Maxxansi fuula Feesbuukii  armaan gadii  Afaan Tigiriffaatiin maxxanfame konkolaataan fe’umsaa gurguddaan kunneen qabeenya naannichaa saamuudhaaf gara Tigiraayitti imalaa jiru jechuudhaan maxxansuudhaan, hiriyoonni fuula feesbuukichaa (23,253) akka qoodaniif gaafate.  Haa ta’uu malee, Haqcheck-iin barruufi  suuraa akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan gochaa raawwatame jedhame odeeffannoo sobaa ta’uu mirkaneessee jira.  

 Lola Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii humna addaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Tigiraay giddutti Onkoloolessa 28/ 2013 eegale hordofuudhaan, naannicha keessatti tasgabbiin dhabamuun ni beekkama.  Lolli gama tokkoon  Raayyaa ittisa Biyyaa fi Poolisii humna addaa bulchiinsa  Mootummaa Nannoo Amaaraa; gama kaaniin immoo Poolisii humna addaa Bulchiinsa Naannoo Tigiraay gidduutti ji’a tokkoo oliif gaggeeffamaa turuudhaan, dhuma irratti Raayyaan ittisa biyyaa gaafa Sadaasa 19/2013 Magaalaa gudditti Nannoo Tigiraay, Maqalee qabachuudhaan goolabame. Haa ta’uu malee, ammas lolli naannicha keessatti kan hin dhaabannee fi hooggantoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay Maqaleetti dhihoo taanee waraana ittisaa gaggeessaa jirra jechuudhaan ibsaniiru. .

Lolichaan walqabatee komiin konkolaattonni fe’uumsaa gurguddaan qabeenya Naannoo Tigiraay saamuudhaaf dhufan jedhu fuula feesbuukii irratti maxxanfamee ture. Haa ta’uu malee Haqcheck-iin Konkolaatonni jedhaman qabeenya Naannoo Tigiraay saamuudhaaf Eertiraa irra dhufan jedhame kana mala suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘ reverse image search’ fayyadamuudhaan qoratee,  konkolaatonni fe’uumsaa gurguddaa kunnneen kan dhaabbata Ijaarsaa biyya  Xaaliyaanii Piccini jedhamuu akka ta’ee fi suurichi kan kaafame yeroo dhaabbatichi Eertiraa naannoo Matsawwaatti manneen jireenyaa fi Reesoortii ijaaraa tureedha.  Suurichis  yeroo jalqabaatiif Bitootessa bara 2013 kan maxxanfamee ture karaa hidha armaan gadiitiin argachuun ni danda’ama. 

Suuraan inni lammataa immoo Konkolaatoota fe’uumsaa gurguddaa dullooman biyya Eertiraatii fudhatamanidha.  Malli suuralee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘reverse image search’ akka agarsiisutti, suurichi yeroo jalqabaatiif karaa marsariitii biyya Ameerikaa Flicker jedhamu kan suuralee fi Viidiyoo gara garaa facaasuudhaaf gargaaru irratti akka lakkoofsa awuroophaatti bara 2012tti kan  maxxanfamee ture yoo ta’u hidha kana cuqaasuun argachuun ni danda’ama.

Yeroo maxxansi kun maxxanfametti Naannoo Tigiraay keessatti loolli fi jeequmsi jiraachuun akkuma jirutti ta’ee,  maxxansi fuula feesbuukii kana irratti Konkolaattonni gurguddoon qabeenya nannooTigiraay saamuudhaaf Eertiraa irraa dhufan jedhu soba ta’uu  HaqCheck-iin soba ta’uu mirkaneessera.

 Mirkanummaa Kan qorate: Hagos Gabramlaak

Gulaalaan : Biruuk Nagaash Xa’aamee

Kan hiike: Abdullaahii abdulkaadir Dibbillu 

 

Barruun kun qaama mirkanummaa qorannoo Haq Check, Addis Zeybe jedhamu Afaanoota shan: Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Somaalii, Tigirinyaa  fi Afaan Ingliffaatiin taasifamuuti.

Similar Posts