Gafa mudde 10, 2022, fuulli feesbuukii hordoftoota kuma jatammii afur ol qabu, akka lammiiwwan saba Amhaaraa ta’an Oromiyaa, wallaggaa keessatti hidhamaa jiran jedhun Suuraa fayyadamamme qode ture. Lammiiwwan saban Amhaaraa ta’an sababa Waraana Bilisuummaa Oromoo, kan mootuumaan itoophiya shanee jedhe yammuu irraa off itti-saniif hidhamaanii jiru jedha.

Poostii kun dirree soshal miidiyaa irrattii akka tamsa’e fi yaada namoota hedduu akka hawwatee hubachuun danda’ammerra. Akkasuumas, poostii kun yeroo soddoma ol qodamerraa dirree feesbuukii irrattii.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun soba ta’u isaa mirkanneesserra. Lammiiwwan saba Amhaaraa Humna adda Oromiyaattin hidhamaan jedhu kunis sirrii mittii. Kanaafu, poostii kun soba dha.

Akka gabaasa miidiyaaleetti, waraanii mootuumaa Itoophiyaa fi Waraana bilisuummaa Oromoo, kan mootuumaan feederaalaa itoophiya shanee jedhe waamu jidduutti Adeemsifama jira. Waraanii Oromiyaa keessatti ta’a jiru kun kutaalee Oromiyaa garagaraatii babal’ataa jira.

Lammiiwwan nagaa Waraana Adeemsifama jiru kanaan hedduu miidhamaa jirachuun ibsamte jira. Namoonnii dhibbaan lakkawaman ajjeefamani jiru. Akkasuumas, miidhaan guddaan irraa gaheeraa.

Ajjechaa uummata nagaa kanaaf kan mootuumaan itoophiya Shanee jedhe waamu akka itti gafaatamuu hima. Gama biraan immoo waraanii Bilisuummaa Oromoo akka mootuumaan itoophiya lammiiwwan nagaa ajjeessetti himataa.

Akka miidiyaa biyyaa keessa Addis Istaandarid gabaasetti, gareen faanoo jedhamuu lammiiwwan nagaa ajjeessu isaanii gafa sadaasa 25 fi 29, bakka kiramuu, wallaggaa baha ta’u isaa hubachiiserra.

Wal-itti bu’insa yeroo dhiyoo wallaggaatti uumametti namoonnii kuma soddoma ol ta’anii bakkaa jireenya isaanii irraa buqa’anirruu, lammiiwwan Amhaaraa dabalatte.

Haala kanaan wal-qabattee kan dirree soshal miidiyaa-feesbuukii irrattii akka mootuumaan naannoo Oromiyaa lammiiwwan saban Amhaaraa ta’an Oromiyaa keessatti hidhaa jira jechuun poostii kan godhamee.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun lammiiwwan saban Amhaaraa ta’an wallagaatti hidhamuu isaanii hin agarsiisu.

Suuraan kun jalqabaa kan maxxanfame gafa Ebla 24, 2020 miidiyaa BBC Afaan Oromoottin yoo ta’u, yeroo BBC afaan Oromoo maxxanse kanaatti akka humni adda Oromiyaa obbo Abdoo Abba Joobir, kan hojii barsiisumman godiina  jimmaatti hojjatudha.

Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun soba dha.

Similar Posts