Gafa mudde 21, 2022, fuulli feesbuukii hordoftoota kumma jaha ol qabu akka odaa baas tajajilaa geejjiba garee faanoo jedhamuuf godhetti gabaase ture. Geejjiba kenniinsaa isaan wal-qabattee immo akka kaampaaniin odaan baas dhugaa isaa uummatatti himuu fi dhifama gafaatu akkeka, akka geejjiba faanoof kennani himu qabu jedha. Yaada isaa kanaa yeroo qoodutti Suuraan gubbachuu baasii agarsiisu maxxanserra.

Haa ta’u iyyuu malee, HaqCheck akka qoratteti suuraan raabsame kun soba ta’u isaa mirkanneesserra. Odaa baas kunis tajaajilaa geejjiba faanoof kename jedhu hin agarsiisu. Kanaafu, Suuraan kun soba jechuun HaqCheck mirkanneesserra.

Akka gabaasaleen miidiyaa gabaasanitti, waraanii mootuumaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisuummaa Oromoo, kan mootuumaan itoophiya shane jedhee waamu, jidduutti naannoo Oromiyaa keessatti Adeemsifama jira.

Waraana garee laman jidduutti ta’a jiruu kanaan namoonnii nagaa hedduu ajjeeffamu isaanii gabaafamerra. Namoonnii nagaa Oromiyaa, keessuma bakkaa waraanii gaggeeffama jiru kanaatti namoonnii nagaa hedduu rakkoo fi ajjechaa irraan gahaa jirru.

Mootuumaan federaalaa akka shaneen namoota nagaa ajjeessa jiru ni himataa, gamaa biraan ammoo Waraanii Bilisuummaa Oromoo akka mootuumaan itoophiya lammiiwwan nagaa ajjeessa jiru fi rakkoo hamma irraa geesisaa jirutti himataa.

Akka miidiyaa biyyaa keessa, gabaasa Addis Isatandardii namoonnii naannoo sanaa irraa odeeffadhe jedhe gabaasetti, gareen faanoo jedhamuu namoota nagaa ganda kiramuu, wallaggaa bahatti gafa sadaasa 25 fi 29 ajjeessu isaanii gabaasserra.

Haala kanaan wal-qabattee kan dirree feesbuukii irrattii akka odaa baasiini geejjiba faanoof akka kennee kan gabaafamee. Akka poostii isaa kanaatti gubbachuu odaa baas irraan gahe sababa faanoof geejjiba kennetti ibsa.

Odaa baas gartuu tajaajilaa geejjiba biyyaa keessatti socha’uu, kan namoota dhunfaan dhufatamee dha. Kaampaaniin odaa baas ijoo dhan kan tajaajilaa kennuu Oromiyaa keessatti yoo ta’u, kutaa biyyaa itoophiya gargaraa keessattis tajaajilaa kenna.

Akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun soba ta’u isaa mirkanneesserra. Suuraan gadhiifame kun tajaajilaa geejjiba kenniinsaa odaa baas garee faanoof  kennee jedhamuu hin agarsiisu.

Suuraan akka odaa baas tajaajilaa geejjiba kenniinsaa faanoo agarsiisuf fayyadamamme kun suuraa turree fi kan maxxanfame dha. Suuraan kun jalqabaa kan maxxanfame gafa Gurraandhala 18, 2022tti. 

Suuraan akka gubbachuu odaa baas agarsiisuf fayyadamamme kun gubbachuu baasii sababa rakkoo mootora irraa kan ka’een, imalaa isaa Finfinnee irraa ka’e gara Dasseetti otto deemu kan umammeedha.  Gubbachuu baasii kun kan ummame bakka dhumugaa, goddina addaa Oromiyaa naannoo Amaaraatti dha.

Kanaafu, HaqCheck akka qoratteti suuraan raabsame kun soba fi Suuraa doggoggora kan fayyadamamme ta’u isaa mirkanneesserra.

Similar Posts