Gafa Amajji 11, 2023 Fuulli feesbuukii akka Ambaasadar Misgaanuu Areegaan minesteera Hajaa biyyaa alaa Itoophiya ta’anii Mummicha ministeeraa Abiy Ahimadiin muddamaan jedhu gadhiifame ture.

Poostiin feesbuukii kana akka Haaja biyya alaa obbo Dammaqaa mokonniin bakka bu’anitti gabaasa. Fuulli feesbuukii kun hordoftoota kuma kudha sadii ol qaba. Poostii isaa kunis namoota hedduu qaqabuu danda’aa.

Akka HaqCheck qoratteti Ambaasadar Misgaanuu Areegaan itti anna dammee addaa Hajaa biyya alaa ta’anii muddamman malee ministeeraa Haaja biyya alaa Itoophiya ta’anii hin muddammiine.

Ergaa Mummicha ministeeraa Abiy Ahimad gara angootti dhufaanii booda, jijjiran angoo safiisaan ta’a jira.

Yeroo Abiy Ahimad gara angooti dhufaanii bara 2018, Obbo Warqinaa Gabayyoo, hajaa biyyaa alaa Itoophiya turan, kan amma seekiretarayiiti Inteergoovermentaal awutoriyitti diiveloopimentii hojjata jiran.

Peerizidaantii mootuumaa naannoo Amaaraa kan duraanii kan turan, Obbo Geeduu Andaargachaaw bara 2019 Hajaa biyya alaa Itoophiya ta’un bakka Obbo Warqinaa Gabayyoo bakkaa bu’ani turan.

Yeroo Waraanii mootuumaa Itoophiyaa fi Waraana Adda Bilisaa Baasa Tigiraayii jidduutti, bara November 2020 muddateetti, muummichi Ministeeraa Abiy Ahimad Obbo Dammaqa Mokonniin haaja biyya alaa Itoophiya godhuun muddee ture.

Gafa Amajji 11, 2023 jedhu Ministirii dhimmoota alaa Itoophiya oduu haaraa fuulla feesbuukii isaanii irraa akka muummichi ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad Ambaasadar Misgaanuu Areegaattin itti-aanaa hajaa biyya alaa Itoophiya godhuun muddanitti ibsa, Muddaamnii isaanii kun immoo Amajji 10 irraa eegalee hojii irraa akka oluus ni ibsaa.

Yaadni muummichi ministeeraa Abiy Ahimad Obbo Misgaanuu Areegaattin bakka Dammaqaa Mokooniin bakka buusan jedhu feesbuukii irrattii kan tamsa’e haala kanaan wal-qabattee dha.

Poostii feesbuukii kun yeroo booda sirressaame akka Ambaasadarii duraanii akka itti-aanaa Haaja biyya alaa Itoophiya ta’anii muddammanitti ibsa.

Haata’u malee, akka HaqCheck qoratteti oddeeffannoon Ambaasadar Misgaanuu Areegaan akka hajaa biyya alaa Itoophiyatti ta’anii muddammanii jedhu soba akka ta’e mirkanneesserra. Akkasuumas Obbo Misgaanuu Areegaan itti-aanaa ministeeraa dammee addaa hajaa biyya alaa Itoophiya ta’anii muddammanirru.

Akkaa beeksisi ministirii dhimoota alaa Itoophiya ibsuuti hogganan duraanii Itiyoo-Injiineering fi Ambaasadaraa duraanii Kaataar fi Yunaaytiid Araab Immeritessi akka ministeeraa itti-aanaa yookaan addaa hajaa biyyaa alaa Itoophiya ta’anii muddammanirru.Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti poostiin kun soba dha.

Similar Posts