Gaafa mudde 5, 2022, fuulli feesbuukii hordoftoota hedduu qabu suuraa soba faayadammun akka waanti kun Itoophiyaatti ta’ee fi waanta fiilmii irraa akka hin tannetti, wal-itti bu’insa yeroo dhiyootti ta’etti gabaase.

Poostiin kun immoo dirree soshal miidiyaa irrattii akkaa tamsa’e fi fayyadamtoonni soshal miidiyaa akka yaada adda addaa kennani godherra.

Haa ta’u iyyuu, akka HaqCheck qoratteti suuraan namtichaan raabsame kun soba ta’unsaa mirkanna’erra. Suuraan gadhiifame kun kan turref qaama gubbachuu itoophiya keessatti ta’ee jedhamuu hin agarsiisu. Suuraan kun yeroo jalqabaaf tiwiiterrii irrattii waggaa sadetti duura, gafa onkoloolessa 6, 2014, kan gadhiifame ta’unsaa mirkanaaweera.

Yeroo dhiyoo asitti, Itoophiyaan jeequmsaa addan hin cinee keessa jirti. Wal-itti bu’insa dangaa, wal-itti bu’insa saba, buqa’iinsa namoota nagaa, fi ajjechaa jumulaa keesssa jirti.

Waraanii mootuumaa Itoophiyaaf fi Adda bilisaa baasa Uummata Tigraay jidduutti waggaa lamaaf ta’a tureera.

Yeroo dhiyoo asitti immoo kutaa biyyaa wallaggaa, Oromiyaatti wal-itti bu’insii hammaterra. Jeequmsi fi ajjechaan jumulaa wal-dhabdee yeroo dhiyoo kanaatti gabaafamerra.

Miidiyaa biyyaa keessa akka, gafa mudde 3, 2022 gabaasanitti,gareen faannoo jedhamuu wallaggaa baha, aanaa kiramuutti namoota nagaa hedduu gafa sadaasa 25 fi 29, 2022 ajjeessuu isaanii gabaafamerra.

Hariiroo kanaan wal-qabattee kan dirree feesbuukii irrattii suuraan qaama nama gubbatee kan raabsame.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan qaama nama gubatte jedhun raabsame kun soba ta’unsaa mirkanaaweera.

Suuraan akkaa qaama nama gubatte Itoophiyaatti akka ta’e akkeku kun jalqabaa kan gadhiifame dirree soshal miidiyaa, tiwiiterrii irrattii, gafa onkoloolessa 6, 2014 dha. Yeroo suuraan kun gadhiifame kanaatti akka muurtiin gareen kennammu rakkoo ta’etti dha. Akkowuntiin tiwiiterrii kun hordoftoota kumma sodommaa ol qaba. Akkasuumas, akkowuntiin kun tatte biyya maalaawiitti akka ta’e gabaasa.

Kanaafu, HaqCheck suuraan akkaa qaama nama gubate Itoophiyaatti agarsiisuf fayyadamamme kun soba ta’u isaa, kan tatte biyyaa bira irraa fudhatame ta’u  isaa mirkanneesserra.

Similar Posts