Gafa Amajji 27, 2023, fuulli feesbuukii hordoftoota miliyoona lama ol qabu, suuraawwan sadii maxxanse ture dirree feesbuukii isaa irratti akka jiratoonii naannoo Oromiyaa simanna phaaphasoota haaraa muddamaniif godhan jechuudhan.

Fuulli feesbuukii kun hordoftoota fi fayyadamtoota irraa yaada hawwatee fi hirmachiise ture. Poostiin kun hirmaannaa garaa kuma digdamaa ol argattera.

Haata’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuroonii raabsamaan keessa lama kan ture dha. Suuraawwan kun laman kun simanna jedhamuu kan hin agarsiisne dha. Kana irra ka’un, poostiin kun gar-tokken soba jedhameera.

Gafa Amajji 22, 2023, Abuna Saawuroos, ark bishoopii kibbaa lixaa fi ark bishoopii lama walliin ta’un bishoopoota 26 muddammanirru beekkamtii sinoodoosii Itoophiyaa alaa. Muddamtoota diigdamii jaha keessa, bishoopoonii kudha torbaa naannoo Oromiyaatti ramadamuu isaanii gabaafamerra.

Muddama kanaan wal-qabattee, Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gochaa muddama kanaa mormanii jiru. Akkasuumas balaleefataanii jiru. Ark bishoopummaa Abbaa Sawuroos fi namoota Muddama kanaa raawwatan irra mulqaanirru.

Guyyoota muraasa booda, gareen Abbaa Sawuroosiin hogganaman phaaphasuuma namoota kudha lama irra mulqaanirru. Phaaphasoonii Abbaa Sawuroosii fi kaneen biroon laman Muddaman garaa bakkaa Muddamanitti socho’u jalqabanirru.

Akka odeessaa soshal miidiyaa irratti tatamsa’aa jirutti, bishoopoonii haaraa Muddaman bakkaa Muddamanitti adeema jiru. Akkasuumas, simanna addaa ta’e godhammaf jira hordoftoota amantii kanaa hordofaniin.

Haala kanaa keessan, gafa Amajji 27, 2023 kan dirree feesbuukii irratti suurooni sadii kun kan maxxanfaman akka hordoftoonii amantiicha naannoo Oromiyaa jirataan Muddama haaraa kanaa simaachaa jiraniiti. 

Haata’u iyyuu malee, suuraawwan kuneen yaada poostii ta’e hin deggeraan, hin agarsiisan. Suuraawwan laman kun Viidiyoo yuutubii irra fudhatamaanii dha. Viidiyoon maxxanfame kun kan gadhiifame gafa Gurraandhala 2020 dha.

Suuraan sadaffaa maxxanfame kun Agarsiisu suuraa Abbaa Sawuroos, kan bishoopoota haaraa muddanii dha. Suuraan kun immoo yeroo dhiyootti kan maxxanfame dha.

Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun gar-tokken soba dha sababa suuraa sirrii hin tanee fayyadamuu isaa irraa kan ka’en.

Similar Posts