Fuulli Tiwiitarii   Stop Ahmara Genocide jedhu, meeshaalee qara qaban kanneen akka Eeboo fi  Cuuphee mana jireenyaa bulchiinsa bulchaa aanaa Dibaatee keessatti argame jechuudhaan gaafa Ammajjii 14,2013 maxxansee ture.  Fuulli kun hanga gaafa Ammajjii 14/2013 tti qofa hordoftoota 3,582 qaba. Meeshaaleen kunniin namoota saba Amaaraa ta’an kan naannoo sana jiraatan ittiin haleeluudhaf kuufame jechuudhaan maxxansee ture. Barreeffamni afaan Amaariffaan fuulicha irratti barraa’e akkas jedha, “Namni maqaansaa Dabalii Belfago jedhamu bulchaa aanaa Dibaatee kan godina Matakkal keessatti argamu yeroo bulchaa turetti namoota hedduu waan ficcisiiseef aangoon dabalameefii gara Matakalitti dhufe.”  Sakata’iinsa  taasifameen Meeshaaleen qara qaban adda addaa suuraa irratti muldhatan kunniin mana isaa keessatti kan argame yoo ta’u, meeshaaleen kunniinis jiraattota aanichaa sabaa Amaaraa ta’an haleeluudhaaf kan qophaa’eedha jechuun barreesseera. Haa ta’uu malee,HaqCheck suuraalee meeshaalee qara qaban kanneen qorachuudhaan meeshaaleen kunniin mana bulchaa Aanaa Dibaatee keessatti akka hin argamnee raggaasisuun barreeffamni is  soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Naannoo Beenishaangul Godina Matakaliitti walitti bu’iinsii fi buqaatiin lammiilee irraa deddeebiidhaan muldhata jira . Sababa walitti bu’iinsaa hawaasaa Naannoo Beenishaangulii fi naanoo isheetti dabalaa dhufeen bulchiinsi Mootummaa Naannoo Amaaraa fi  bulchiinsi Mootummaa Naannnoo Beenishaangul komii jabaa walitti kaasuu eegalaniiru. Muummee Ministeera Dr.Abiyyi Ahmad, Minesteera Nageenyaa Adde Mufaariyaat Kaamilii fi Itti aanaa Muumee Minesteera fi Itaamajor shuumiin humna waraana Itoophiyaa Generaal Biraahanuu Juulaa gaafa guyyaa 13/4/2013 gara naannoo Beenishaangulitti imaalanii Pirezadaantii Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Beenishaangul obbo Alshaadli Haasan fi kutaalee hawaasaa adda addaa wajjiin haalaa nageenyaa naannichaa irratti mari’atanii turan. Akka  Amhara Mass Media Agency’n gabaasetti ajeechaa hamaan sabummaa irratti xiyyeeffatte Godina Matakkal Aanaa Buleen ganda Bikuji jedhamu keessatti gaafa guyyaa 14/4/2013 raawwatame ture.

 

Walitti bu’iinsa hawaasaa naannoo Beenishanguul godina matakkal keessatti irra deddeebiidhaan muldhataa ture wajjiin wal qabachuudhaan maxxansi fuula tiwiitarii meeshaleen suuraa irratti muldhatan kun mana Godina matakkalitti Bulchaa Aanaa Deebiti keessatti kan argamee fi meeshaleen kunis jiraatoota sabaa Amaaraa ta’an haleeluudhaaf kuufame jechuudhaan maxxanfame.   Haa ta’uu malee, teeknoolojiin suuralee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘reverse image search’ jedhu akka agarsiisutti suuraan fuula tiwiitar kana irratti maxxanee meeshaalee qara qaban mana bulchaa aanaa deebit keessatti argame jedhame soba ta’uu dhugoomseera.  Suurichis yeroo jalqabaatiif  Muddee 12, 2012 fuulaa Facebook Ethiopian Broadcasting Corporation (EBC)irratti meeshaalee qara qaban adda addaa 2,765 ta’an  Magaalaa  Dabra Biraahanitti qabame jechuudhaan maxxanfame dha.  Meeshaleen kunniinis osoo konkolaataa Isuzuudhaan magaalaa dasseerra gara Finfinneetti geeffamuuf jiran Magaalaa Dabra Biraahanitti kan qabamaniidha. Suuraa kana karaa hidha kanaatiin argachuun ni danda’ama.  The weapons were seized from an Isuzu when on the way from Dessie to Addis Ababa. The original post can be accessed with the following link.

 Suuraan inni lammataa yeroo jalqabaatiif  Sadaasa 18/2013 fuula Facebookii Debre Markos ዴንማርክ jedhu irratti meeshalee kunniin mana jireenyaa dureessa ajjeechaa jumlaa Chaanyii keessatti hirmaataanii keessatti aragame jechuudhaan  maxxansse. Suuraan inni sirrii karaa hidha kanaan arggachuun ni danda’ama.   

Suuraa isa sirrii:

Suuraa isa sirrii lammaffaa:

 Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessatti walitti bu’iinsi hawaasaa irra deddeebiidhaan muldhachaa jiraachuun akkuma jirutti ta’ee, suuraan fuula Tuwiitarii kana irratti ta’ii raawwate jedheef akka ragaatti maxxanee soba ta’uu isaa  Haq Check-iin dhugoomseera.   

Haqummaa kan qorate: Hagos Gabramlaak 

  

Gulaalaa: Buruuk Nagaasha xa’aammee

 

Kan Afaan Ingliffaa irraa gara Afaan Oromootti  hiike: Abdullaahii Abdurqaadir

Barruun kun qaama haqummaa qorachuu Haq Check, Addis Zeybe, Afaanoota shan;  Afaan Oromiffaa, Afaan Amaariffaa, Tigiriffaa, Afaan Ingliffaa fi Somaaliin taasifamuuti.

Similar Posts