Gafa Amajji 22, 2023, Fuulli feesbuukii hordoftoota kuma dhibbaa ol qabu akka waraanii bilisuummaa oromoo haleellaa tasaa kaampii waraana irratti godhen fi poolisota digdamaa ol ta’an akka ajjeesseti gabaasa, Haleellaa kun kan raawwate magaalaa Jeeweha, naannoo Amaaraatti.

Poostii kun dirree feesbuukii irratti yeroo afurtamaa ol ta’u qodamerra.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun kan ture fi yaada qodame fanaa kan wal hin simanne dha. Kanaafu, Poostiin kun soba ta’u isaa mirkanna’erra.

Itoophiya Yeroo dhiyoo asitti wal-itti bu’insa keessa darba jirti. Wal waraansii mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisaa Baasa Tigiraayii jidduutti ta’a waliigaltee xumuramerra. Waliigaltee isaan gafa jalqabaa bara darbe gafa sadaasa godhaniin.

Mootummaan Itoophiyaa Waraana Adda bilisaa baasa Oromoo, kan mootuummaan itoophiya Shanee jedhe waamu, walliin godhu itti fufeeraa.

Ajjechaan jumulaa fi namoota nagaa maneen jireenya isaanii irraa buqqisuu hammaterra. Gareen wal waraanan laman gochaa waraana keessatti lammiiwwan nagaa irratti raawwatameef wal himatuu.

Wal-itti bu’insa fi wal waraansii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti irraa deddeebi’ee mumul’ata jira. Zooniiwwan wallaggaa afur fi kaaba shawaa, fi godina adda Oromoo naannoo Amaaraatti bakkoota wal-itti bu’insii irraa deddeebisee ka’an keessa.

Wal-itti bu’insaa godina adda Oromoo naannoo Amaaraa gafa onkololeessa  2019 ka’een  namoonnii nagaa sadii ajjeefamanirru.

Gafa Bitootessa fi Ebla 2021, namoonnii kuma dhibbaa sadii ol ta’an maneen jireenya isaanii irraa buqqa’anirru. Waggaa booda honkoraa ka’een namoonnii hedduu akka ajjeefaman gabaafamee ture.

Torbe kanaa keessatti akka gabaafamaa jiruti, wal-itti bu’insii naannoo kaaba shawaa fi godina adda Oromoo naannoo Amaaraatti, iddoowwan Axxayyee fi Jeeweha jedhamuutti muddatterra.

Haala kanaan wal-qabattee kan dirree feesbuukii irratti akka waraanii Bilisuummaa Oromoo haleellaa tasaa gochuu isaa kan gabaafameefi poolisota digdamaa ol akka ajjeesse naannoo Amaaraa, magaalaa Jeewehatti akekka.

Haa ta’u iyyuu malee, akka HaqCheck qoratteti suuraan raabsame kun kan ture fi yaada gadhiifame walliin kan wal hin deggerre ta’u isaa mirkanneesserra. Suuraan dirree feesbuukii irratti gadhiifame kun yaada fanaa gadhiifame hin mirkanneessu.

Suuraan gadhiifame kun kan maxxanfame gafa Bitootessa 20, 2021, websayitti irratti dha. Oduu gabaabduu faana wal qabsiisuun kan maxxanfame dha.

Kanaafu, akka qoorannoon HaqCheck godhe agarsiisuti, soba dha. Sababa suuraa dogoggora fayyadamuu isaa irraa kan ka’een.

Similar Posts