Gafa mudde 10, 2022, fuulli feesbuukii hordoftoota kuma digdamaa olii qabu, akka Humni Addaa Oromiyaa fi Waraana Bilisuummaa Oromoo maneen fi qabeenya saban Amaaraa ta’an barbadeessanitti suuraa fayyadame poostii godhe ture. Akka poostiin kun jedhutti maneenii fi qabeenyii kun kan gubatte naannoo Benishaangul Gumuz, zoonii kamashiitii.

Poostii kun dirree feesbuukii irrattii fayyadamtootan yeroo afurtama ol qodamme ture.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun waanta jedhamuu kanaa akka hin agarsiisinee akkekerra. Kanaafu, poostiin kun soba ta’u isaa mirkanneesserra.

Akka gabaasa miidiyaaleetti, mootuumaa Itoophiyaatti fi Waraana Bilisuumma Oromoo, kan mootumman itoophiya Shanee jedhe waamu jidduutti waraanii gaggeeffama jira.

Wal-waraansaa gartuu laman jidduutti ta’u jiru irraa kan ka’een rakkoo nageenya kutaa biyyaa Oromiyaa garagaraatii tatamsa’aa jira. 

Wal-waraansa deema jiru kanaan lubbuu lammiilee nagaa hedduu galafataa jira. Namoota kumattammaan lakkawaman ajjeffamuu fi midhaan ciima irraa gahe jira, keessuma lixaa Oromiyaatti.

Mootummaa itoophiyaan, ajjechaa fi buqqatiwwaan lammiilee nagaa kanaaf qaama Shanee jedhe waamu akka raawwatetti himataa. Gamaa birattiin immoo, Waraanii Bilisuummaa Oromoo akka ajjechaa lammiiwwan nagaa kanaaf mootuumaan itoophiya itti gaafatamuu fi yakkaa kanaa raawwatetti himataa. Ajjechaa lammiilee nagaa kanaaf immoo gareen lamaanuu wal-himatuu.

Wal-itti bu’insa yeroo dhiyootti ta’aa jiru kun naannoo Benishaangul Gumuz, zoonii kamash jedhamutti. Zooniin Kamash kun zooniiwwaan wallaggaa walliin wal-dangeessa.

Yeroo dhiyoo kanaatti wal-itti bu’insa wallaggaatti ta’ee akka ture ni gabaafamaa. Wal-dhabdee yeroo dhiyoo kutaa naannoo Oromiyaa lixaatiin ta’a ture kanaan namoonnii nagaa hedduu ajjeeffamanirru.

Namoonnii kuma soddoma ol ta’an, saba Amaaraa fi Oromoo dabalatte hedduun mana jireenya isaanii wallaggaa irraa buqa’aanuirru.

Haala kanaan wal-qabattee kan dirree feesbuukii irrattii akka humni addaa Oromiyaa fi Waraanii Bilisuummaa Oromoo, maneen jireenya fi qabeenya saba Amaaraa ta’an naannoo Benishaangul Gumuzitti  gubatte jechuun feesbuukii irrattii poostii kan ta’ee.

Haa ta’u iyyuu malee, suuraan akka gubbachuu maneen saba Amaaraa naannoo Benishaangul Gumuzitti jechuun agarsiisamme kun akka dhugaa hin agarsiisine mirkanneesserra.

HaqCheck akka qoratteti suuraan raabsame kun kan ture fi kan dursa maxxanfame dha, gafa mudde 23, 2020tti ta’ee irraa fudhatamee dha. Suuraan maxxanfame kun kan ibsuu gubbachuu maneenii zoonii mataakal, Benishaangul Gumuz ta’ee irraa kan fudhatamee dha.

Kanaafu, HaqCheck Suuraan kun akka soba ta’ee mirkanneesserra.

Similar Posts