Maxxanssi fuula Feesbuukii Waan Ofii jedhamu, kan hanga gaafa Muddee 21/2013tti hordoftoota 39,000 qabu ta’e loltoonni Sudaan lakkofsaan hedduu ta’an hidhannoo guutuu wajjin gara daangaa Itoophiyaatti dhufaa jiru jechuudhaan maxxanssee ture.   Haa ta’uu malee,  HaqCheck-iin taatee raawwatame jedhamee fi suuraa akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan maxxansichi soba ta’uu dhugoomseera.  

Tibba darbe irraa eegalee daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti walitti bu’iinsi jiraachuun gabaafamaa tureera. Mudde 9/2013 loltoonni Sudaan akka beeksifteetti daangaa wal dhabdee biyyoota lamaaniitiif sababa ta’e qabadheera jechuudhaan beeksistee turte. Akkasumas, miidiyaaleen biyya keessaa fi alaa Sudaan loltoota ishee hedduminaan gara daangaa Itoophiyaatti bobbaasaa akka turte gabaasaa turaniiru. Dhimma walitti bu’iinsa daangaa biyyoota lamaanii irratti dubbi himaan ministeera haajaa alaa Itoophiyaa, Ambasaaadar Diinaa Muftiin Mudde 21/2013 ibsa Miidiyaaleef kennanii turani. Ibsicha irratti Muddee 1/2013 irraa eegalee Loltoonni Sudaan gara daangaa Itophiyaa seenuudhaan qonnaan bultoota daangaa irra jiraatan irratti rakkoo qababsiisaa turuu fi lubbuu namaa fi miidhaa qabeenya irraan geessisaa turuu Ambaasaaddarichi dubbataniiru. Akkasumas, waldhabdee daangaa biyyoota lamaanii gidduutti uumameef furmaata saffisaa buusuuf mariin eegalamuus  Ambaasaaddar Diinaan ibsanii turani. 

 

Kun akkuma jirutti ta’ee, teeknoolojiin ‘reverse image search’ suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu akka agarsiisutti, suuraan loltoonni biyya Sudaan hidhannoo guutuudhaan hedduminaan gara daangaa Itoophiyaatti seenaa jiru jechuudhaan fuulli Feesbuukichaa maxxansee ture soba ta’uu dhugoomsee  jira. Suuraan akka ragaatti dhihaate kunis yeroo jalqabaatiif gaafa Adoolessa 6/2000 madda oduu biyya Turkii  Haber7.com jedhamu irratti loltoonni Yaman kutaalee biyya Turkii muraasa qabatte jechuudhaan kan maxxxanfamee turedha. 

 

Yeroo dhihoo asitti daanagaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti walitti bu’iinsi daangaa jiraachuun kan hin haalamne ta’us, suuraan fuula Feesbuukii kanaan loltoonni Sudaan hidhannoo guutuudhaan hedduminaan gara daangaa Itoophiyaatti seenaa jiru jechuudhaan maxxanfame soba ta’uu HaqCheck-iin dhugoomseera. Kana irraa ka’uudhaan maxxansichi soba jedheera.   

Dhugummaa kan qorate: Rohobot Ayyaloo

Gulaalaan: Biruuk Nagaash Xaa’amee 

 Afaan Ingliffarraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir 

Baarruun kun qaama qorannoo dhugummaa Haq Check, miidiyaa Addis Zeybe, afaanota Shan; Afaan Oromoo, Afaan amaaraa, Afaan Ingliffaa, Afaan Somaalii fi Tigirinyaa tiin gaggeefamuuti.

Similar Posts