Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 46 ol qabu tokko suuraa hagayya 9,2023 qoodee, suuraan kun waldhabdee hidhannoo mootummaa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti taankii waraana Itoophiyaa garee milishaa Faanootiin barbadaa’e kan jedhu agarsiisa.

Barreeffamichi itti dabaluudhaan waranii Itoophiyaa fi taankiin isaanii naannoo Amaaraa zoonii Gojjam Bahaa Mottaatti kufamanii akka jiran ibseera.

Barreeffamni Feesbuukii kun waltajjii kanarratti kan bayyee faffaca’ee kan ture yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun maxxanfamu si’a 29 qoodameera.

Haqcheck suuraa kana sakatta’ee himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneessera.

Halaa kanan HaqCheck himannaa kana Soba taasiseera.

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa humnoota poolisii addaa naannolee hidhannoo hiikkachuuf murteessuu isaa beeksise. Mootummaan humna waraanaa naannoo sanaa hiikkachuu kan jalqabe yoo ta’u, loltoonni kun dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka waraanaa, poolisii federaalaa, ykn humnoota poolisii naannootti akka makaman ajaje.

Murtee kana booda utuu hin turin tasgabbii dhabuun mootummaa naannoo Amaaraa weerare. Murtee mootummaan federaalaa humna poolisii addaa naannolee diiguuf dabarse mormuun mormiin ummataa bal’aan ture.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse erga gareen milishaa hidhatee naannoo naannichaa hedduu to’atanii booda.

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti uumameen namoonni hedduun ajjeeffamuu gabaasaaleen ni mul’isu.

Gabaasni oduu tibbana ba’e akka mul’isutti haleellaa dirooniin naannichaa Zoonii Gojaam Lixaa magaalaa Finoote Selaam keessatti raawwatameen namoonni 26 ajjeefamaniiru.

Haala kana kessattii, barreeffamni Feesbuukii tokko gareen milishaa Faanoo, Taankii dabalatee loltoota waraana Itoophiyaa barbadeessan jedhu waliin suuraa qoodera.

Haa ta’u malee, HaqCheck himannaa kana qoratee suuraan kun himannaa kana akka hin deggerre argateera. Suuraan jalqaba kun kanaan dura (Twitter)X  irratti Hagayya 8, 2022 maxxanfamee kan argame yoo ta’u, barreeffamni waraanni Raashiyaa lola dhiheenya kana geggeesseen konkolaattota meeshaa waraanaa Yukireen barbadeesse kan jedhu dha.

Kanaafuu HaqCheck suuraa sirrii hin taane fayyadamuu isaatiin barreeffama Facebook kana Soba jedheera.

Similar Posts