Maxxansi fuula feesbuukii World page jedhamu, kan hanag gaafa Ammajjii 2, 2013tti hordoftoota39,253 qabu, suuraan armaan gadii kana maxxanssuudhaan Harreen Konkolaataa keessatti muldhattu kun Tigiraay irraa loltoota  Eerteraatiin hatamte jedhe.   Maxxansi kunis lola naannoo Tigiraayitti adeemsifamaa ture fi sanaan wal qabatee tasgabbiin dhabamuu naannicha keessatti uumamee ture wajjiin wal qabtee kan maxxanfamedha Maxxanssichi laakkoofsa gabatee Konkolaatichaa kan biyya Eerteraa ta’uu agarsiisuudhaan, gochaa raawwatame jedhe mirkanneessuuf akka ragatti fayyadameera.  Maxxansi kunis marsaatii hawaasaa irratti dubbii ijoo ta’uudhaan hanga gaafa barruun kun barraa’uutti namoota 45’n qoodamee ture.   Haa ta’uu malee,HaqCheck maxxansichaa fi suuraa gochaa raawwatame jedhame agarsiisa jedhamee akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan suurichi ta’ee raawwatame jedhame kan hin agarsiifnee fi kan jijjiirame ta’uu ta’uu dhugoomseera. 

Gaafa Onkololeessa 26, 2013 irraa eegalee Raayyaa ittisa biyyaa kan mootummaa fidiraalaatiin hoogganamuu fi poolisii humna addaa naannoo Tigiraay kan Adda Bilisa baasaa ummatoota Tigiraayiitiin hoogganamu giddutti lolli adeemaa tureera.  Akkasumas, yeroo dhihoo asitti mootummaan fidiraalaa miseensotaa fi hooggantoota olaanoo Adda bilisa baasaa ummata Tigiraay safisaan to’annoo jala oolchaa akka jiru beeksisee ture.  Waraana naannoo Tigiraay keessatti gaggeefamaa turee fi tasggabbiin dhabamuu sanaan wal qabatee naannicha keessatti uumame irraa ka’uudhaan yeroo adda addaatti komii fi gaabaasni hin mirkanoofne loltoonni Eerteraa lola nannoo Tigiraayitti gaggeeffamaa ture keessatti qooda fudhataniiru jedhu ka’aa tureera.   Dabalataanis, komiin lolttoonni Eerteraa qabeenya Tigiraay saamaa jiru jedhu irra deddeebiidhaan ka’aa tureera. 

Haala kanaan wal qabachuudhaan maxxansi fuula feesbuukii Harreen loltoota Eerteraatiin Tigiraay keessaa hatamaatee konkolaataan fudhatamaarti jedhu maxxanfame.  Haa ta’uu malee, HaqCheck teeknolojii suuraalee sobaa adda baasuudhaaf tajaajilu ‘google reverse image search’ jedhamu fayyadamuudhaan suuraa gochaa raawwatame jedhame deeggaruudhaaf akka ragaatti dhihaate qorrachuudhaan suurichi ta’ee raawwatame jedhame akka hin agarsiifnee fi maxxansa sobaa akka ta’e dhugoomseera.  Suurichi kunis yeroo jalqabaatiif gaafa Hagayya 18,2011  giddu gala facaasa suuraalee fi suur- sagalee biyya Ameerikaa Reddit’ jedhamu irratti maxxanfamedha. Suuraa isa sirrii karaa hidha kanaan arggachuun ni danda’ama. 

 Suuraa jijjiirame

Suuraa isa sirrii

Yeroo maxxansi fuula feesbuukii kun maxxanfamutti koomii fi gaabaasni hin mirkanoofne loltoonni Eerteraa lola naanno Tigiraay keessatti hirmaataniiru jedhu baha tureera. Akkasuams ,loltoonni Eertera kun qabeenya ummata Tigiraay saamaa jiru komiin jedhus irra deddeebiidhaan ka’aa tureera. Haa ta’uu  malee,  HaqCheck gochaa raawwatame jedhamee fi suuraa akka ragaatti dhihaate qorachuudhaan gochaa raawwatame jedhame soba ta’uu fi surichi kan jijjiirame ta’uu dhugoomseera.

Dhugummaa kan qorate: Hagos Gabramlaak

Gulaalaan : Biruuk Nagaash Xaa’amee

Afaan Ingliffaarraa gara Afaan oromootti kan hiike: Abdullaahii Abdurqaadir 

 

 Barruun kun qaama dhugummaa qorannooHaqCheck, Addis Zeybe afaanota shan; Afaan oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Ingliffaa, Afaan Somaalii fi Tigiranyaatiin taasifamuti.  

Similar Posts