Fuulli feesbuukii Ethiopian Press Agency/The Ethiopian Herald jedhamu, kan hanga gaafa barruun kun barraa’etti hordoftoota 39,253 qabu, maxxansa gaafa Ammajjii 4, 2020 maxxanseen magaalaa Maqalee keessatti sochiin tiraafikaa akka duraatti deeb’eera jedhee ture. Yaadicha deeggaruudhaaf immoo suuraa armaan gadii maxxansee ture. Fuulli feesbuukichaa to’annoo jala ooluu hooggantoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay  hordofuudhaan magaalaa Maqalee keessatti sochiin tiraafikaa akka duraatti deebi’eera jechuudhaan dura kantiibaa magaalaa Maqalee yeroo kan ta’e obbo Ataakilti Hayilasillaaseetiif af-gaafii godhee ture.  Haa ta’u malee, HaqCheck-iin maxxansichaa fi suuraa akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan suuraan fuula feesbuukii kanaan maxxanfame magaalaa Maqalee keessatti sochiin tiraafiikaa haala duriitti deebi’uu akka hin agarsiifne dhugoomseera. Kanaafuu, HaqCheck-iin maxxansichi soba jedheera. 

 

Onkoloolessa 26, 2013 irraa eegalee raayyaa ittisa biyyaa kan mootummaa federaalaatiin hoogganamuu fi poolisii humna addaa naannoo Tigiraay kan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraayiin hoogganamu gidduutti lolli adeemaa tureera.  Lollli eegalee ji’a tokkoof torban sadii booda mootummaan federaalaa Maqalee qabachuudhaan lolli xumurameera jedhee labsee ture. Akkasumas yeroo dhihoo asitti mootummaan federaalaa miseensotaa fi hooggantoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay hedduu to’annoo jala oolchaa akka jiru ibseera. Miseensonnii fi hooggantoonni Adda Bilisichaa hedduunis hidhamaniiru.  Magaalaan Maqalee to’annoo Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay jalaa bahuu hordofuudhaan obboo Ataakilti Hayilasillaasee kantiibaa yeroo magaalaa Maqalee ta’uun muudamee ture. 

Haala kanaan wal qabachuudhaan fuulli feesbuukii ‘Ethiopian press agency’ jedhamu kan  madda oduu mootummaa ta’e, tajaajilli tiraafikaa lola naannichaa keessatti geggeefamaa turee fi to’annoo seeraa jala oolfamuu hooggantoota ol-aanoo Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay booda magaalaa Maqalee keessatti iddoo duraatti deebi’eera jechuudhaan suuraa armaan gadii kana maxxansee ture.  Haa ta’uu malee, HaqCheck-iin teeknoolojii suuralee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu google reverse image search jedhamu fayyadamuudhaan suuraa fuula feesbuukii kana irratti maxxanfame qorachuudhaan, suurichi tajaajilli tiraafiikaa magaalaa Maqalee keessatti iddoo duraatti deebi’uu kan hin agarsiifne ta’uu dhugoomseera. Suuraan fuulli feesbuukichaa kan ammaati jedhee maxxanse waggaa 15 dura gaafa Bitootessa 4,1998 kan kaafamee fi yeroo jalqabaatiif Ammajjii 9,1999 giddu gala qoodinsa barreefamootaa fi suuraalee adda addaa Wikimedia Commons jedhamu irratti kan maxxanfamedha. Suurichis handhuura magaalaa Maqalee yeroo sanaa kan agarsiisuudha.  Maxxansa jalqabaa suuraa kanaa argachuuf hidha kana irratti cuqaasaa.

Qaamonni lolli Tigiraay keessatti hin dhaabanne jedhu akkauma jiraatullee, mootummaan yeroo adda addaatti lolli naannoo Tigiraaay keessatti gaggeeffama ture goolabamuu fi miseesnssonni, deeggartoonnii fi hooggantoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay hedduun to’annoo seeraaa jala oolfamaa jiraachuu beeksisaa tureera.  Haa ta’uu malee, HaqCheck-iin suuraa fuula feesbuukii kanaan akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan suurichi tajaajilli tiraafiikaa lola naannicha keessatti gaggeefamaa ture booda iddoo duraatti deebi’uu akka hin agarsiifne dhugoomseera. Kanaafuu, maxxansi fuula feesbuukichaa soba jedheera.

Dhugummaa kan qorate;  Hagos Gabramlaak

Gulaalaan: Biruuk Nagash xa’aamee

Afaan Ingliffaa irraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir

Barruu kun qaama dhugummaa qorannoo HaqCheck, Addis Zeybe afaanota shaniin:  Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Ingliffaa, Afaan Somaalii fi Tigiranyaan gaggeefamuuti.  

Similar Posts