Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 46 ol qabu tokko Hagayya 28, 2023 viidiyoo helikopteri waraana Itoophiyaa Debre Markos keessatti hidhattoota Faanootiin boji’amee kan jedhu qoodeera.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee kan ture yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti dawwattota kuma torbaa ol fi deebii jalachuu 300tti dhihaatu argateera.

Haa ta’u malee HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa turee ta’u fi himannaa kana kan hin deeggarre ta’uu isa mirkanessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla bara 2023 mootummaan Itoophiyaa humna addaa naannolee dhaabbilee nageenyaa birootti makamuuf karoorfachuu isaa beeksisee ture. Beeksisni kun naannoo Amaaraa keessatti mormii fi jeequmsa bal’aa kaase.

Rakkoon kun kan hammaate, dhuma baatii Eblaa keessa qaamoleen hidhatee eenyummaan isaanii hin beekamne itti gaafatamaa Paartii Badhaadhina Amaaraa Girmaa Yeshitlaa erga ajjeesanii booda, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) qaamolee “garaa jabeeyyii” irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajee ture.

Waldhabdeen hidhannoo naannoo Amaaraatti hammaate Hagayya 2023 yeroo hidhattoonni Faano magaalota hedduu to’atanii turan. Mootummaan Itiyoophiyaa deebii kenneen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) bobbaasuun magaalota deebisee dhuunfachiisee. naannoo tokko tokkotti garuu waldhabdeen kun itti fufee ture dha.

Haala kanaan fuula Feesbuukii tokko viidiyoo helikooptarri waraana Itoophiyaa Debre Markos keessatti hidhattoota Faanoottin bojji’amee jedhu qoodeera.

Haa ta’u malee, HaqCheck maxxansa kana qoratee viidiyoon kun kan yeroon isa ture ta’uu isa mirkanessera. Viidiyoon jalqabaa kun Ebla 26, 2019 Feesbuukii irratti kan maxxanfame yoo ta’u, barreeffamni isaas helikooptarri  dhaabbata Trans Nation Airways (MIDROC Ethiopia Technology Group) kan ta’e kun Sababa motorri kufaatii irraan kan ka’e akka kufee ibsamera.

Kanaafuu,  HaqCheck maxxansa Feesbuukii kana viidiyoo sirrii hin taane waan fayyadameef maxxansa kana Soba jedhee jirra.

Similar Posts