Gaafa Caamsaa 25, 2022 ALA,  fuula twiitarii irratti, “dhiyeenya kana qondaaltonni nageenyaa Eertiraa, Itiyoo 360 fi Itiyoo Forum hoggantoota olaanoo TPLF waliin toora interneetii irratti mari’achuun waliin hojjechuuf walii galuu isaanii saaxiluu isaanii ibsaniiru.” jedhu maxxanfamee ture. Maxxansi kunis miidiyaalee ‘ajandaa TPLF’ dhageessisaa jira jechuun icciitiidhaan himateera.

Himata kana deeggaruuf barreeffama afaan Tigiriiffan barreeffame suuraa iskiriinii dhiyeessera.

Haa ta’u malee, HaqCheck barreeffamicha  ilaalee,qondaaltonni nageenyaa Eertiraa qaamolee sadan eeraman kanneen dhiheenya kana mari’atanii fi waliin hojjechuuf walii galan ifa godheera jedhu akka hin agarsiifne mirkaneessera.

Guraandhala 2020 irraa eegalee mootummaa federaalaa humnoota michuu Itiyoophiyaa fi  Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/TPLF jidduutti waldhabdeen hidhannoo geggeeffamaa tureera. Ji’oota muraasa duras mootummaan Itiyoophiyaa araarra namoomaa labsee battalumattis TPLF waliigalee fudhateera.

Mootummaan federaalaa fi bulchiinsi naannoo Amaaraa gareewwan hidhatanii fi yakkamtootaa hidhannoo hiikkachiisuuf duula waraanaa maqaa ‘hojii seera kabachiisuu’ jedhuun eegalaniiru.

Gama biraatiin ammoo miidiyaaleen toora interneetii Itiyoo 360 fi Itiyoo Forum keessattuu waraana Tigraay keessatti gaggeeffameen booda mootummaa Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhina biyya bulchaa jiru qeequun itti fufaniiru.

Sochiin Biyyoolessaa Amaaraa ibsa dhiheenya kana Caamsaa 24, 2022 ALA baaseen miidiyaa Itiyoo 360 Mootummaa Naannoo Amaaraa tasgabbii dhabsiisuuf TPLF waliin hojjechuu isaanii qeeqaa tureera.

Itiyoo Forum TPLF waliin hidhata qaba jechuunis himannaan dhiyaachaa tureera. Dhiheenya kana Itiyoo Fooramiin maallaqa TPLF irraa Birrii miiliyoona 1.8 argateera jedhamee himannaan dhiyaatee ture.

HaqCheek barreeffama kana mirkaneessuu fi dhiisuu isaa qorachuuf suuraa iskiriinii kana ilaaleera. Suuraan kun barreeffama Feesbuukii Caamsaa 23, 2022 ALA  maxxanfame irraa kan fudhatame yoo ta’u, Maxxansi Feesbuukii kun fuula maqaan isaa ‘Center for Research and Documentation’ jedhamu, oduu fi websaayitii midiyaaf kan qophaa’edha. Fuulli kun odeeffannoo maddoota isaa ta’an irraa arganne jechuun marii toora interneetii irratti hoggantoonni olaanoo TPLF, Itiyoo Forum, Itiyoo 360, fi miseensonni Dijiitaalaa Wayyaanee irratti hirmaatan hima.

Fuulli kun odeeffannoo kana akka maddoota isaa ta’an irraa argate hima malee akka maxxansi tiwiitaraa irra jiru jedhutti qondaaltota nageenyaa Eertiraa irraa akka hin taane barreessera.

 Kanarraa ka’uun barreeffamni suuraa iskiriinii irratti barreeffame akka ragaatti dhiheesse waan inni barreesse irraa adda ta’ee mul’ata.

Similar Posts