Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 500 ol qabu tokko Caamsa 06, 2022 ALA, barreeffama suuraa sadii qabu maxxansuun “Waraanni Bilisummaa Oromiyaa (WBO) aanaa Dambii Dolloo humnaan dhuunfanne jedhe” jechuun gabaaseera. Suuraalee 3 maxxansa kana deeggaruuf maxxanfaman keessaa tokko barreeffama “Dembi Dolo University” jedhu suuraaratti barra’e qaba.

Hanga barreeffamni kun maxxanfamutti barreeffamni kun deebii 3000 ol kan qabu yoo ta’u yeroo 900 ol qoodameera.

Haa ta’u malee, HaqCheck suuraa kana qoratee Yuunivarsiitii Dambii Dolloo akka hin agarsiifne mirkaneesse.

Kanaaf HaqCheek barreeffamicha Soba jedheera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) baallee waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (WBO) keessaa tokko yoo ta’u, boodarra Caamsa 1, 2021 ALA gargar ba’e jedhama. Mootummaan Itoophiyaa, OLA “Shanee” jedhee itti mooggase,, paarlaamaadhaan akka shororkeessaatti moggaafamera . OLAn lammiilee nagaa sarbama mirga namoomaa fi gocha hammeenyaa irratti xiyyeeffata, keessumaa naannoo Oromiyaa, zoonii Wallagaa Bahaa keessatti akka ta’e himameera.

Ji’a Hagayyaa keessa OLAn Adda Bilisummaa Tigraay (TPLF) kan sadaasa 2020 ALA irraa eegalee mootummaa Itiyoophiyaa lolaa jiru waliin tumsuu isaa beeksiseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Lagassaa Tulluu Ebla 2 ALA,  akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa ummata naannoo waliin ta’uun OLA irratti “bifa qindoomina qabuu fi hirmaachisa qabuun” tarkaanfii fudhachaa akka turan himaniiru.

Ministirri Komunikeeshinii, naannoo Yuunivarsitiin Dambii Doolloon itti argamu, Naqamte, Dambii dolloo, fi naannolee biroo Lixa Wallagaa keessatti OLA (Shanee) irratti haleellaa banaa jiraachuu ibsaniiru.

Waldhabdee kana ilaalchisee, barreeffamni Feesbuukii irratti ba’e suuraa irratti ”Dembi Dollo University” barreessuudhaan OLAn aanaa Dambii Dolloo dhuunfachuu isaa agarsiisuudhaan himannaa isaa deeggaruuf yaaleera.

Haqcheek suuraa kana erga ‘reverse image’ fayyadamuun qoratee booda suuraan kun jalqaba Mudde 21, 2017 ALA, Odduu BBC Afaan Amaaraa irratti “Yuniversiitii Wallagaatti barattoonni lama du’an” jedhu irratti maxxanfamuu isaa mirkaneesse.Kanaafuu, HaqCheck suuraa himannaa kana deeggaruuf itti fayyadame sakatta’ee SOBA ta’u isaa mirkaneesera.

Similar Posts