Gafa Gurraandhala 7, 2023, Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 290 ol qabu suuraa sadii dirree feesbuukii irratti qode ture akka magaalaa jimma keessatti meeshaalen waraana gaggeessaa mana amantaa ortodoksii qabameetti. Suuraan jalqabaa meeshaa Waraana yoo ta’u, Suuraan lamaffaa immoo rasaasa agarsiisa, suuraan sadaffaa immoo suuraa gaggeessaa mana amantiicha agarsiisa. 

Poostii kun akka akkekutti namichii suuraan isaa argamuu akka itta-aanaa gaggeessaa mana amantaa ortodoksii jimma fi gaggeessaa mahaaber Qiddusaan kutaa jimmatti, kan caasaa mana Amantaa ortodoksii Tawaahidoo keessatti argamuu dha.

Poostii kun dirree feesbuukii irratti Yeroo dhibbaa afurii oliif fayyadamtoota feesbuukii irra yaada argaachuu danda’erra.

Haata’u malee, suuraan raabsame kun waanta faana maxxanfame hin agarsiisu. Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun Soba dha.

Gafa Amajji 22, 2023, arkiibishooponii duraanii mana Amantaa ortodoksii Tawaahidoo bishoopoota haaraaf Muddama kennaniruu beekamtii siinoodosii ala.

Abuuna Saawuroos, arkiibishoopii kutaa biyyaa kibbaa lixaa Shawaa fi Phaaphasoota lama ta’un phaaphasumma namoota 26 kennani jiru, akkasuumas namoota haaraa muddaman kanaa garaa kutaalee Oromiyaa fi kibbaa Itoophiyaatti ramadanirru. Kaneen muddaman keessa kudha torbaa kan ta’an Oromiyaa keessatti ramadamanirru.

Siinoodoosin Itoophiya Ortodoksii Tawaahidoo muddama haaraa kanaa fi Phaaphasoota muddama kanaa godhaan irratti tarkaanfii muddama kana mulquu godhaniirru sababa seeraa mana amantaa cabsuun jedhu irra dhabachuun.

Guyyoota muraasa booda, gareen Abuuna Saawuroos phaaphasumma namoota mulqaama isaan irratti gaggeessan irratti gaggeessanirru.

Haala kanaan wal-qabattee gafa Gurraandhala 7, 2023, Poostiin feesbuukii suuroota sadii maxxanse akka gaggeessaa mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa, kutaa Magaalaa jimmatti keessatti argamee jechuun kan maxxanfame dha.

Suuraan laman akka meeshaalen waraana agarsiisuf maxxanfammanii dha. Suuraan sadaffaa immoo Suuraa gaggeessaa mana amantiichatti. Suuraan jalqabaa kan agarsiisu meeshaa qawwee dha, meeshaan kun immoo kan maxxanfame gafa onkoloolessa 30, 2019tti, BBC afaan Oromoo kan maxxanfame dha, oduu wajjirrii gumuruukiin meeshaalee waraana seeraa alaa ta’anii akka qabamaniitti kan hojjatamee dha.

link

Suuraan lamaffa kun immoo kan agarsiisu rasaasa dha. Rasaasni kun immoo oduu gafa onkoloolessa 7, 2021, miidiyaa biyyaa keessan kan hojjatamee dha. Akka oduu kanaatti meeshaalen seeraan alaa ta’anii kutaa bulchiinsa Addis Ketemaa akka tohannoon jala olaan agarsiisa.

Link Kanaafu, qoorannoo isaa irratti hunda’uun HaqCheck poostii kanaa soba jedherra.

Similar Posts