Ebla 11, 2023 fuulliin feesbuukii hordoftoota kuma shantem ol qabu tokko maxxansa maxxansee,naannoo amaaraa,magaalaa baahir daar keessatti sababa dhukaasa meeshaa waraanaa cimaa Addi Bilisummaa Oromoo [Rayyaan Ittisa Itoophiyaan] banameen gamoo tokko diigamee lammiileen nagaa hedduun madaa’uun issaa himateerra.

Barreeffamni kun yaada issaa kana deeggaruuf suuraa lama fayyadameera. Suuraan jalqabaa gamoo baayyee miidhame kan agarsiisu yoo ta’u, suuraa lammaffaan ammoo aarri dukkanaa’aa ol ka’aa jiru agarsiisa. barreeffamni kun deebii hedduu kan argate yoo ta’u, waltajjii irratti yeroo saddeet qoodameera.

Akka qorannoo HaqCheck agarsiisu suuraawwan kana keessaa tokkon dulloomaa ta’uun issaa fi odeffannoo kana akka hin degarruu  mirkaneessee jira. Haala kanaan barreeffamni kun Gar-tokkoon Soba jedhee jirra.

Ebla 6, 2023 mootummaan federaalaa Itoophiyaa humnoonni poolisii addaa naannoo diigamuun Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Poolisii Federaalaa yokkiinn poolisii naannootti akka makaman murteessuu isaa beeksiserra. sababa kanaan mootummaa naannoo Amaaraa keessatti waldhabdeen uumame jirra.

Naannichatti walitti bu’iinsi hidhannoo fi mormiin ummataa murtee mootummaan federaalaa humnoota poolisii addaa naannichaa hiikkachuu mormuun uumamee jira.

Sadaasa 31, 2023 Komishinarri Biyyaalessaa Teeshome Toga akka jedhanitti, Komishinichi humnoota poolisii addaa naannichaa diiguu fi deebi’anii walitti makamuu ilaalchisee naannoo Amaaraa dabalatee guutuu biyyattiitti marii gaggeessuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa humna poolisii addaa Amaaraa qofa hidhannoo hiikkatee diiguuf karoorfateera haata”u malee poolisiionii addaa Oromiyaa hin diigamu waan jedhamu jiraatus malee.

HaqCheck suuraan sun dhugaa ta’uu isaa sakatta’ee suuraawwan keessaa tokko maxxansa durii irraa kan fudhatame ta’uu hubatera.

Suuraan jalqabaa kana gamoo baayyee miidhame kan agarsiisu jalqaba CNN Fulbaana 26, 2022 irratii kan gadhiifame yo taa’u. Haaluma kanaan suuraan kun gamoo Yukireen keessatti argamu tokko lolaa cimaa Raashiyaan kan caccabee agarsiisa.

Suuraan lammataa miidiyaa biyya keessaa tokkoon ebla 11, 2023 Feesbuukii irratti kan maxxanfame yoo ta’u,mormii gaggeeffameen daandii Baahir Daar irratti gommaawwan gubachuu agarsiisa.

Naannoo Amaaraatti mormii fi walitti bu’iinsi itti fufee jiraatus, suuraan jalqabaa gamoo Baahir Daaritti diigame hin agarsiisu.Kanaaf HaqCheck barreeffamicha Gar- tokkoon Soba jedheera.

Similar Posts