Maxxanssi fuula Feesbuukiii Afmeer tv jedhamu, hanga Mudde 20/2013tti hordoftoota 224,661 qaba. Maxxansa fuulli kun Muddee 20/2013 baaseen suuraa konkolaataa waraanaa ‘Pick Up’ kan loltoota feetee dhaabbattu fayyadamuudhaan looltoonni bulchiinsa mootummaa  naannoo Affaarii fi Somaalee daangaa naannoolee lameenii bakka addaa Sitti (iddoo duraan shinillee jedhamee beekkamutti) waraana cimaa wal irratti gaggeessaa jiru jechuudhaan maxxansee ture. Loltoota bulchiinsa mootummaa naannoo Affaar hedduu irras miidhaan cimaan akka gahee fi namoonni nagaan naannoo Somaalee sadi ajjeefamanii lama immoo madaa’aniiru jedhee ture.  

Haa ta’uu malee, HaqCheck-iin gocha raawwatame jedhamee fi suuraa akka ragaatti dhihaate wal bira qabee qorachuudhaan suuraan fuula Feesbuukichaa irratti maxxanfame   lola daangaa naannoo Affarii fi Somaalee gidduu tibbana ture akka hin muldhisne dhugoomseera.  Kanaafuu, HaqCheck-iin maxxanssi fuula Feesbuukii kanaa soba jedheera.   

Maxxansi jalqabaa Afaan somaalii irraa gara Afaan Ingliffaatti hiikame.

 

Loltoonnii naannoo Affaarii fi gosti Somaalee Issaa jedhamu waggoota kudhanii oliif sababoota adda addaatiif walitti bu’aa turaniiru. Yerroo dheeraadhaaf walitti bu’iinsi hawaasaa daangaa bulchiinsa mootummaa naannoo Affaarii fi Somaalee giddutti irra deddeebiidhaan mul’ataa tureera. Keessattuu goodinaalee naannoo Somaalee saglan keessaa tokko kan taate godinni Shinillee fi goodinaalee Bulchiinsa mootummaa naannoo Affaar kan ta’an Gabi Rasuu fi Awsirasuu giddutti walitti bu’iinsi hawaasaa cimaan irra deddeebiidhaan muldhataa tureera.   Lafti nannoolee lamaan giddutti yeroo dheeraadhaaf sababa walitti bu’iinsaa ta’ee ture kan akka magaalota xixiqqoo Undaafoo, Gedamayatu fi Adiyattu jedhaman daangaa bulchiinsa naannoo Affaar keessatti argamu. Sababni walitti bu’iinsaa cimaan inni biraan gosti sumaalee Issaa jedhamu hedduminaan magaaloota godinaalee naannoo Affaar eeraman keessa jiraachuudha.  Kaka’umsa muummicha misteeraa Itoophiyaa yeroo saniitiin, bara 2006 A.L.Htti naannoo Affaarii fi Somaalee giddutti waliigalteen araaraa furmaata fida jedhamee yaadame mallattaa’ee ture. Haaluma sanaan, bakkeewwan waldhabdeedhaaf sababa ta’an sadi godina addaa ta’uudhaan naannoo Affar jala akka galan murtaa’ee ture. Bu’uuruma sanaan, aanaan Gedamayatu aanaa Ambirra jedhamu jala, aanaan Undaffoo aanaa Gewannee jala kan galee fi aanaan Adiyattu immoo aanaa Millee jala akka galtu taasifame.

Haa ta’uu malee Caamsaa 2011 naannoon Somaalee waliigaltee bara 2006 naannolee lamaan giddutti taasifamee ture bu’uura heeraa kan hin qabnee fi fedhii ummataatiin ala  kan taasifameedha jettee kufaa gochuudhaan, gandoota bu’uura waliigaltee taasifamameetiin naannoo Affaar jala galuu qaban dabrsitee kennuu didde. Ji’oota lamaan darban kanaa asitti naannolee lamaan gidutti lolli akka haarawaatti irra deebi’ee eegalamuu fi kanaanis wal qabatee namoonni 27 ajjeefamuun gabaafamaa tureera. 

Kanumaan walqabatee maxxansi fuula Feesbuukii suuraa konkolaataa loltoota feetee dhaabbattu maxxansuudhaan, daangaa  naannoo Affaarii fi Somaalee giddutti lolli cimaan adeemaa jira jedhee maxxansee ture. Haa ta’uu malee, Teekinoolojiin suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘reverse image search’ akka agarsiisutti suuraan fuula Feesbuukii kanaan suurri yaada jedhame agarsiisuudhaaf maxxanfame lola amma naannolee lamaan giddutti uumame kan hin agarsiifneedha.  Suurichi yeroo jalqabaatiif  Ebla 26, 2010 barreeffama lolli humnoota naannolee lameen giddutti gaggeefamaa tureera jedhu qabatee maxxanfame. Guutuu barreeffamichaa hidha kana cuqaasuun ilaaluun ni danda’ama.

Suuraa isa sirrii

Daangaa naannolee Affaarii fi Somaalee irratti walitti bu’iinsi yeroo dheeraa jiraachuun akkuma jirutti ta’ee,  HaqCheck-iin taatee raawwatame jedhamee fi suuraa akka ragaatti fuula Feesbuukii kana irratti maxxanfame qorachuudhaan suuraan konkolaataa loltoota lola yeroo amma naannoo Somaalee fi Affaar gidutti deemaa jiru kan hin agarsiiifne ta’uu mirkaneessee jira.  Kanaafuu, maxxanssi fuula Feesbuukii kun soba jedheera.  

Dhugummaa kan qorate:  Hagos Gabramlaak

Gulaalaan : Buruuk Nagaash Xa’aamee

Afaan Ingliffaa irraa Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir 

Barruun kun qaama haqummaa qorannoo HaqCheck, miidiyaa Addis Zeybe kan afaanota Shan: Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalii, Afaan Ingliffaa fi Tigiranyaan gaggeefamuuti.

Similar Posts