Fuulli feesbuukii hordoftoota kumma dhibbaa lama ol qabu gafa mudde 11, 2022, akka morookoon alabaa Adda bilisaa baasa ogaadeen fi alabaa biyyaa isaanii qabatanii gammachuu isaanii ibsatanitti poostii godhe ture.

Yeroo barruun kun maxxanfametti, poostii kun namoota dhibbaa shanii ol fi yeroo kudha jaha qodammerra.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck poostii kan qoratte fi mirkanneessetti suuraan raabsame kun soba. Kanaafu, HaqCheck akka suuraan kun kan jijjiirame ta’u isaa mirkanneesserra.

Alabaan poostii irratti fayyadamamme kun alabaa Adda bilisaa baasa ogaadeen akka ta’u hubatamammerra. Adda Bilisaa Baasa Ogaadeen kan hundeeffame bara 1984tti. Kayyoon Adda bilisaa baasa ogaadeen hiree ofiin off murteefachuu uummata ogaadeen mirkanneessuf. Bara 1994 irra kaase mootumma Itoophiyaa irratti waraana gaggeessa ture.

Bara 2018 mootumman Itoophiyaa haroomsa gaggeessun mummicha ministera Abiyyi Ahimad gara aangootti fideera. Jijjiirama haaraa dhufee kanaan gaafii dargagoota deebisuuf Adeemsii jalqabame ture. Adeemsaa kanaan paartiileen siyaasaa biyyaa alaa turan gara biyyaatti galaanii fi qabsoo karaa nagaa akka gaggeessaniif waamicha mummicha haaraa gafa hagayya 12, 2018, dhiyeesen Adda bilisaa baasa ogaadeen waamichichaa fudhachuu gara biyyaatti galuufuu murtesse galee turem.

Addi bilisa baasa ogaadeen ergaa gara biyyaatti galee booda siyaasaa biyyaatti keessa daamaqinaan hirmaacha jira. Addaa Bilisaa Baasa Ogaadeen siyaasaa mootummaa naannoo Suummaalee irrattii hirmaacha jira.

Waancaan Fifa Addunyaa waakitii isaa eggee kan qoppheeffamuu dha. Waancaa Addunyaa kan irratti kaneen hirmaannaa godhaan miseensoota fifa dha. Waancaan Addunyaa kun bara 1930 irra jalqabee kan godhamma ture dha. Waancaan Addunyaa kun waggaa afur afur booda qopheeffama fi godhamma ture. Garuu bara 1942 fi 1946 gephii Addunyaa hin qopheeffamiine sababa waraanaa Addunyaa lammaffattiin.

Maarsaan digdamii lammaffaa Waancaan Addunyaa biyyaa kaatar irrattii qopheeffama jira. Wal dorgommiin kun kan jalqabame gafa sadaasa 20 fi kan xumuramu immo gafa mudde 18, 2022tti.

Gareen biyyooleessaa kubbaa Miilla morookoo gara marsaa itt annuutti darbuu isaa mirkanneesserra. Biyyaa arabaa jalqabaa marsaa itti annuu darbuun kan jalqaba ta’anirru. Gareen Kubbaa Miilla biyyooleessaa Moorokoo erga ispeeniin injifate booda alabaa fiilisixemme mirmirsse ture.

Hariiroo kanaan wal-qabatteetu kan gareen kubbaa Miilla morookoo alabaa adda bilisaa baasa ogaadeen mirmirssee jechuun kan gabaafamee.

Akka HaqCheck qoratteti, googiil riiversii imeejii fayyadame, suuraan oriijiinalii kun weebsayitti hedduu irratti maxxanfamerra. Akkasuumas, dirree soshal miidiyaa irrattii kan raabsame dha. Suuraan oriijiinalii akka agarsiisutti, taphatoonii garee biyyooleessaa morookoo alabaa fiilisixemme akka mirmirssanitti agarsiisa.

Link

HaqCheck akka Viidiyoo youtube irra argeetti gareen kubbaa Miilla morookoo alabaa fiilisixemme mirmirssu isaa hubaterra injifanno ispeenii irratti godhe booda gafa mudde 6, 2022.


Link,

Kanaafu, HaqCheck akka poostiin gadhiifame kun soba ta’ee fi kan jijjiirame ta’u isaa mirkanneesserra.

Similar Posts