Fuulli Feesbuukii Arhaa Wayyaanayi Tagaaruu jedhamu, kan hanga Muddee 16/2013tti hiriyoota 5,000 kan qabu yoo ta’u, suuraa namoota lamaan armaan gaditti mul’atanii maxxansee ture. Namoonni lamaan kunneenis lammiilee nagahaa loltoota Eerteraatiin Tigiraay keessatti ajjeefaman jedhe ture. Akka Fuula Feesbuukii kanaatti namoonni nagayaa lameen kunniin naannoo Tigiraayitti loltoota Eertiraatiin ajjeefaman. Haa ta’uu malee, HaqCheck dhugummaa taatee raawwate jedhamee fi suuraa akka ragaatti dhihaate  qorachuudhaan, namoonni lamaan suuraa irratti mul’atan kunneen naannoo Tigiraayitti loltoota Eerteraatiin akka hin ajjeefamne dhugoomseera.

Onkoloolessa 28/2013 irraa eegalee naannoo Tigiraayi keessatti lolli Raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii humna addaa naannoo Tigiraay giddutti gaggeeffamaa tureera. Akkasumas, odeeffannoon hin mirkanoofne loltoonni Eerteraa lola naannoo Tigiraayitti Raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii humna addaa naannoo Tigiraay giddutti gaggeefamaa ture keessatti hirmaataniiru jechuun gabaafamaa tureera. Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin, odeeffannoon loltoonni Eerteraa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti gaggeeffame keessatti hin hirmaanne jechuudhaan haaleera.

Haala kanaan wal qabachuudhaan fuulli Feesbuukii kun namoonni lamaan suuraa irratti argaman kunneen loltoota Eerteraatiin naannoo Tigiraay keessatti ajjeefaman jechuudhaan maxxansee ture.  Haa ta’uu malee,  Teeknoolojiin suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘reverse image search’ jedhamu akka agarsiisutti,  suurichi namoota Tigiraay keessatti ajjeefaman jedhame kan hin agarsiifneedha. Suurichi yeroo jalqabaatiif Sadaasa 22/2009 fuula Tuwiitaraa awaale afcad jedhamu irratti taatee biyya Liibiyaa keessatti raawwate agarsiisuuf kan maxxanfameedha. Akkasumas, suurichi suuraalee biroo sadi wajjiin kan maxxanfameedha.   

Suuraa jijjiirame 

Suuraa isa sirrii  (awaale afcad)

Yeroo adda addaatti komii fi odeeffanoowwan hin mirkanoofne loltoonni Eerteraa lola Tigiraay keessatti hirmaatan jedhu qaamota adda addaa irraa ka’aa tureera.  Haa ta’uu malee, HaqCheck-iin suuraa namoota lamaan loltoota Eertiraatiin Tigiraay keessatti ajjeefaman jedhamaanii qorachuudhaan odeeffannichi dhugaa akka hin taane mirkaneesee jira.  Kanaafuu, HaqCheck maxxansi fuula Feesbuukii kun soba jedheera. 

Haqummaa kan qorate : Hagos Gabramlaak

Gulaalaan : Biruuk Nagaash Xa’aamee

Afaan Ingliffaa irraa  afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir

Baarruun kun qaama qorannoo dhugummaa HaqCheck, miidiyaa Addis Zeybe, afaanota Shan: Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Ingliffaa, Afaan Somaalii fi Tigirinyaatiin gaggeefamuuti.

Similar Posts