Facebook

Twitter

Telegram

LinkedIn

Email

Akkaawuntiin Tiwitterii  hordoftoota 1100 ol qabu tokko Caamsaa 24, 2022 maxxansa “Tigraay keessatti jeequmsi siiviilii ka’ee jira, ummanni Tigraay ‘Abiyi Ahimad nu haa hoogganu’ jechaa jiru.”  jedhu qoodeeera. Suuraa irratti namoota hiriiranii mallattoo dhaadannoo adda addaa qabatanii barreeffama “Abiyi Ahimad nu haa hoogganu”, “Geetachoo Redaa yakkamaadha”, “TPLF hattuudha” jedhu qabatanii barreeffamoota biroo lama suuraawwan irratti barreessan waliin agarsiisu maxxansaniiru.

Yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti barreeffamni kun deebii 80 ol kan qabu yoo ta’u yeroo 30 ol qoodameera.

Haata’u malee HaqCheek suuraa kana qoratee kan qindaa’e ta’u isaa mirkaneessera.

Waraanni Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) fi mootummaa federaalaa fi humnoota michuu isaa gidduutti yeroo dheeraaf adeemsifamaa ture furmaata hin arganne.

TPLF karaan dippilomaasii waraana kana xumuruuf yoo fashalaa’e furmaata waraanaa akka barbaaddu agarsiisuun ibsaa turteti.TPLF gargaarsi Tigraay akka hin seenne mootummaa federaalaa fi qaamota naannichaa himachaa kan turte yoo ta’u, gargaarsi tibbana ga’e fedhii sanaa gadi ta’uu komattee turte.

Caamsaa 20 TPLF ibsa gaazexeessitootaaf baaseen “Mootummaan Tigraay, garaagarummaa siyaasaa karaa nagaan furamuuf filannoo qajeeltoo qabu waliin walsimsiisuun, tarkaanfiiwwan amantaa ijaaran gama tokkoon illee fudhachuuf walii galeera. Haaluma kanaan waadaa hogganaa Obasanjoof galleen booji’amtoota waraanaa 4208 gadhiisuuf murteessineerra. Kanneen gadhiifaman keessaa 401 dubartootadha,” jedha ibsichi.

Gaafa Guraandhala 13, 2022, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kan ta’an Birhaanuu Juulaa gaaffiifi deebii taasisaniin, “Uummani Tigraay kanaa booda TPLF’f jecha du’uu hin qabu, lubbuun kumaatamaan badaa jira. Ummanni Tigraay TPLF’f didduu qaba.” jedhaniiru.

Suuraalee kana sirritti  ilaaluun HaqCheek suuraalee lamaan barreeffama Feesbuukii irraattii fuula DW Amaariffaa Onkoloolessa 2, 2018 ALA  maxxansaa “Barattoonni Yuunivarsiitii fi maatiin isaanii Mekeletti haala nagaa barattootaaf hiriira gaggeessan”. Jedhu irraa akka fudhatamee mirkaneessera. Maxxansicha irratti naannolee yaaddoon nageenyaa jirutti barnoota isaanii irratti hirmaachuuf sodaa akka qaban kan dubbatan yoo ta’u, mootummaan furmaata akka fidu waamicha dhiyeessaniiru.Mallattoolee hiriiraa irratti ‘jireenyi Tigiraay na yaaddessa’, ‘ijoollee keenya bakka tasgabbii hin qabnetti hin erginu’, ‘barattoonni wareegama kaffaluu hin qaban’, ‘ moottuuman naannoo fi moottuman federaalaa furmaata nuuf haakennu’ jedhamanii agarsiifamaniiru”

Suuraa tokko

Suuraa lama

Suuraan sadaffaan waxabajjii 27, 2018  ‘borkena.com’ irratti barruu oduu mata duree, “Asoosaa keessatti jeequmsi haaraan saba irratti hundaa’e yoo xiqqaate namoota saddeet du’aniiru” jedhuun argame.

Oduun kun akka ibsetti, gabaasa miidiyaalee hawaasaa wabeeffachuun “ dargaggoonni saba Bertaa, ofii isaanii akka warra naannotti fi nama kaan immoo  akka alagaatti ilaalan of gurmeessuun daldala saba Amaaraa fi Oromoo irratti haleellaa banuu isaanii ibseera. Akkasumas waan tattaaffii ofirraa ittisuuf godhamu fakkaatu keessatti sabni Amaaraa haleellaa sanaaf deebii kennuuf yaalan malee hawaasa saba Bertaa irraa miidhamtoonni jiraachuu fi dhiisuu isaanii ifa miti.”

 

Suuraa sadii

Suuraaleen jalqabaa lamaan Tigraay keessatti mormii agarsiisan illee suuraan sadaffaa himannaa kana deeggaruuf itti fayyadaman Soba ta’uun baramera. Kana malees suuraan lammafaa Tigraay irraa akka hin taane beekamaadha,Kanaaf HaqCheck suuraalee sakatta’ee kan qindaa’e ta’uu isaa hubateera jira.

Similar Posts