Mootummaa Naannoo Tigiraayitti Dhuguma Raayyaan ittisa biyyaa Meeshaalee Woraanaa gurguddaa fayyadamuudhaan   Bu’uraalee misoomaa mancaasaa jiraa? 

Suuraan fuula maxxansa Facebook maqaa Felmi Bar jedhuun maxxanfame, kan  hanga gaafa guyyaa 7/ 12/ 2020 A.L. A tti hiriyoota Facbook 5000 qabu,  duula Humni ittisa biyyaa naannoo Tigiraay keessatti gaggeesse fi gochaa Fuulli Feesbuukii kun Raayyaan ittisa biyyaa raawwate jechuudhaan gaafa guyyaa 7/12/2020 maxxanse kan agarsiisuu miti. Akka Maxxansa Fuula Facebook kanaatti, Humni Ittisa Biyyaa, Naannoo Tigiraayitti,  itti yaadee Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay ( ABUT) itti gaafatamaa gochuudhaaf, misoomalee bu’uuraa mancaase jedhe.  HaqCh’n barruu fi suuroota akka ragaatti dhihaatan qorachuudhaan, suurri inni jalqabaa guutumaatti soba ta’uu mirkaneesseera. Suuraan inni lammataa immoo iddoo kamittuu maxxanfamee akka hin jirre dhugoomsee jira. 

 

 

Akkuma suuraa armaan olii irraa muldhatutti, maxxansichi gochaa rawwatame jedhe ragaadhaan deeggaruudhaaf suuraale lama maxxansee jira.   Suuraan inni jalqabaa dhukaasa meeshaa waraanaa cimaa kan agarsiisu yoo ta’u, suurichi inni lammataa immoo nama dhuunfaa ufftaa woraanaa uffachuudhaan meeshaa waraanaa cimaa dhukaasuudhaaf jedhu agarsiisa. Akka fuulli  Feesbuukii kun jedhutti, iddoon gochi kun itti raawwate naannoo Tigiraay kutaa kam akka ta’e ifatti osoo hin kaahiin, humni ittisa biyya Naannoo Tigiraay keesatti bu’uuraalee misoomaa mancaasaa jiru jechuudhaan suuricha akka ragaatti dhiheessee jira. 

Akkuma beekkamu yeroo ammaa kanatti  Naannoo Tigiraay keessatti lolli cimaan Raayya ittisa biyyaa fi poolisii humna addaa Naannoo Tigiraay giddutti deemaa jira. Akkasumas, komiin Raayaan ittisa biyyaa fi poolisiin humna addaa, naannicha keessatti qabeenya dhuunfaa fi bu’uuraalee misoomaa mancaasaa jiru jedhu irra deddeebiidhaan, itti gaafatamaa dhimmoota Kominikeeshiin Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Tigiray, obbo Geetaachoo  Raddaa dabalatee, qaamota heddu irraa ka’aa turee jira.   Haa ta’uu malee, sababa tajaajilli bilbilaa fi intarneetaa naannicha keessatti hin dalagneef odeeffannoo gahaa argachuu hin danddeenye. 

Suuraa 1: Suuraa isa sirrii 


 Suuraa 2:  Suuraa jijjiirame  


Taajaajilli  teeknolojii  ‘reverse image search’ jedhamu kan suuraalee sobaa adda baasuudhaaf fayyadu akka agarsiisuutti, suurichi raayaan ittisa biyyaa fi poolisiin humna addaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa,  naannoo Tigiraayitti bu’uuraalee misoomaa mancaasaa jiru. jiru jedhu soba. Faallaa isaatiin, suurichi yeroo jalqabaatiif madda oduu
Indian Ocean Newsletter  jedhamu irratti gaafa guyyaa  Caamsaa 7/2011 A.L.A maxxanfame. Suurichis lola Itoophiyaa fi Eritiraa kan agarsiisuudha.  Suuraan lammataa iddoo birootti hin maxxanfamne.  

 Naannoo Tigiraay keessaati loolli cimaan meeshaalee woraanaa gurgguddaadhaan deeggaramee ture  jedhamee fuula kana irratti bahus qorannoon HaqCheck suuricha irratti godhe akka agarsiisutti suuricha fuula Facebook  kana irratti maxxane gocha raawwatame jedhame kan hin hin agarsiifnee fi sobaadha.. 

Mirkanummaa kan qorate: Abdullahii Abdurqaadir  

Gulaalaan:   Bruck Negash  

Barruun kun qaama  dhugummaa qorannoo Haq Check, Addis Zeybe jedhamu Afaanoota shan Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Somaalii, Tigirinyaa  fi Afaan Ingliffaatiin gaggeeffamuuti.

 

 

 

 

 

 

Similar Posts