Ebla 1, 2023 Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mamo Mihretu gaaffiifi deebii Televizhiina FBC wajjiin godhanirru, waliin taasisaniin, Itoophiyaan liqii alaa biyyoota biroo kan akka Keeniyaa, Sudaan, fi kibbaa afrikaa, waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee xiqqaadha jedhan.

Akkas  jedhan “Itoophiyaan liqiin alaa Doolaara Ameerikaan biiliyoona 28. Kunis [Itophiyaa] guddina oomisha biyya keessaa (GDP) keessaa %24 qofa. Kun biyyoota biroo wajjin wal qabamee yoo ilaalamu baay’ee guddaa miti. Fakkeenyaaf, liqiin Keeniyaa GDP ishee keessaa %70, kan Afrikaa Kibbaa GDP ishee %70, kan Sudaan %181 GDP ishee, kan USA’s GDP %115 ol ta’a.”

HaqCheck himannaa bulchaan baankii giddu galeessaa Maamo Mihretu qorate.

Reeshiyoon liqaa fi GDP yookaan dhibbeentaan liqaa (alaa, biyya keessaa, yookaan waliigalaa) fi GDP liqaa GDPn hiruun argama.

Liqiin Itoophiyaa alaa GDP keessaa %24 dhaa?

Eeyyee, GDP keessaa %24.6 dha.

Akka gabaasa Baankiin Addunyaatti, dhuma baatii waxabajjii 2021tti GDPn Itoophiyaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 111.27 ture.

Gabaasni waggaa bara baajataa 2021/22 Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa akka agarsiisutti GDPn Itiyoophiyaa Birrii tiriliyoona 5.9 ture.

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa gabaasa bara baajataa 2021/22 baaseen akka ibsetti liqiin mootummaa alaa Itoophiyaa Doolaara biiliyoona 27.9 kan gahe yoo ta’u kunis GDP keessaa %24.6 [garra Doolaara biiliyoona 113.5] ta’a.

Liqiin alaa Keeniyaa GDP ishee keessaa %70dhaa?

Lakki GDP ishee keessaa %33.7 dha.

Baankiin Addunyaa dhuma baatii waxabajjii 2021tti GDP Keeniyaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 110.35 akka ture ibseera.

Dhuma baatii waxabajjii bara 2021tti liqiin mootummaa alaa Keeniyaa Shilingii Keeniyaa biiliyoona 4,290.7 (USD biiliyoona 39, giddu galeessaan sharafa alaa fayyadamuun shallagame) yoo ta’u, kunis liqaa mootummaa waliigalaa biyyattii keessaa %50 akka ta’e Baankii Giddugaleessaa Keeniyaa ibseera.

Gabaasni dhiheenya kana ba’e akka agarsiisutti liqiin alaa Keeniyaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 37.87 ta’a.

Hanga waxabajjii 2022tti liqiin alaa Keeniyaa GDP ishee keessaa %33.7 akka ture Tiraazirarii Biyyaalessaa Keeniyaa ni mulisa. Liqiin mootummaa biyyattii Shilingii Tiriiliyoona 8.6 yoo ta’u kunis GDP keessaa %67.3 ta’a.

kanaaf  liqiin alaa Keeniyaa GDP ishee keessaa %70 hin ta’u. Kanaa mannaa GDP keessaa %33.7 dha.

Liqiin Afrikaa Kibbaa alaa GDP ishee keessaa %70 dhaa?

Lakki, GDP keessaa %39.28 hanga %40 ta’a.

Liqiin alaa Afrikaa Kibbaa hanga Muddee 2022tti Doolaara Ameerikaa biiliyoona 164.6 akka ta’e Baankii Rizaarvii Afrikaa Kibbaa, baankii giddu galeessaa biyyattii ibseera.

Guddina GDP Afrikaa Kibbaa ilaalchisee ragaan ofiisaa mootummaa biyyattii irraa argame hin jiru.

Baankiin Addunyaa fi Fandiin Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) GDP Afrikaa Kibbaa ilaalchisee lakkoofsa adda addaa lama dhiyeesseraa.

Baankiin Addunyaa akka jedhetti bara 2021tti GDPn Afrikaa Kibbaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 419.02 ture.

IMFn bara 2022tti GDPn Afrikaa Kibbaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 411.48 akka ture ibseera.

Lakkoofsi Baankii Addunyaa fi IMF irraa argame gidduutti giddu galeessaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 415.25 dha.

Kannaaf, reeshiyoon liqaa alaa fi GDPn %39.6 dha yoo lakkoofsa giddugaleessaa fayyadamne shallagne.

Lakkoofsa lamaan GDP Afrikaa Kibbaa yoo fayyadamne, dhibbeentaan liqiin alaa biyyattiin GDP ishee irraa qabdu 39.28 hanga 40% gidduutti argama.

Liqiin Sudaan alaa GDP ishee keessaa %181 dhaa?

Lakki GDP keessaa %150 dha.

Mootummaan Sudaan guddina GDP biyyattii ilaalchisee ragaalee yeroo dhiyoo hin maxxansine.

Baankiin Addunyaa akka beeksisetti GDPn Sudaan bara 2021 Doolaara Ameerikaa biiliyoona 34.33 ture. Garuu daataa dulloomaa waan ta’eef reeshiyoo liqaa alaa maallaqaa fi GDP shallaguu keessatti itti fayyadamuu hin dandeenyu.

Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) akka ibsetti GDPn Sudaan hanga bara 2022tti Doolaara Ameerikaa biiliyoona 42.76 ture.

Baankiin Giddugaleessaa Sudaan hanga waxabajjii 2022tti liqiin alaa Sudaan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 64.16 ga’eera.

Kanaaf, liqiin Sudaan alaa GDP ishee keessaa %150 ta’a.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mamoo Mihretuu, Dogoggoran liqaa mootummaa alaa Itoophiyaa fi waliigala liqaa mootummaa (biyya keessaa+alaa) Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, fi Sudaan wal bira qabanii ilaalani jirru.

Similar Posts