu kutaa magaalaa yeekaa irrattii hojjetamuf jedha.

Gafa sadaasa 15, 2022, muummichi ministera Abiy Ahimad (PhD) miseensoota paarlaamaf akka magaalaa saatalayyitti ijaara jiru hime ture. Akkasuummas, akka pirojeektiin kun dollaarra ameerikaa hedduun ijaarama jiru itti hime ture.

Haala kanaan, suurooni feesbuukii irrattii namichaan tamsa’anii, akka pirojeektii chakatti qoderra.

Haa ta’u iyyuu, akka HaqCheck qoratteti suurooni namtichaan raabsamenii, pirojeektii haaraa ijaarama jiru hin agarsiisu.

Suuraan jalqabaa gafa Adoolessa 15, 2010 kan poostii ta’e fi akka diizaayinii hootelaa biyya mooskoo, Raashiyaatti ta’e agarsiisa.

Suuraan lammaffa, sadaafa fi shanaffaan, diizaayinii ismaart sity biyya meeksikootti argamuu agarsiisa. Suuraan jalqabaa gafa onkoloolessa, bara 2019 maxxanfame dha.

Suuraan arfaffaan kun immoo, inxooxxoo paark irran gadee kafaame agarsiisa, kaaba finfinneeti  ijaarameedha.

Kanaafu, HaqCheck suuraan gadhiifamanii soba ta’u isaanii mirkanneesserra.

Similar Posts