Fuulli feesbuukii hordoftoota kumma dhibba tokkoo ol qabu, gafa mudde 5, 2022 akkaa magaalaa Beegii-wallaggaatti Haleellaan qilleensarraa fudhatameetti poostii godhe ture. Dabalataanis, akkaa humnii addaa Oromiyaa miidhaan irra gahee ibsa.

Yeroo barruun kun katabamutii, poostiin isaa kun yeroo afurtamaa ol dirree soshal miidiyaa irrattii qodamerra.

Haa ta’u iyyuu, akkaa HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun haleellaa qilleensarra magaalaa Beegiitti mootuumaa Itoophiyaatti raawwatame jedhamuu hin agarsiisu. Kanaafu, poostii kun soba ta’unsaa mirkanne’arra.

Waraanii naannoo Oromiyaa keessatti ta’a jira, gartuu Waraana Bilisuummaa Oromoo, kan mootuumaan itoophiya “Shanee” jedhe waamu fi mootuumaa Itoophiyaa jidduutti.

Namoonnii nagaan Haleellaa qilleensarra mootuumaa Itoophiyaatti ta’een ajjeefamanirru.

Haleellaan diroonii mootuumaa Itoophiyaattin gafa sadaasa 9, 2022 magaalaa meendii irratti ta’en, namoota nagaa 20 ol ta’an ajjeefamanirru.

Yeroo dhiyootti wal-itti bu’iinsi wallaggaa Oromiyaatti, keessuma dangaa Oromiyaa fi Amhaaraa jiddutti ta’a jira. Poostii soshal miidiyaa irrattii poost ta’en, akkaa namoonnii baayyee ajjeefamanitti gabaafamaa jira.

Hariiroo kanaan wal qabatte, poostii feesbuukii irrattii akkaa Haleellaan qilleensarra mootummaa itoophiyattiin wallaggaatti ta’ee fi namoonnii nagaa ajjeefamanitti raabsame.

Haa ta’u iyyuu, Suuraan akkaa Haleellaa qilleensarra yeroo dhiyootti magaalaa beegiitti ta’ee agarsiisa jedhame raabsame soba ta’unsaa mirkanne’arra.

Suuraan akkaa Haleellaa qilleensarra magaalaa Beegiitti agarsiisuf hojii irra ole kan turee fi maxxansa webii sayittii irraa gafa sadaasa 2015 kan poostii ta’ee irraa kan fudhatamee ta’un isaa miirkana’erra.Kanaafu, akka HaqCheck qoratteti suuraan fayyadamamme soba dha.

Similar Posts